Gorsaa Fi Nageya Muumme'ee
1Gara keessan dhufiis kiyya kun yennaa sadeesso'oo ti; akkuma Barreeffam Woyyichi jedhu, «Himannaan marti dhugaa baatota lamaan yookiin sadiin mirkanootti».2Ani yennaa lammeesso'oo isin ilaaliisaaf dhufee isin woliin jiru, isin ifi eeggachiiseera. Ammalle fagoo jiraadhee, worra tanaan qara cubbuu hujee fi worra dhibiille ifi eeggachiisa; amma yennaa gara keessan deebi'ee dhufu eennulle hin hilu.3Isin ka ana keessa jiraatee dubbatu Kiristoos akka te'e mirkaneeffatiisaaf barbaaddan; ka isin keessatti mudhatulle hunna isaa ti malee, dadhabbii isaatii moti.4Inni fannoo gubba'atti fannifamee ka du'e dadhabbi'iin te'ulle, amma hunna Waaqaatiin jiru'uun le'a; nuutille isa woliin dadhaboolee teeneerra; tokkummaa isin woliin qannuun ammoo, isa woliin hunna Waaqaatiin leena.5Dhugeeffanna'aan akka jirtanu beekiisaaf ifi qorqora'a; haga ifi ilaala'a; Yesuus Kiristoos akka isin keessa jiru hin hubannee? Yoo akkas hin te'in haga ilaallatamaan jiddaneertan jechu'u.6Nuuti haga ilaallatamaan akka hin jigin hin beettan jedhee addadha.7Waan hantuu akka isin hin hunye, gara Waaqa daadimanna; wonni daadimannuufille nuuti haga ilaalcha taruu dhannee yoo dhagganne, isin yennaa maraa waan dansaa akka gootanuuf malee, haga ilaalcha tariisa keenna mudhisiisaafii moti.8Nuuti dhuga'aaf hunya malee, waan dhuga'aan mormu tokkolle hujiisaaf hin dandeennu.9Nuuti dadhaboolee teenee, isin ammoo jajjaba yennaa teetanu hin gammanna; nuuti akka isin mijuu teetanu daadimanna.10Ani waan kanaaf, adoo fagoo jiruu ergaa tana isiniif barreesse; akka kanaan gara keessan yennaa dhufu, baallii Goottaan naaf kenneen ila isinitti hin jabaadhu; Goottaan baallii naaf ka kenne akka isin ijaaruuf malee, akka isin diiguufii moti.Nageya Muumme'ee
11Obboleeyyan tiyya! Yoona nageyaan tee'a'a; leetoo teessan sirreeffadha'a; gorsa kiyya dhage'a'a; wolii gala'a; nageyaan le'a'a; Waaqi jaalalaatii fi nageyaa isin woliin hin jiraata.12Sunqata woyyichaan wol sunqataa nageya wol fuudha'a.13Kolbaan Waaqaa marti nageya isinii dhaanteerti.14Badhaadhi Goottaa Yesuus Kiristoosii, jaalalli Waaqaa, tokkummaan Ayyaana Woyyichaalle isin duudii woliin jiraattu.