2 Worra Qorontoosii1gax_twf

1Ana Phawuloosii fedha Waaqaatiin ergamaa Yesuus Kiristoosii te'ee fi obboleessa keenna Ximootewoos irraa: Wolde'a kiristaanaa ka Waaqaa, ka qachaa Qorontoosii keessa jiruu fi kolbaa Waaqaa ta lafa Akaayya'aa duudii keessa jirtu maraaf:2Waaqi Abbaan keennaa fi Goottaan keenna Yesuus Kiristoos badhaadhaa fi nageya isiniif kennu.

Phawuloos Waaqa Galateeffate

3Waaqa Abbaa Goottaa keenna Yesuus Kiristoosii, Abbaa mararti'iitii fi Waaqa jajjabeenna maraatiif galanni te'u.4Nuuti jajjabeenna Waaqa irraa dhagganeen, worra rakkinna adda addaa keessa jiru akka jajjabeessinuuf, Waaqi rakkoo teenna duudii keessatti nu jajjabeessa.5Akkuma rakkinna hedduu Kiristoosii qoodanne, akkasuma Kiristoosiin jajjabeenna hedduu dhagganna.6Nuuti yennaa rakkannu isin jajjabeennaa fi fayyinna dhaggattan; yennaa jajjabaannulle rakkoo akka nuuti fudhannee, isinille ossaan fudhattanee hin jajjabaattan.7Isin rakkoo teenna akkuma qoodantanu, akkasuma jajjabeenna nuuti fudhannu akka qoodantanu waan beennuuf, addiin nuuti isin irratti qannu ijjumaa hin tachootu.8Obboleeyyan tiyya! Rakkoo lafa Asiya'aa keessatti nu dhaqqadde, akka beettanu barbaanna. Rakkoon nu dhaqqadde sun guddoo ulfaattu'uu fi hunna teennaan ol waan teeteef, addii jiru'uun le'iisaa kutanneerraayyu.9Akka waan muraan du'aa nutti murantee nu'utti dhage'ameeraayyu; ammoo Waaqa worra du'ane kaasu callaa malee, ifii keenna akka hin addanneef tun teete.10Waaqi balaa du'aa ka akkasii jalaa nu baaseera, hin baasalle'e; ammalle akka nu baasu addii isatti godhanneerra.11Isinille daadimannaa teessaniin nu qarqaaruu qaddan. Daadimannaa heddu'uun qarqaarsa Waaqaa yennaa dhaggannu, worri hedduun sababa keennaaf Waaqa hin galateeffata.

Phawuloos Karoora Ifii Jijjiire

12Amma wonni nuuti ifi jajannuun kana: Le'iin nuuti biyya lafaa tana keessa leene, keessattuu akki nuuti isin woliin leene, woyyumma'aa fi qajeelummaa Waaqa irraa dhagganneen akka te'e wodanaan keenna dhugaa baya. Kunille badhaadha Waaqaatiin malee, qarummaa namaatiinii moti.13Nuuti waan isin dubbifattanee hubatu'uu dandeettanu malee, waan dhibii womaa isiniif hin barreessinu.14Isin amma marroo teenna gamisa beettan; duuba irra ammoo guutattanee akka hubattanu hin addadha. Sababa kanaan guyyaa Goottaan Yesuus dhufu akkuma nuuti isiniin ifi jajanu, isinille nu'uun ifi jajjan.15Ani waan kana waan beekeeruuf, yennaa lama akka isin fayyadantanuuf jedhee, matooma gara keessan dhufiisaaf karoora baafadheeraayyu.16Ani gara Maqedooniya'aa yennaa taruu fi achii yennaa deebi'u isin ilaaliisaaf karoora baafadheera. Isinille yennaa san deensa kiyya ka ani gara lafa Yihuda'aa dhaquuf na hin qarqaartan jedhee yaadadheera.17Yennaa karoora kana baafadhe, nama yaada lamaa isinitti fakkaadhaa? Yookiin tana karoorfatiisaan yennaa tokkotti «Eeti'ii» fi «Waawwo'o» jedhaa yaada namaatiin waan godhe seetanii?18Waaqi addatamaa waan te'eef, wonni nuuti isinitti hinnu jecha yaada lamaa ka «Eeti'ii» fi «Waawwo'o» jedhuu moti.19Ilmi Waaqaa Yesuus Kiristoos ka Siilaas, Ximootewoosii fi ani odduu teessanitti lallanne jecha yennaa maraa, «Eeti'i» jedhuun malee, jecha yaada lamaa ka, «Eeti'ii» fi «Waawwo'o» jedhuunii moti.20Waadaan Waaqi nu'uuf gale duudiin karaa Kiristoosiitiin, «Eetii» te'a. Tanaaf nuutille ulfinna Waaqaatiif karaa Kiristoosiitiin, «Ameen» jenna.21Nuuti isin woliin Kiristoositti akka jabaannu ka godhe Waaqa; hujii tanaaf ka nu muudelle isa.22Ka isaa te'uu keennaaf beessisa ifii nu irratti godhee, karra hegeri nuu kennuuf akka qaddi'iititti Ayyaana Woyyicha ifii gadhaa keenna keessa ka keye isa.23Wonni ani gara lafa Qorontoosii deebi'ee dhufuu dhabeef, akka isin hin gaddisiinne isiniif nayee ti; kanalle'eef Waaqi naaf dhuga'a.24Isin dhugeeffanna'aan jabaattanee waan dhaabbattaneef, akka gammaddanuuf isin woliin hujaarra malee, dhugeeffannaa teessan irratti ifi goottonsiisaafii moti.