Hujii Solomoon Huje Ta Dhibii
1Mootichi Solomoon Galma Waaqaatii fi mana mootumma'aa ka ifii woggaa diddama ijaareen duuba,2olloota Hiiraam isaaf kenne haaressee ijaaree, Israa'eloota achi keessa qubachiise.3Achiin duuba Solomoon gara biyya Haamaat-Zobaatii duulee qabate.4Inni ammalle goomolee keessatti qachaa Tadmoorii ijaareen duuba, kutaa Haamaatii keessalle'etti qachoota gootaraa midhaaniitii fi mana meya adda addaa ijaarsise.5Inni Bet-Horoonii Gubba'aatii fi Bet-Horoonii Jalaa ijaarsisee dalleya dhaka'aa itti ijaaree, karraa fi danqaraa itti tolche.6Akkasuma qachaa Ba'aalaatii, qachoota gootaraa midhaaniitii fi qachoota meya adda addaa mara, qachoota garreettaan fardaan harkifamu keessa tee'anuu fi qachoota abbootiin fardaa keessa le'anu, waan ijaaruu yaade maralle Yerusaalemitti, Libaanonitti, kutaa biyya ifii bulche mara keessalle'etti ijaarsise.7Sanyii Israa'elii ka hin te'in, worra achitti hafane mara Heetota, Amoorota, Pheriizota, Hiiwotaa fi Yibusoota,8sanyii isaanii ka Israa'elooti balleessuu lakkisanee lafa san keessatti hamburane mara, Solomoon haga adhaatitti isaan garboonfatee, akka isaaf tajaajilanu godhate.9Israa'eloota ammoo loltoota ifii, ajajjoota loltoota ifii, ajajjoota garreettota fardaan harkifamanuutii fi abbootii fardaa godhate malee, akka garbootaatitti hin hujisiifanne.10Mootichi Solomoon qondaaltota sooreyyii dhibba lamaa fi shantama qabaayyu.11Solomoon, «Addeen Saanduqi Gondooro'oo jirtu woyyuu waan teeteef, haati manaa tiyya mana mootumma'aa ka Daawitii mootii Israa'elii keessa le'uu isii hin barbaachisu» jedhee, haadha manaa ifii intala mootii Gibxi'ii qachaa Daawitii keessaa gara mana mootumma'aa ka isi'iif ijaaree geesse.12Achiin duuba Solomoon kennansa gubamu addee ciinca'aa ta Mootii Waan Maraa, ta soro'oon duratti ijaare irratti ciincaa Mootii Waan Maraatiif dhikeesse.13Inni akkuma Muuseen ajajetti guyyaa guyya'atti, guyyaa Sanbataatitti, baatii ji'aatitti, jila wogga'atti yennaa sad jilifantutti, jila daabboo uukoo hin qanneetitti, jila torbaan torbaatii fi jila gose'eetitti ciincaa Mootii Waan Maraatiif dhikeesse.14Inni seera abbaa ifii Daawitii hordofiisaan hayyoota hujii hujii isaaniititti, Lewwoota waan guyyaa guyya'aan barbaachisu hayyoota akka qarqaaranuuf, faaruulle'een leellisa akka dhikeessanu hujii hujii isaaniititti isaan ramade; inni ammalle akkuma nami Waaqaa Daawiti ajaje, worri karra eegu karra mara akka eeganu godhe.15Nami tokkolle waan mootichi marroo hayyootaatii fi Lewwootaa, akkasuma marroo mana qabeennaatii fi waan inni ajaje maraayyuu irraa hin gorre.16Guyyaa hundeen Galma Waaqaa keyantee jalqabee haga guyyaa ijaarsi dhumateetitti, hujiin Solomoonii marti teeteef. Maarre ijaarsi Galma Waaqaa hobba'e.17Achiin duuba Solomooniin mootichi gara qachaa Eziyon-Geberiitii fi qachaa Elootii ka biyya Edoomii keessa irga abbaaya'aa jiranuu dhaqe.18Hiiraamiin mootichi qondaaltota ifii keessaa harka worra hoboloo guddittii oofuu beekuutitti hoboloota gugurdo'oo fi namoota waan abbaaya'aa beekanu Solomooniif erge; jarri sun qondaaltota Solomoonii woliin lafa Ofiirii dhaqanee, worqii gara kiiloogiraama kuma kudhanii shanii ol Solomoonii mootichaaf fidane.