Eebba Galma Waaqaa
1Mootichi Solomoon daadimatiisa ifii fixateen duuba, ibiddi ol-gubbaa irraa gad bu'ee kennansa gubamuu fi ciincaa dhikaate san nyaatee fixe; ulfinni Mootii Waan Maraalle Galma Waaqaa san guute.2Ulfinni Mootii Waan Maraa Galma Waaqaa san waan guuteef, hayyooti achi keessa seenuu hin dandeenne.3Kolbaan Israa'elii marti ibiddi gad bu'aaruun, ulfinna Mootii Waan Maraa Galma Waaqaa guutuun yennaa dhaggite, dhakaa afame irratti jilbiiffatanee, fuulaan gad gombifamanee Mootii Waan Maraa waaqonfataa, «Inni dansa'a; jaalalli isaa jaalala bara baraa ti» jedhanee isa leellisane.4Achiin duuba mootichi Solomoonii fi kolbaan Israa'elii marti Mootii Waan Maraatiif ciincaa dhikeessane.5Mootichi Solomoon loon kuma diddamii lama, hoole'ee fi re'ee kuma dhibba tokkoo fi kuma diddama ciincaa dhikeesse. Maarre innii fi kolbaan marti Galma Waaqaa eebbisane.6Hayyooti addee isaaniif kennante dhaabbatane; Lewwootille meya ittiin faarsanu, ka Daawiti dur Mootii Waan Maraa akka ittiin leellifatanuuf hujisiise, ka ittiin, «Jaalalli isaa jaalala bara baraa ti» jedhanee faarsanu san qabatanee dhaabbatane; hayyooti fuullee Lewwootaatitti dhaabbatanee tultullaa yennaa afuufanu, Israa'elooti achi jiranu martinuu dhaabbatane.7Addeen ciinca'aa ta Solomoon sageettuu irraa hujisiise sun ciincaa duuduma gubamuuf, kennansa midhaaniitii fi moora ciinceffamuuf waan dhiphatteef, Solomoon badhinna dalleya keessaa ka Galma Mootii Waan Maraa dura jiru ka wodhakkaa addee ciincaan itti dhikaattuu eebbisee, achitti ciincaa gubamuu fi moora ciinceffamu dhikeesse.8Solomoonii fi kolbaan Israa'elii marti torbaan tokko achitti jila jilifatane; seensuma Haamaatii irraa kaasee haga laga Gibxi'iititti gumiin hedduun wolitti qabante.9Jila eebba addee ciinca'aa guyyaa torba jilifatane; itti dabalaneelle guyyaa torba jila jilifatanee, guyyaa saddeetesso'oo yaa'ii woyyittii godhatane.10Guyyaa itti aanu, Solomoon ji'a torbeesso'oo keessa guyyaa diddamii sadeesso'ootitti kolbaan gara mana ifii akka galanu godhe. Isaan marroo waan dansaa Mootiin Waan Maraa kolbaa ifiitiif, Daawitii fi Solomooniif godhee gammadaa galane.Waaqi Ammalle Solomoonitti Mudhate
11Solomoon Galma Mootii Waan Maraatii fi mana mootumma'aa ijaaree fixe; inni Galma Mootii Waan Maraatii fi mana mootumma'aa waan hujiisaaf yaade mara fixe.12Achiin duuba Mootiin Waan Maraa halkaniin isatti mudhatee, «Ani daadimata keeti dhage'eera; Galmi kunille addee ciincaa naaf itti dhikeessanu akka te'uuf filadheera.13Ani bokkeenni akka hin roonne ol-gubbaa yennaa cufu yookiin awwaannisi midhaan keessan akka fixu yennaa ajaju yookiin kolbaa tiyya irratti balaa yennaa buusu,14kolbaan tiyya ta maqaa kiyyaan waammantu yoo gad ifi qaddee, daadimattee fuula kiyyaa yoo barbaaddee, karaa ifii hamaa irraa yoo deebite, ani ol-gubbaa irraa isaaniif hin dhage'a; cubbuu isaaniille isaaniif araaramee, lafa isaanii hin fayyisa.15Ilti tiyya gara daadimata addee tanaa hin ilaalti; gurri kiyyalle isii hin caqasa.16Maqaan kiyya haga bara baraa achi keessa akka jiraatuuf ani Galma kana filadheera; ilti tiyyaa fi gadhaan kiyya yennaa mara achi hin jiraata.17Atille akkuma abbaan keeti Daawiti godhe, fuula kiyya dura deddeebitee waan ani si ajaje mara yoo goote, seerataa fi seera kiyya yoo eegatte,18achiin duuba ani akkuma dur abbaa keeti Daawitiin, ‹Israa'el ka bulchu sanyii teeti keessaa hin dhabamu› jedhee waadaa isaaf gale, ani barcumaa mootumma'aa keeti hin jabeessa.19Isin ammoo seerataa fi ajaja ani isinii kenne lakkittanee, waaqota dhibii yoo waaqonfattane,20ani lafa isiniif kenne keessaa isin hin baasa; Galma maqaa kiyyaatiif adda baafadhe kanalle hin lakkisa; odduu kolbaa maraatitti waan mammaassaatii fi murgo'oo godha.21«Galmi kun amma ka baaseffachiisu te'ulle worri karaa san dabaru maadeffataa, ‹Mootiin Waan Maraa maaf waan akkasii lafa tanaa fi Galma kana irratti godhe?› hin jedhan.22Kolbaan deebittee, ‹Sababa isaan Mootii Waan Maraa Waaqa abbootii ifii ka biyya Gibxi'ii keessaa isaan baase lakkisanee, waaqota dhibi'itti maxxananee, isaan waaqonfatanee, isaan tajaajilaneef, badii tana mara isaanitti fide› hin jetti» jedhe.