Meya Galma Waaqaa
1Mootichi Solomoon addee ciinca'aa ta sageettu'uu ta dheerinni isi'ii ciqilee diddamaa, badhinni isi'ii ciqilee diddamaa, hojjaan isi'ii ciqilee kudhanii huje.2Akkasuma inni waabaa bisaanii ka badhinni afaan isaa ciqilee kudhanii, hojjaan isaa ciqilee shanii, keessi gadhaa isaa ciqilee soddomaa sageettuu irraa huje.3Xiyyoo afaan waaba'aa jalatti fakkiin korommi'iin naanneffamanee hujamaneeran; waabaa bisaanii san irratti ciqilee tokko tokko irratti fakkiin korommi'ii kudhan kudhaniin tarree lamaan waabaa san woliin wolitti baqisiifamanee hujamaneeran.4Waabaan bisaanii sun dudda korommii kudhanii lamaa ta sageettuu irraa hujantee san irra dhaabbata; korommiin sun sad gara kaabaa, sad karaa aduun seentu, sad karaa kibbaa, sad karaa aduun baatu fuula galanee dudda wolitti garagalanee dhaabbataneeraniiyyu; waabaan bisaanii sun dudda isaanii irra jiraayyu.5Furdinni waaba'aa haga badhinna barruu harkaa, xiyyoon afaan isaa akka afaan sini'ii gara duubaa garagalee hujamee daraaraa suufi'ii fakkaata; waabaan sun litirii kuma jaatama qabata.6Achiin duuba inni kennansi gubamu akka itti dhiqamuuf, qorii kudhan hujisiisee, shan gara kaabaatiin, shan gara kibbaatiin keye; waabaa bisaanii san hayyoota qofatti itti dhiqataayyu.7Inni akkuma seeraatitti, waan issaa irra keyanu worqii irraa hujee, shan gara kibbaatiin, shan gara kaabaatiin Galma Waaqaa keessa keye.8Akkasuma inni xarapheessaa kudhan hujee, shan gara kibbaatiin, shan gara kaabaatiin Galma Waaqaa keessa keye; inni ammalle qorii worqi'ii dhibba tokko huje.9Inni badhinna dalleya keessaa ka Hayyootaa hujee, badhinna dalleya keessaa guddichalle hujee, balbaloota san sageettuu itti gonfe.10Waabaa bisaanii san Galma Waaqaa irraa gara kibbaa karaa aduun baatuun keye.11Huraamille okkotee, akkaafa'aa fi qorii dhiiga fiffixanu qabattu huje. Maarre inni meya Galma Waaqaa, Solomoonii mootichaaf hujee akkuma waadaa galetti fixe; mey inni huje ka asii gad jiru:12utuboota lama, qaccee utubootaa irratti guutuu akka qori'ii jirtu lama, guutuu akka qori'ii jirtu ta qaccee utuboota irraa san seesiisaaf caccoo sibiilaa lama,13guutuu akka qori'ii jirtu ta qaccee utubootaa irraa lamaan san seesiisaaf, waan akka midhaan rumaanii dhibba afur, tokko tokkoo isaaniitiif, waan akka midhaan rumaanii san tarree lama lamaan keye.14Inni waan meya irra keyanulle qorii itti dhiqatanu ta isii irra keyanu woliin,15waabaa bisaaniitii fi fakkii korommi'ii kudhanii lama ta waabaa jalaa,16okkotoota, akkaafota, filaa fooniitii fi meya waan kana woliin hujii gubbaa oolanu mara sageettuu morodante irraa, tajaajila Galma Mootii Waan Maraatiif akka te'anu mooticha Solomooniif huje.17Mootichi Solomoon meya kana mara, dhooqa Yordaanosii keessatti addee faara itti dhowanutti Suukootii fi Zaaretaan wodhakka'atti hujisiise.18Mey mootichi Solomoon hujisiise kun marti hedduu waan te'eef, kiiloon sageettuu sanii hagana jedhamee hin beekkamuuyyu.19Maarre Solomoon meya Galma Waaqaa keessa ittiin tajaajilanu: addee ciinca'aa worqii irraa, xarapheessaa daabboo Waaqa dura dhikaattu irra keyanu,20akkuma seera isaaniif kennametti waan issaa irra keyanu ka worqii qulluu irraa hujamanee fi issaa isaan irra keyamanu ka addee irra caalaa woyyittii duratti ifanu,21worqii qullittii irraa waan akka daraara'aatitti miidhaffamane, issaa, qaraphaa,22qaraphaa issaa ittiin dhaanfanu, qorii dhiiga fiffixanu qabattu, girgiraa hixaanaa, bassoo daadhaa ittiin haranuu worqii qulluu irraa hujisiise. Balbalooti keessaa ta Addee Irra Caalaa Woyyitti'iitii fi balbalooti Galma Waaqaa ta gara kutaa guddo'oo seenanu worqii qulluu irraa hujamaneeran.