Mootii Yihuda'aa Yeho'ahaaz
1Kolbaan Yihuda'aa ilma Yosiyaasii Yeho'ahaaz fuudhanee addee abbaa isaatitti Yerusaalem keessatti mootii godhane.2Yeho'ahaaz yennaa mootii te'u nama woggaa diddamii sadii ti; inni Yerusaalem keessa tee'ee ji'a sad bulche.3Achiin duuba mootiin Gibxi'ii barcumaa mootumma'aa ka Yerusaalem jiru irraa isa buusee, kolbaan Yihuda'aa meetii kiiloogiraama kuma sadii fi dhibba afur, worqii kiiloogiraamii soddomii afur gibira itti mure.4Mootiin Gibxi'ii Nekoon obboleessa Yeho'ahaazii Eliyaaqim Yerusaalemii fi Yihudaa irratti mootii godhee, maqaa isaalle jijjiiree «Yehoyaaqiim» jedhe. Obboleessa Eliyaaqimii Yeho'ahaaz ammoo gara Gibxi'ii geesse.5Yehoyaaqiim yennaa Yihudaa irratti mootii te'e nama woggaa diddamii shanii ti; inni Yerusaalem keessa tee'ee woggaa kudhanii tokko bulche. Inni Mootii Waan Maraa Waaqa ifii duratti waan hantuu huje.6Mootiin Baabilonii Nebukadnezaar Yihuda'atti duulee Yehoyaaqiim qabee gara Baabilonii isa geessiisaaf haachaba sageettu'uutiin hidhe.7Nebukadnezaar meya Galma Mootii Waan Maraa garii fuudhee mana mootummaa ifii ka Baabilon keessaa keessa keyate.8Wonni dhibiin ta mootichi Yehoyaaqiim huje, wonni diqachiittuun inni hujee fi wonni hantuun isatti dhufe marti kitaaba dabarsii mootota Israa'eliitii fi mootota Yihuda'aa keessatti barreeffanteerti; ilmi isaa Yehoyaakiin addee isaatitti mootii te'e.Mootii Yihuda'aa Yehoyaakiin
9Yehoyaakiin yennaa mootii te'e nama woggaa kudhanii saddeetii ti; inni Yerusaalem keessa tee'ee ji'a sadii fi guyyaa kudhan bulche; innille Mootii Waan Maraa duratti waan hantuu huje.10Woggaa keessa ji'a furmaataa Nebukadnezaariin mootichi namoota ergee, meya Galma Mootii Waan Maraa ka gatii guddo'oo woliin gara Baabilonii isa geesse. Achiin duuba obboleessa isaa ka abbaa diqqaa Zedeqiiya'aa biyya Yihuda'aatii fi Yerusaalem irratti mootii godhe.Mootii Yihuda'aa Zedeqiiyaa
11Zedeqiiyaan yennaa mootii te'e nama woggaa diddamii tokkoo ti; inni Yerusaalem keessa te'ee woggaa kudhanii tokko bulche.12Innille Mootii Waan Maraa Waaqa ifii duratti waan hantuu huje. Jecha Mootii Waan Maraa ka dubbate Ermiyaasii raagicha duratti gad hin jenne.13Nebukadnezaarii mooticha maqaa Waaqaatiin isa kakachiise irratti finqila kaase. Inni ajajamuu didee, gadhaa jabaate malee gara Mootii Waan Maraa Waaqa Israa'elii hin deebine.14Itti dabalanee qondaaltoti hayyootaatii fi kolba'aa ka hin addatanne te'anee aadaa diqachiittuu gosa biyya adda addaa hordofanee, Galma Mootii Waan Maraa ka inni Yerusaalem keessatti woyyoonfate batteessane.Jinnana Yerusaalemii
15Mootiin Waan Maraa, Waaqi abbootii isaanii ta durii, kolbaa ifiitiif, Galma ifiitiifille marartii waan qabuuf, yennaa bacaa raagota ifii gara isaanii ergee, isaan ifi eeggachiiseeraayyu.16Isaan ammoo haga mufiin Mootii Waan Maraa ta jalaa bayanee hin dandeenne kolbaa isaatitti dhuttetti, ergantoota Mootii Waan Maraa irratti murganee, jecha isaalle tuffatanee raagota isaa salphisane.17Tanaaf Mootiin Waan Maraa mootii Baabilonii isaan irratti kakkaasee, inni dargaggoota dhiira isaanii addee woyyittii keessatti shallaaga'aan ijjeese; ijoollee dhiiraatii fi ta durraa, jaarsa dulloome yookiin gergeshe maraafille gadhaa hin laanne. Mootiin Waan Maraa isaan mara harka Nebukadnezaariititti dabarsee kenne.18Nebukadnezaar meya Galma Mootii Waan Maraa gugurda'aa fi didiqqaa mara, qabeenna Galma Waaqaa, qabeenna mana mootumma'aatii fi qondaaltota mootichaa mara fudhatee gara Baabilonii geesse.19Isaan Galma Waaqaa ibiddaan gubanee, dalleya qachaa Yerusaalemiille diiganee, mana mootumma'aa isaa mara ibiddaan gubanee, meya gatii guddo'oo ka isaa mara balleessane.20Inni worra shallaagaa jalaa miliqee hafe booji'ee gara Baabilonii geessee, isaan haga mootummaan worra Faaresii dhaabantetti, tajaajiltoota mootichaatii fi ilmaan isaa te'ane.21Akkasiin jechi Mootii Waan Maraa ka karaa Ermiyaasii raagichaatiin dubbatame muummowee, woggaa torbaatama haga isaan biyya itti booji'amane keessa le'anu kana mara latti ontee, foora Sanbataa ka woggaa torbaa ka dur dhadde dhaggatte.Mootiin Faaresii Qiiros Yihudooti Boojuu Irraa Akka Deebitu Ajaje
22Jechi Mootiin Waan Maraa karaa Ermiyaasii raagichaatiin dubbate akka muummowu, mootiin Faaresii Qiiros mootii te'ee woggaa tokkeesso'ootitti, Mootiin Waan Maraa yaadaa isaa kakkaase; tanaaf inni mootummaa ifii mara keessa lassii lassiisee, barreeffamaan baasee,23mootiin Faaresii Qiiros, «Mootiin Waan Maraa Waaqi ol-gubba'aa, mootummaa biyya lafaa mara naaf kennee, Yerusaalemii Yihudaa keessaatitti, Galma isaa akka ijaaruuf na ajajeera; kolbaa isaa keessaa nama odduu teessan jiru, Mootiin Waan Maraa Waaqi isaa isa woliin jiraatuu ti; innille gara Yerusaalemii dhaquu ti» jedhe.