2 Dabarsi'i35gax_twf

Yosiyaas Jila Irra Dabaramaa Jilise

1Yosiyaas Yerusaalem keessatti Mootii Waan Maraatiif Jila Irra Dabaramaa jilise. Ji'a tokkeesso'oo, guyyaa kudhanii arfeesso'ootitti hoolichi Jila Irra Dabaramaa qalame.2Inni Galma Mootii Waan Maraa keessa akka tajaajilanuuf hayyoota jajjabeessee, hujii hujii isaaniititti isaan ramade.3Lewwoota worra Israa'eloota mara barsiisanuu fi worra Mootii Waan Maraatiif woyyoomeen, «Saanduqa Gondooro'oo woyyittii ta Mootii Waan Maraa, Galma Mootii Waan Maraa ka ilmi Daawitii, mootiin Israa'elii Solomoon ijaare keessa keya'a malee, gurmuu teessan irratti hin ba'atina'a! Ammalle Mootii Waan Maraa Waaqa keessanii fi kolbaa isaa Israa'el tajaajila'a!4Akkuma seera mootiin Israa'elii Daawitii fi ilmi isaa Solomoon barreessiisaan seera isinii dhaabanetti, akka maatii maatii abbootii teessaniititti kutaa kuta'aan tajaajilaaf qophowa'a.5Akka maatii maatii abbootii kolba'aa, obboleeyyan teessan worra kaaniititti, akka kutaa kutaa maatii abbootii Lewwootaatitti, addee woyyittii dhaabbadha'a.6Ifi woyyoonsa'aatii hoolee Jila Irra Dabaramaa qala'a; akkuma Mootiin Waan Maraa karaa Muuse'eetiin ajaje, hoolee qalame san fira keessan kolbaa Israa'eliitiif qopheessa'a» jedhe.7Achiin duuba Yosiyaasiin mootichi Jila Irra Dabaramaatiif, loon ifii irraa, tika hoole'ee fi re'ee ifii irraa buruusoo korbeeyyii hoole'eetii fi supheelee re'e'ee kuma soddoma, dardaroota kuma sad kolbaa achitti wolitti qabante san maraaf kenne.8Sooressitooti isaalle fedha ifiitiin kolba'aaf, hayyootaa fi Lewwootaaf kennane. Sooreyyiin Galma Waaqaa Hilqiiyaan, Zakaariyaasii fi Yehii'el kennansa Jila Irra Dabaramaatiif dhikaatu hoole'ee fi re'ee'e kuma lamaa fi dhibba jaa, loon dhibba sad kennane.9Qondaaltoti Lewwootaa Konaaniya'aa fi obboleeyyan isaa Shemaa'iyaa fi Nataani'el, akkasuma Hashabiiyaan, Yeyi'elii fi Yozaabaad kennansa Jila Irra Dabaramaatiif hoole'ee fi re'ee'e kuma shan, loon dhibba shan Lewwootaaf kennane.10Hujiin marti yennaa qophootte akkuma mootichi ajajetti hayyooti addee ifiititti, Lewwootille addee addee ifii qabatanee tajaajilaaf dhaabbatane.11Hooloti Jila Irra Dabaramaa gorra'amanee, Lewwooti gogaa irraa baasiisatti adoo jiranuu, hayyooti dhiiga hoolotaa ka fuudhane san fiffixxe.12Akkuma kitaaba Muuse'ee keessatti barreeffametti, kennansa gubamu Mootii Waan Maraatiif akka dhikeessanu, akka maatii maatii abbootii isaaniititti kolba'aaf kenniisaaf adda baasane; dardaroota looniille akkasuma godhane.13Lewwooti akkuma ajajamanetti hoolee Jila Irra Dabaramaa san woddane; kennansa woyyicha san okkote'etti, ibido'oo fi disti'itti iffeelanee ariiti'iin kolba'aaf geessane.14Duubarra ifiif, hayyootaafille qopheessane; hayyooti sanyii Aaronii kennansa gubamuu fi cooma ciinceffamu haga galgalaatitti dhikeessaa waan turanuuf, Lewwooti ifii fi hayyoota sanyii Aaroniitiif kennansa Jila Irra dabaramaa qopheessane.15Faarsitooti sanyiin Asaafii akkuma Daawiti, Asaafi, Hemaanii fi Yedutuun raagichi mootichaa isaan ajajanetti addee ifii dhaabbatane; firri isaanii Lewwooti waan isaaniif barbaachisu waan isaaniif qopheessaneef, eeddoti karraa ta karra tokko tokko bira jiranu addee addee ifii hin lakkinne.16Maarre Jila Irra Dabaramaa jilifatiisaan, kennansa gubamu addee ciinca'aa irratti Mootii Waan Maraatiif dhikeessiisaan, akkuma mootichi Yosiyaas ajajetti hujiin Mootii Waan Maraa marti guyyuma san muummotte.17Yennaa san Israa'elooti addee sanitti dhaggamane Jila Irra Dabaramaa jilifatane; jila daabboo uukoo hin qanneelle guyyaa torba jilifatane.18Bara Saamu'elii raagichaatii jalqabanee Israa'el keessatti jila Irra Dabaramaa ta akka kanaa jilifantee hin beekanu; mootota Israa'elii keessa mootichi Yosiyaas hayyoota, Lewwoota, Yihudootaa fi Israa'eloota mara, kolbaa Yerusaalemii worra addee sanitti dhaggamane woliin Jila Irra Dabaramaa ta akka kanaa jilifatanee hin beekanu.19Jilti Irra Dabaramaa tun Yosiyaas mootii te'ee woggaa kudhanii saddeetesso'ootitti jilifante.

Yosiyaas Ijjeefame

20Yosiyaas waan kana mara Galma Waaqaatiif hujeen duuba, mootiin Gibxi'ii Nekoon qachaa Karkemiishii ka laga Efraaxiisii biraatitti isa loliisaaf duule; Yosiyaasille isa loliisaaf baye.21Nekoon ammoo namoota isatti ergee, «Ee mootii Yihuda'aa! Anii fi ati maaf wol lolla? Ani diinota kiyya loliisaaf dhufe malee si loliisaafii moti; Waaqi akka ani ariifadhu na ajajeera, akka inni si hin balleessine Waaqa na woliin jiru kana hin mormin» jedhe.22Yosiyaas ammoo nama dhibii fakkaatee isa loliisaaf baye malee duubatti hin deebine; dirree Megidootitti isa loliisaaf dhaqe malee waan ajaja Waaqaatiin Nekoon isatti hime hin caqanne.23Worri guube'een lolu daayaan mooticha Yosiyaas woraane; innille tajaajiltoota ifiitiin, «Ani akka malee madoweera, na fuudha'aa deema'a» jedhe.24Maarre tajaajiltooti isaa sun garreettaa fardaan harkifamu ka isaa irraa isa buusanee, garreettaa isaa ka fardaan harkifamu ka dhibii keessa keyanee gara Yerusaalemii isa geessane. Inni achumatti du'ee addee awwaala abbootii ifii ta duriititti awwaalame. Kolbaan Yihuda'aatii fi kolbaan Yerusaalemii marti Yosiyaasiif bowane.25Ermiyaasille faaruu gaddaa Yosiyaasiif baase; haga adhaalle faarfattooti dhiiraatii fi dubartootaa marti faaruu gaddaa ta ifii keessatti waan Yosiyaasii dubbatan. Wonni kun Israa'el keessatti akka seerataa teetee kitaabota wolaloo gaddaa keessatti barreeffanteerti.26Akkuma seera Mootii Waan Maraa keessatti barreeffametti wonni dhibiin ta mootichi Yosiyaas hujee fi hujiin isaa ta jaalala bara baraa,27hujiin isaa jalqabaa kaasee haga dhumaatitti kitaaba dabarsii mootota Israa'eliitii fi Yihuda'aa keessatti barreefanteerti.