2 Dabarsi'i31gax_twf

Hisqiyaas Jiruu Dhugeeffanna'aa Haaresse

1Jilti Irra Dabaramaa hobbaateen duuba kolbaan Israa'elii marti gara qachaa Yihuda'aa mara dhaqanee utuboota dhaka'aa ka itti waaqonfatanu caccassanee, utuboota waaqota dharaa ta, «Asheeraa» jedhantuu jijjissanee, addee waaqonfanna'aatii fi addee ciinca'aa ta worra ormaa, biyya Yihuda'aa, biyya Beniyaaminii, biyya Efreemiitii fi biyya Minaase'ee mara keessaa balleessane. Isaan waan kana mara balleessaneen duuba gara qe'ee ifii deebi'ane.2Hisqiyaasiin mootichi Hayyootaa fi Lewwoota kutaa kutaa isaaniitiin, akkuma hujii hujii isaaniititti irra deebi'ee ramade; isaan kennansa gubamuu fi kennansa tokkumma'aa dhikeessaa, Galma Waaqaa keessatti waaqonfataa, karra Galma Mootii Waan Maraa duratti faaru'uun leellifataa galatteessan.3Mootichi akkuma Seera Mootii Waan Maraa keessatti barreeffametti hoole'ee fi loon ifii keessaa kennansa gubamu ka galgalaa fi ganamaa, ka guyyaa sanbataa, ka guyyaa baatii ji'aatii fi ka guyyaa jila beekkanteetiifille kenne.4Akkasuma hayyootii fi Lewwooti guyyaa guutuu tajaajila Seera Mootii Waan Maraatiif akka ifi kennuu dande'anu, kolbaan Yerusaalem keessa leetu qooda isaaniif murame akka isaanii fiddu ajaje.5Akkuma ajaji kennameen, kolbaan Israa'elii, midhaan mata'aa, daadhii woyni'ii haareya, zayitii ejersaa, damma akkasuma midhaan ficha'aa mara ka mata'aa jaalalaan fidane; waan qabanu mara irralle'ee kudhan keessaa tokko fidane.6Kolbaan Yihuda'aatii fi Israa'elii worri qachaa Yihuda'aa keessa le'u marti, loon, hoole'ee fi re'ee ifii keessaa kudhan keessaa tokko fidane; akkasuma waan Mootii Waan Maraa Waaqa ifiitiif woyyoonsane irraa kudhan keessaa tokko fidanee tuulane.7Isaan kennansa kana ji'a sadeesso'oo keessa jalqabanee ji'a torbeesso'ootitti fixane.8Hisqiyaasii fi qondaaltoti isaa dhufanee tuulaa tana yennaa dhaggane Mootii Waan Maraatii fi kolbaa isaa kolbaa Israa'eliille leellisane.9Hisqiyaasiin mootichi marroo kennansa kanaa hayyootaa fi Lewwoota gaafate;10Maatii Zaadoqii keessaa hayyichi sooressi, Azaariyaan, «Kolbaan kennansa ifii gara Galma Mootii Waan Maraa fidiisa haga jalqaddee nyaannee quunnee bacaan nu irraa hafeera; Mootiin Waan Maraa kolbaa waan eebbiseef, wonni bacaan kun hafuu dande'e» jedhe.11Hisqiyaas Galma Mootii Waan Maraa keessatti kolloo kuusaa meyaa akka qopheessanu ajaje; isaanille akkuma inni ajaje godhane.12Achiin duuba kennansa mara, kudhan keessaa tokko, kennansa woyyoome addatamumma'aan achi keessatti tuulane. Konaaniyaan sanyii Lewwi'ii itti gaafatamaa mana meya mootumma'aa te'ee, obboleessi isaa Shime'i itti aanaa isaa te'e.13Konaaniya'aa fi Shime'i jala akka hujanuuf: Yehii'el, Azaziiyaan, Naahaat, Asaa'el, Yeremoot, Yozaabaad, Elii'el, Ismaakiyaan, Mahaatii fi Benaaya'aan Hisqiyaasii mootichaa fi Azaariyaa hayyicha gudda'aan filamane.14Ilmi Imnaa Lewwichaa Qore, ka karra karaa aduun baatuu eegu, kennansa fedhii ifiitiin Waaqaaf nami fidu fuudhee qoodiisaaf itti gaafatamaa te'e.15Eden, Miniyaamiin, Yeshu'aan, Shemaa'iyaan, Amaariyaanii fi Shekaaniyaan qachaa hayyootaa keessatti hayyoota fira isaanii jaarsole'ee fi dargaggootaaf addatamumma'aan qooda isaanii hiriisaan Qore qarqaarane.16Itti dabalanee dhiira worra akka hidda dhaloota isaaniititti galmeeffamane, ka woggaan isaanii sadii fi sadii ol te'ane, worra akka hujii hujii isaaniititti itti gaafatamummaa isaaniititti hujii ifii hujiisaaf gara Galma Mootii Waan Maraa dhaqanu maraaf hujii isaan hujanu itti qoqoodane.17Hayyoota worra akka hidda dhaloota isaaniititti galmeeffamanee fi Lewwoota worra woggaan isaanii diddamaatii fi diddamaa ol te'aneef akkuma hujii hujii isaaniitii fi itti gaafatamummaa isaaniititti hujii isaan hujanu itti qoqoode.18Isaan addatamumma'aan huji'iif waan ifi woyyoonsaneef, akka hidda dhaloota isaaniititti haadhotii manaa ta ifii, ijoollee ifii, ta dhiiraatii fi ta durraa mara woliin galmeeffamane.19Hayyoota qachaa sanyii Aaroniitiif ramadamane keessa yookiin lafa marraa ta qachaa saniif ramadamane keessa le'anu, worra maqaan isaanii sanyii Lewwootaa keessatti galmeeffame worra dhiiraa maraaf, qooda isaan gewu akka isaaniif kennanu, namoota itti gaafatamanu filaneef.20Hisqiyaasiin mootichi lafa Yihuda'aa mara keessatti waan Mootii Waan Maraa Waaqa isaa duratti sirrii te'ee fi waan addatamumma'aa huje.21Inni Galma Mootii Waan Maraa tajaajiliisaan, seeraa fi ajaja eegatiisaan waan huje mara gadhaa tokkochaan, Waaqa barbaadatiisaan hujee, wonni marti isaaf teete.