2 Dabarsi'i29gax_twf

Mootii Yihuda'aa Hisqiyaas

1Hisqiyaas yennaa moti te'e nama woggaa diddamii shanii ti; inni Yerusaalem keessa tee'ee woggaa diddamii sagal bulche; maqaan haadha isaa Abiiya'a; isiin intala Zakaariyaasii ti.2Inni akkuma Daawitii abbaa abbootii isaa ta durii Mootii Waan Maraa duratti waan sirrii te'e huje.

Galmi Waaqaa Qulqulloome

3Inni mootii te'ee woggaa tokkeesso'oo, ji'a tokkeesso'oo keessa karra Galma Mootii Waan Maraa banee deebisee haaresse.4Inni hayyootaa fi Lewwoota badhinna dalleya keessaa ka Galma Mootii Waan Maraa ka karaa aduun baatuutitti wolitti qabee,5isaaniin, «Isin Lewwooti dhage'a'a! Isin amma ifi adda baasa'aatii Galma Mootii Waan Maraa Waaqa abbootii teessanii ta duriille woyyoonsa'a! Waan Galma Mootii Waan Maraa batteesse mara isa keessaa balleessa'a!6Abbootiin teenna ta durii, Mootii Waan Maraa Waaqa keennaaf hin addatanne; isaan isa duratti waan sirrii hin te'in hujanee, isa lakkisanee, addee woyyittii isaatitti dudda galane.7Isaan balbala soroo Galma Mootii Waan Maraa cufanee, issaalle dhaanfane; Galma Mootii Waan Maraa Waaqa Israa'elii keessatti hixaana hin aarisine yookiin kennansa gubamulle hin dhikeessine.8Tanaaf Mootiin Waan Maraa kolbaa Yihuda'aatii fi kolbaa Yerusaalemiititti aaree, akkuma isin beettanu, waan nama mara sodaachisu, waan murgo'oo isaan godhee, waan nama rifachiisu itti fide.9Sababa kanaaf abbootiin teenna ta durii shallaaga'aan dhumattee, niitoleen teennaa fi ijoolleen teenna booji'amanee fudhatamane.10«Haganaa achi akka inni nutti hin aarreef, ani Mootii Waan Maraa Waaqa Israa'elii woliin gondooroo godhatiisaaf murteeffadheera.11Ee ijoollee tiyya! Isin akka isa dura dhaabbatanee isa tajaajiltanuuf, tajaajiltoota isaa akka teetanuuf, hixaanalle isa duratti akka isaaf aarsitanuuf Mootii Waan Maraa isin waan filateef hin rincicina'a» jedhe.12Lewwooti worri huji'iif kakka'ane ta asii gad jiranu:Sanyii Qehaatotaa keessaa, ilma Amaasaayii Mahaat; ilma Azaariya'aa Yo'el.Sanyii Meraarotaa keessaa, ilma Abdii Qiish; ilma Yihaleli'elii Azaariya'a.Sanyii Gershoonotaa keessaa, ilma Ziima'aa Yo'aak; ilma Yo'aakii Eden.13Sanyii Eliizaafaanii keessaa, Shiimrii fi Yewu'el.Sanyii Asaaf keessaa, Zakaariyaasii fi Mataaniya'a.14Sanynii Hemaanii keessaa, Yehii'elii fi Shime'i;sanyii Yedutuu keessaa, Shemaa'iya'aa fi Uzii'el.15Isaan kun fira ifii Lewwoota wolitti qabanee ifi woyyoonsaneen duuba, akka seeraatitti ifi qulqulleessaneen duuba, mootichi akka jecha Mootii Waan Maraatitti akkuma isaan ajajetti Galma Mootii Waan Maraa qulqulleessane.16Hayyooti Galma Mootii Waan Maraa qulqulleessiisaaf gara keessaa seenane; waan battii Galma Mootii Waan Maraa san keessatti dhaggane mara gara badhinna dalleya keessaa ka Galma Mootii Waan Maraa gad baasane; worri Lewwootaa achii fuudhanee dhooqa Qedrooniititti gatane.17Isaan ji'a tokkeesso'oo guyyaa tokkeesso'ootitti qulqulleessuu jalqabanee, guyyaa saddeetesso'oo haga soroo Galma Mootii Waan Maraa qulqulleessane; guyyaa saddeeti itti dabalanee Galma Mootii Waan Maraa qulqulleessanee, wolumatti ji'a tokkeesso'oo guyyaa kudhanii jayeesso'ootitti qulqulleessanee fixane.18Achiin duuba gara Hisqiyaasii mootichaa dhaqanee, «Nuuti, Galma Mootii Waan Maraa addee ciinca'aa ta kennansa gubamuu meya isi'ii mara woliin, xarapheessaa daabboo Waaqaaf kennante irra keyanu meya isaa mara woliin qulqulleessineerra.19Ahaaziin mootichi bara mootii te'eerutti Mootii Waan Maraatiif addatamuu dhabee, meya inni achii baase mara adde'etti deebinnee woyyoonsineerra; kunoo mey sun amma addee ciinca'aa ta Mootii Waan Maraa dura jira» jedhanee isatti himane.20Boruyyaa barii ganama mootichi Hisqiyaas qondaaltota qacha'aa wolitti qabee gara Galma Mootii Waan Maraa dhaqe.21Isaan marroo cubbuu mootumma'aatiif, marroo cubbuu Galma Mootii Waan Maraatiif, marroo cubbuu kolbaa Yihuda'aatiif, dardaroota torba, korbeeyyii hoole'ee torba, buruusota hoole'ee torbaa fi buruusota re'e'ee torba ciinca'aaf fidane; hayyooti sanyii Aaronii addee ciinca'aa ta Mootii Waan Maraa irratti kennansa kana ciincaa akka dhikeessanuuf mootichi isaan ajaje.22Hayyooti dursitee dardaroota san qaltee, itti aansitee, korbeeyyii hoole'ee qaltee, dhuma irratti buruusota hoole'ee qaltee dhiiga addee ciinca'aa irratti fiffixxe.23Achiin duuba Korbeeyyii re'e'ee ta kennansa marroo sababa cubbu'uutiif dhikaattu fidanee mootichaa fi kolbaa dura dhaabbachiisane; isaanille harka ifii irra keyane.24Mootichi kennansa gubamuu fi kennansa gumaa cubbu'uutiif dhikaatu kolbaa Israa'elii maraaf akka godhamu duraan dursee waan ajajeeruuf, hayyooti korbeeyyii re'e'ee san qaltee, kolbaa Israa'elii maraaf gumaa cubbu'uutiif, dhiiga korbeeyyi'ii san addee ciinca'aa irratti dhangalaatte.25Akkuma dur Mootiin Waan Maraa karaa raagota ifiitiin, Daawiti, raagicha Gaadii fi raagicha Naataan ajajetti, akkasuma Hisqiyaasiin mootichi Lewwoota Galma Mootii Waan Maraa keessatti sibiila qilillisuun, kiraaraa fi maseenqo'oon faarsanu ramade.26Maarre Lewwooti meya faaru'uu ka Daawitii qabatanee, hayyootille tultullaa ifii qabatanee dhaabbatane.27Achiin duuba Hisqiyaasiin mootichi kennansi gubamu addee ciinca'aa irratti akka dhikaatu ajaje. Kennansi gubamu sun gubamiisa yennaa jalqabe, worri faarfatulle meya faaru'uu ka Daawitii mootii Israa'eliitii fi tultulla'aan bookarfamanee faaruu Mootii Waan Maraa faarfatuu jalqabane.28Haga kennansi gubamu gubamee dhumatutti, gumiin duudiin waaqonfattee, Faarfattootille faaruu faarsitee, tultullaalle afuufame.29Kennansi gubamu sun gubamee dhumateen duuba mootichii fi kolbaan isa woliin jirtu marti gombifantee waaqonfatte.30Hisqiyaasiin mootichii fi qondaaltoti isaa, faaruu Daawitiitii fi Asaafii raagichaa qopheessanee Mootii Waan Maraa akka leellifatanu Lewwoota ajajane; isaan gammadaan faarfatanee, gombifamanee waaqonfatane.31Achiin duuba Hisqiyaas kolba'aan, «Kunoo, isin amma Mootii Waan Maraatiif ifi woyyoonsitaneertan; as dhikaadha'aatii ciinca'aa fi kennansa galataa gara Galma Mootii Waan Maraa fida'a» jedhe; maarre gumiin ciinca'aa fi kennansa galataa fidde; worri fedha qabanu marti kennansa gubamu fidane.32Laakkossi horii kennansa gubamuuf gumiin sun fiddee, dardaroota torbaatama, korbeeyyii hoole'ee dhibbaa fi buruusota hoole'ee dhibba lama; horiin kun marti Mootii Waan Maraatiif, kennansa gubamuuf dhikaate.33Laakkossi horii woyyoomee sun wolumatti, dardaroota dhibba jaa, hoole'ee fi re'e'ee kuma sad.34Te'uu malee horii kennansa gubamuuf qalame san gogaa irraa baasiisaaf, hayyooti achi jiranu waan diqqaataneef, Lewwooti obboleeyyan isaanii haga hujiin dhumattutti, hayyooti dhibiin haga ifi woyyoonsitutti isaan qarqaarane. Lewwooti ifi woyyoonsiisaaf hayyoota caalaa qalbii sirri'ii qaban.35Gaafas kennansa gubamu ka laakkossi isaa baca'aa san biratti, coomi kennansa tokkumma'aatiif dhikaate, kennansi daadhii woyni'ii ka kennansa gubamuuf dhikaate jiran. Akka kanaan tajaajilli Galma Mootii Waan Maraa akka duriititti deebi'e.36Wonni martinuu akka kanatti ariiti'iin waan hujanteef, Waaqi kolbaa tanaaf waan qopheesseef, Hisqiyaasii fi kolbaan martinuu guddoo gammadane.