2 Dabarsi'i28gax_twf

Ahaaz Mootii Yihuda'aa Te'e

1Ahaaz yennaa mootii te'e nama woggaa diddamaa ti; inni Yerusaalem keessa tee'ee woggaa kudhanii jaa bulche. Inni akka Daawitii abbaa abbootii isaa ta durii Mootii Waan Maraa duratti waan sirrii te'e hin hunye.2Inni ammoo akkuma moototi Israa'elii hujane hujee, waaqa dharaa Ba'aal waaqonfatiisaaf sibiila baqisiisee fakkii hujeef.3Inni akkuma kolbaa gosa biyya adda addaa ta waan battii hujjee, Mootiin Waan Maraa kolbaa Israa'elii duraa ari'ee baase sanii, dhooqa ilma Hiinomii keessatti hixaana aarse; ilmaan ifiille ciincaa dhikeesse.4Ahaaz addee waaqonfanna'aa irratti, qaccee koobotaa irratti, muka banqaaqaa mara jalalle'etti ciincaa dhikeessee, hixaanalle aarse.5Tanaaf Mootiin Waan Maraa Waaqi harka mootii Sooriya'aatitti dabarsee isa kenne; worri Sooriya'aa isa injifatanee kolbaa isaa bacaa booji'anee gara Damaasqo'oo geessane; inni harka mootii Israa'eliille'etti dabarfamee kennamee, innille akka malee lolee isa miidhe.6Kolbaan Yihuda'aa Mootii Waan Maraa Waaqa abbootii ifii ta durii waan lakkisaneef, mootiin Israa'elii ilmi Remaaliya'aa Pheqaan guyyaa tokkotti loltoota Yihuda'aa keessaa kuma dhibbaa fi kuma diddama ijjeese.7Nami sanyii Efreemii, loltichi jabaan Ziikri, ilma mootichaa Ma'aseyaa, itti gaafatamaa mana mootumma'aa Azriiqaamii fi itti aanaa mootichaa Elqaanaa ijjeese.8Israa'elooti gosa ifiituu dubartoota, ijoollee dhiiraatii fi ijoollee durraa wolumatti nama kuma dhibba lama booji'ane; akkasuma meya bacaa boojuu fudhatanee gara Samaariya'aa deebi'ane.

Odeedii Raagicha

9Loltooti gara Samaariya'aa yennaa deebite, raagichi Mootii Waan Maraa Odeed isaan dhaggiisaaf dhaqee, «Mootiin Waan Maraa Waaqi abbootii teessanii ta durii kolbaa Yihuda'aatitti waan aareef, harka keessanitti dabarsee isaan kenne; isin ammoo aarii jaddu'uun isaan ijjeettane; Waaqille aarii teessan ta akka malee hammaatte tana dhaggeera.10Isin amma dhiiraa fi dubartoota kolbaa Yihuda'aatii fi kolbaa Yerusaalemii garboonfatiisa barbaaddan; isin tana yennaa gootanu Mootii Waan Maraa Waaqa keessan duratti yakkaa hujuu keessanii motii ree?11Amma na caqasa'a! Mufiin Mootii Waan Maraa isin irratti waan bobeettuuf, gosa teessan ta boojitane deebisa'aatii galcha'a» jedhe.12Achiin duuba sooressitoota sanyii Efreemii keessaa gariin, ilmi Yohaannaanii Azaariyaan, ilmi Meshiilemootii Berekiiyaan, ilmi Shaalumii Yehiizqiiya'aa fi ilmi Hadlaayii Amaasaan worra duula irraa gale san mormanee,13«Isin worra booji'ame kana as fiduu hin malle! Nuuti ammaayyuu yakkaa guddoo qanna; mufiin Mootii Waan Maraa Israa'el irratti bobe'iisatti jirti; ammalle yakkaa irratti yakkaa dabalatuu barbaaddanii ree?» jedhane.14Maarre loltooti sun qondaaltotaa fi gumii san mara duratti worra booji'ame san gad lakkisanee, meya saamanelle deebisane.15Achiin duuba worri maqaan isaanii dhowame sun worra booji'ame kana fuudhanee, worra qullaa hafe mara woyaa saamane san keessaa itti uffisane. Woyaa, kophee, sagale'ee fi waan unanulle kennaneefii, zayitiille madaa isaanii dibane; worra dadhabaa deemuu hin dandeenne ammoo harree irra keyanee, addee firri isaanii jiru gara qachaa Yeriko'oo ka, «Qachaa Meexxi'ii» jedhamuu geessane. Achiin duuba ifiif gara Samaariya'aa deebi'ane.

Ahaaz Akka Mootiin Asoorii Isa Gargaaru Gaafate

16Bara san Ahaaziin mootichi gara mootii Asoorii nama ergee qarqaarsa gaafate.17Worri Edoomii ammalle dhufanee kolbaa Yihuda'aa lolanee injifatanee boojuu fudhatanee ideemane.18Worri Filisxeemotaalle qachoota kooba jalaatii fi qachoota biyya Yihuda'aa ka gara kibbaa jiranu lolanee, Bet-Shemeshi, Ayalon, Gederot, Sokoo, Tiimna'aa fi Giimzoo ollaa adaala sanii mara qabatanee achi qubatane.19Mootiin Yihuda'aa Ahaaz biyya Yihuda'aatitti hammeenna baceessee Mootii Waan Maraatiif guddoo waan hin addataminiif, Mootiin Waan Maraa kolbaa Yihuda'aa salphise.20Mootiin Asoorii Tiiglaat-Phileeser gara Ahaazii yennaa dhufe isa rakkise malee isa hin qarqaarre.21Maarre Ahaaz qooda Galma Mootii Waan Maraa irraa, qooda mana mootumma'aa irraa fi qooda qondaaltotaa irraa meya fuudhee mootii Asooriitiif kenneeraayyu; te'uu malee tunille isa hin qarqaarre.22Ahaaziin mootichi yennaa rakkinna ifii keessalle, ka durii caala'aayyuu Mootii Waan Maraatiif ka hin addatanne te'e.23Inni, «Waaqoti dharaa ka Sooriya'aa mootota Sooriya'aa waan qarqaaraneef, analle akka qarqaaranu ciincaa isaaniif dhikeessa» jedhee waaqota dharaa ka worra Damaasqo'oo worra isa injifataneef ciincaa dhikeesse; te'uu malee hujiin tun isaa fi kolbaa Israa'elii maraaf sababa jinnanaa teete.24Itti dabalee Ahaaz meya Galma Mootii Waan Maraa keessaa wolitti qabee caccasse; balbala Galma Mootii Waan Maraa cufee, roga irga karaa Yerusaalem keessaa maratti addee ciinca'aa ta waaqota dharaa ijaare.25Qachaa biyya Yihuda'aa mara keessatti, waaqota dharaa ka dhibi'iif addee waaqonfanna'aa ijaaree, Mootii Waan Maraa Waaqa abbootii ifii ta durii aarse.26Wonni dhibiin ta Ahaaziin mootichi huje, jalqabaa kaasee haga muumme'eetitti kitaaba dabarsii mootota Israa'eliitii fi Yihuda'aa keessatti barreeffanteerti.27Ahaaz du'ee qachaa Yerusaalemii keessatti isa awwaalane; te'uu malee addee awwaala moototi Israa'elii itti awwaalamanutti isa hin awwaalle. Ilmi isaa Hisqiyaas addee isaatitti mootii te'e.