Uziyaan Mootii Yihuda'aa Te'e
1Achiin duuba kolbaan Yihuda'aa marti wolii galanee nama dargaggeessa woggaa kudhanii jaa Uziyaa addee abbaa isaa Amaasiya'aatitti mootii isa godhatane.2Amaasiyaan du'een duuba, Uziyaan qachaa Elootii deebisee ijaaree, gara biyya Yihuda'aatitti deebise.3Uziyaan yennaa mootii te'e nama woggaa kudhanii jaa ti; inni Yerusaalem keessa tee'ee woggaa shantamii lama bulche; maqaan haadha isaa Yekoliya'a; isiin nama Yerusaalemii ti.4Inni akkuma abbaa ifii Amaasiya'aa Mootii Waan Maraa duratti waan sirrii te'e mara huje.5Waaqa sodaatiisa ka isa barsiise, Zakaariyaas bara lubbu'uun jiru keessa, Uziyaan Waaqaaf ajajame. Bara inni Mootii Waan Maraatiif ajajame san Waaqi isa milkeesse.6Uziyaan worra Filisxeemotaatitti duulee dalleya dhaka'aa ka Gaatii, ka Yaabne'eetii fi ka Ashidoodii diige; achiin duuba qachaa dhibii Ashidood keessatti, lafa Filisxeemotaa addee dhibiille'etti ijaare.7Lola worra Filisxeemotaatii fi lola worra Arabootaa ka Gur-Ba'aal keessa le'anuu irratti, lola worra Me'unootaa irralle'etti Waaqi isa qarqaare.8Worri Amoonotaa gibira Uziya'aaf gabbarane; inni mootii jabaa waan te'eef, gurri isaa haga meessaa biyya Gibxiititti beekkame.9Uziyaan qachaa Yerusaalemii keessatti karra roga irraa biratti, karra dhooqaatii fi roga dalleenni dhaqee itti dabu biratti xelleephoo jadduu ijaare.10Inni koobota jalaa fi dirree keessatti horii bacaa waan qabuuf, goomolee keessatti xelleephoo dhaka'aan ijaare; boolla bisaaniille qochisiise; hujii qonnaa waan jaalatuuf, koobotaa fi lafa laattuu maratti namoota fichaa isaaf qotanuu fi muka woyni'ii isaaf dhaabanu qabaayyu.11Ammalle Uziyaan loltoota lola dande'anu, worra kutaa kuta'aan akka Yiye'eliin barreessichii fi Ma'aseyaan qondaaltichi ajaja Hanaaniyaa ajajjoota loltoota mootichaa keessaa tokko te'eetiin laakkowanetti, loltoota duulaaf bayanu qabaayyu.12Laakkossi sooressitootaa worri maatii maatii abbootii isaaniititti ajajjoota te'ane wolumatti kuma lamaa fi dhibba jaa.13Laakkossi loltoota ajajjoota kana jala jiranuu kuma dhibba sadii fi kuma torbaa fi dhibba shan; isaan diina mooticha irraa ittisiisaaf worra hunnaameyyii lola dande'anu.14Uziyaan loltoota tana maraaf wontee, woraana, gullee sibiilaa, qomoo sibiilaa, guube'ee fi dhakaa looyya'aandarbatanu qoode.15Inni meya jabaa daayaa fi dhakaa gugurdaa ittiin darbatanu Yerusaalem keessatti worra ogummaa hujii harkaa qabuun hujisiisee xelleepho'oo fi roga dalleya qacha'aa mara irra keye; haga jabaatutti qarqaarsa guddaa Waaqa biraa waan dhaggateef, gurrii isaa biyya fago'ootitti beekkame.16Uziyaan nama jabaa te'een duuba kooree badii ifitti fide; inni ifumaaf gara Galma Mootii Waan Maraa seenee, addee ciinca'aa ta hixaanaa irratti ciincaa hixaanaa dhikeessiisaan Mootii Waan Maraa Waaqa ifii yakke.17Hayyichi Azaariya'aa fi hayyooti Mootii Waan Maraa worri jajjabi saddeettami isa gula seenane.18Isaan Uziyaa mootichaan, «Ee Uziya'a! Hayyoota worra sanyii Aaroniitii fi worra hujii tanaaf adda bayane qofatti hixaana Mootii Waan Maraatiif aarsan malee, ati aarsiisaaf hin malle; ati Mootii Waan Maraa Waaqa waan yakkiteef, isa irraa ulfinna hin dhaggattu; Galma keessaa bayi» jedhane.19Uziyaan girgiraa harkatti qabatee, hixaana aarsiisaaf adoo jedhuu isaanitti aare; adoo inni isaanitti aariisatti jiruu Galma Mootii Waan Maraa keessatti addee hixaana itti aarsanu biratti ila hayyoota sanii duratti dhukkubi goga'aa farrisiisaan adda isaa irratti baye.20Azaariyaan sooressi hayyootaatii fi hayyooti dhibiin marti yennaa isa ilaalanu, dhukkuba goga'aa farrisiisaa adda isaa irratti dhagganee ariiti'iin gad isa baasane; Mootiin Waan Maraa waan isa adabeef, innille achi keessaa bayiisaaf ariifate.21Uziyaan mootichi haga gaafa du'uutitti dhukkubi goga'aa farrisiisaan isa irraa hin banne; inni dhukkuba goga'aa farrisiisaa waan qabuuf, Galma Mootii Waan Maraa irraa dhooggamee mana kophaa jiru keessa tee'e; achiin duuba ilmi isaa Yotaam bulchaa mana mootumma'aa te'ee, kolbaa lafa sanii bulche.22Waan Uziyaan bara mootummaa ifii keessa huje keessaa waan hafe, jalqabaa kaasee haga muumme'eetitti ilmi Amosii Isaayaasiin raagichi barreesseera.23Uziyaan du'e; inni dhukkuba goga'aa farrisiisaa waan qabuuf, addee awwaalaa ta moototaa, ta abbootii ifii ta durii biratti awwaalame; addee isaatitti ilmi isaa Yotaam mootii te'e.