2 Dabarsi'i23gax_twf

Namooti Ataaliyaa Irratti Ka'ane

1Woggaa torbeesso'ootitti ammoo Yoyaadaan jajjabaatee, worra ajajjoota dhibbaa te'ane ilma Yerohaamii Azaariyaa, ilma Yohaannaanii Ishimaa'el, ilma Obedii Azaariyaa, ilma Adaayaa Maaseyaa, ilma Ziikrii Elshaafaax woliin wol gondoorane.2Isaan biyya Yihuda'aa keessa deemanee, Lewwootaa fi sooressitoota maatii Israa'elootaa qachaa mara keessaa wolitti qabanee, isaan woliin gara Yerusaalemii dhufane.3Gumiin marti Galma Waaqaa keessatti mooticha woliin wol gondoorane. Achiin duuba Yeyaadaan hayyichi, isaaniin, «Akkuma Mootiin Waan Maraa sanyii Daawitiitiif waadaa gale, kunoo ilmi mootichaa mootii hin te'a.4Wonni isin gootanu kana: Isin hayyootaa fi Lewwoota keessaa guyyaa sanbataa worri badoo qaddanu, harka sad keessaa harki tokko karra Galmaa Waaqaa eeganuu ti!5Harka sad keessaa harki tokko mana mootumma'aa eeganuu ti! Harka sad keessaa harki tokko, ‹Karra hunde'ee› ta jedhantu eeganuu ti! Worri hafe marti badhinna dalleya keessaa ka Galma Mootii Waan Maraa keessa tee'anuu ti!6Hayyootaa fi Lewwoota worra tajaajiliisaaf badoo qabanu malee nami tokkolle Galma Mootii Waan Maraa keessa hin seenin; isaan woyyuu waan te'aneef seenanuu ti! Namooti hafane marti akka ajaja Mootii Waan Maraatitti ala dhaabbatanuu ti.7Lewwooti marti meya woraanaa harkatti qabatanee mootichatti naannowanuu ti. Nami yennaa san Galma Waaqaa seenu marti ijjeefamuu ti; yennaa mootichi ol seenuu fi gad bawu isa woliin jiraadha'a» jedhe.8Lewwootii fi kolbaan Yihuda'aa marti akkuma hayyichi Yoyaadaan ajaje godhane; tokko tokkoon isaanii namoota ifii worra guyyaa Sanbataa hujii irra jiranuu fi worra hujii ifii fixatanee galaaranu wolitti qabane. Hayyichi Yoyaadaan worra badoo hujii ifii fixataneeranuuyyuu gad hin lakkinne.9Achiin duuba hayyichi Yoyaadaan woraana, wontee gugurdo'oo fi didiqqoo dur mootichi Daawiti qabu, ta Galma Waaqaa keessa jirtu, ajajjoota dhibbaatitti kenne.10Inni kolbaan marti tokko tokkoo isaanii meya woraanaa ka ifii harkatti qabatanee, Galma Waaqaa kaabaa haga kibbaatitti, adaala addee ciinca'aa, marsanee mooticha akka eeganu godhe.11Achiin duuba Yoyaada'aa fi ilmaan isaa, ilma mootichaa fidanee, kallacha itti keyanee, woraabbii barreeffama Gondooro'oo itti kennanee mootii isa godhane; isaan isa muudanee, «Mootichi bara dheeraa le'uu ti!» jedhane.12Ataaliyaan hogaa kolbaan utaalaa mooticha leellifattu yennaa dhageette, Galma Mootii Waan Maraa keessatti gara kolba'aa dhaxxee,13mootichi seensuma addee mootiin dhaabbatu dhaabbatuun utubaa biratti dhaggite; qondaaltoti loltootaatii fi worri tultullaa afuufu isa bira dhaabbataneeran; kolbaan lafa sanii marti firinxiixaa tultullaa afuufan; faarsitootille meya faaru'uutiin faaruu jilaa qajeelchan. Achiin duuba Ataaliyaan aari'iin woyaa ifii tarsaattee, «Tun maltumma'a! Tun maltumma'a» jettee iyyite.14Achiin duuba hayyichi Yoyaadaan ajajjoota dhibbaa worra loltoota ajajanu gad baasee, isaaniin, «Tarree teessan oddu'uu gad isii baasa'a; nama rogii isi'ii dhufu mara shallaaga'aan ijjeesa'a» jedhe. Inni, «Galma Mootii Waan Maraa keessatti isii hin ijjeesina'a» jedheeraayyu.15Maarre isaan isii qabanee karra mana mootumma'aa, addee, «Seensuma fardaa» jedhantu, achitti isii ijjeesane.

Haareffama Yoyaadaan Fide

16Hayyichi Yoyaadaan inninuu, kolba'aa fi mootichille, kolbaa Mootii Waan Maraa akka te'anu gondooroo godhe.17Achiin duuba kolbaan marti gara galma Ba'aalii dhaxxee, galma Ba'aalii san diiddee, addee ciinca'aatii fi fakkii waaqota dharaa ta achi jirtu caccassitee, hayyicha Ba'aalii Maataanille addee ciinca'aa san duratti ijjeette.18Hayyooti sanyii Lewwi'ii akkuma seera Muuse'ee keessatti barreeffante gammadaa fi faaru'uun kennansa gubamu Mootii Waan Maraatiif akka dhikeessanu, Daawitiin mootichi akkuma ajaje, Yoyaadaalle hujii Galma Waaqaatitti, hayyootaa fi Lewwoota itti gaafatantoota godhe.19Nami battiin tokkolle Galma Mootii Waan Maraa akka hin seenne, karra Galma Mootii Waan Maraa akka eeganu eeddota karraa ramade.20Ajajjoota dhibbaa, qondaaltota, bulchitoota kolba'aatii fi kolbaa lafa sanii mara woliin mooticha Galma Mootii Waan Maraa keessaa gad baasanee gara mana mootumma'aa fidaneen duuba, karaa karra gara gubba'aatiin seenanee, mooticha barcumaa mootumma'aa irra teessisane.21Ataaliyaan shallaaga'aan waan ijjeefanteef, kolbaan marti gammadde; qachaalle gabbi jedhe.