Gosi Israa'elii Ta Kaabaa Rehobiyaam Finqilte
1Israa'elooti marti mootii isa godhatiisaaf Sheekem waan dhaqaneef, Rehobiyaamille achi dhaqe.2Ilmi Nebaatii Yerobi'aam, ka Solomoon duraa gara biyya Gibxi'ii baqateeru, oduu tana yennaa dhage'e, deebi'ee dhufe.3Maarre kolbaan Israa'elii ta gara kaabaa, isa waansitte; innii fi wolde'i Israa'elii marti, gara Rehobiyaamii dhaqanee,4«Abbaan keeti Solomoon waanjoo ulfaattuu nutti fe'eera. Ati ammoo amma hujii ulfaattu'uu fi waanjoo ulfaattuu abbaan keeti nutti fe'e, yoo nuu sallitte, nuutille si'iif hin ajajanna» jedhane.5Rehobiyaam deebisee, «Amma deema'aatii, guyyaa sadiin duuba deebi'a'aa kowa'a» jedheen. Maarre kolbaan sun deebitee galte.6Achiin duuba Rehobiyaamiin mootichi, jaarsolee dur abbaa isaa Solomooniif gorsa kennitu wolitti qabee, «Kolbaa tanaaf deebii attamii akka kennu natti gorsitan?» jedhee gaafate.7Isaan deebisanee, «Ati kolbaa tanaaf gadhaa laattee, isaan gammachiittee deebii dansaa yoo isaaniif deebitte, isaan yennaa mara si hin tajaajilan» jedhane.8Rehobiyaam ammoo gorsa jaarsole'ee tuffatee, dargaggoota isa woliin guddatte, ta isa gorsitu woliin mari'ate.9Inni, «Kolbaa, ‹Waanjoo abbaan keeti nutti fe'e, nutti sallisi!› jettu tanaaf deebii attamii kennina? Gorsa attamii naa kennitan?» jedhee isaan gaafate.10Isaan deebisanee, «Kolbaa ‹Abbaan keeti waanjoo ulfaattuu nutti fe'eera; ati ammoo nutti sallisi!› jettu tanaan, ‹Qubi kiyya maandhich, hidha abbaa kiyyaa caala furdata.11Abbaan kiyya waanjoo ulfaattuu isinitti fe'eera; ani ammoo ta san caaltu isinitti hin fe'a; abbaan kiyya liche'een isin dhaane; ani ammoo lichee qaccee irraa akka makkaa qara qadduun isin hin dhaana› jedhiin» jedhane.12Akkuma mootichi, «Guyyaa sadiin duuba deebi'aatii, kowa'a» jedhe, Yerobi'aamii fi kolbaan martinuu deebi'anee, gara Rehobiyaamii dhufane.13Rehobiyaamiin mootichi gorsa jaarsoleen isaaf kennite tuffatee, xixxa'aan deebii isaaniif kenne.14Inni gorsa dargaggootaa fudhatee, «Abbaan kiyya waanjoo ulfaattuu isinitti fe'e; ani ammoo ta san caaltu isinitti hin fe'a; abbaan kiyya liche'een isin dhaane; ani ammoo lichee qaccee irraa akka makkaa qara qadduun isin hin dhaana» jedheen.15Maarre wonni kun Waaqa irraa waan teeteef, mootichi dubbii kolba'aa hin dhageenne; wonni Waaqi karaa Ahiiyaa nama biyya Shiiloniitiin, ilma Nebaatii Yerobi'aamitti dubbate tanaan muummotte.16Mootichi akka isaaniif dhage'uu dide Israa'elooti yennaa dhaggane,«Nuuti Daawiti woliinqooda maan qanna?Maatii abbaa isaa Iseyii biraadhaala maan qanna?Ee Israa'el gara dunkaanii teessanii deebi'a'a!Ee sanyii Daawitiimana keetiif yaad» jedhanee,mootichaaf deebii kennane.Maarre isaan marti gara dunkaanii ifii deebi'ane.17Rehobiyaam ammoo Israa'eloota biyya Yihuda'aa keessa le'anu qofa irratti mootii te'e.18Achiin duuba Rehobiyaamiin mootichi, itti gaafatamaa namoota hunnaan hujii hunnaa hujanuu Adoraam gara Israa'elootaa erge; isaan ammoo dhaka'aan tumanee isa ijjeesane. Rehobiyaamiin mootichi ammoo ariiti'iin garreettaa ifii ka fardaan harkifamu irra tee'ee, gara Yerusaalemii duraa baqate.19Maarre kolbaan Israa'elii ta gara kaabaa, haga adhaa namoota sanyii Daawitii irratti finqila kaasanee hafane.