1 Ximootewoos3gax_twf

Ulaagaa Sooreyyii Wolde'a Kiristaanaa

1Nami tokko sooressaaWolde'a kiristaanaa te'iisaaf yoo barbaade, hujii kabajantuu halcha jechi jedhu dhuga'a.2Sooressaan wolde'a kiristaanaa nama komii hin qanne, nama niitii takkattii qofa qabu, nama hagatti le'u, nama ifi qabatu, nama kabajjaa qabu, nama keessummaa fudhatu, nama barsiisuu dande'u,3nama hin machoonne, nama hunnaan hin lolle, nama qajeelaa, nama moromaa hin jaalanne, nama beesee hin jaalanne,4nama maatii ifii sirri'itti bulfatu, nama ijoolleen ulfinnaan isaaf ajajantu te'uu qaba.5Nami tokko maatii ifii bulfatiisa yoo hin dandeenne, attam dande'ee wolde'a kiristaanaa ka Waaqaa bulchiisaaf dande'a ree?6Kijibaan afuufamee, muraa tanaan qara Seexanatti muranteetti akka hin jinne, nama dhikoo dhugeeffate hin te'in.7Maqaa isaa badee tiyyoo Seexanaa keessatti akka hin jinne, nama alaa biratti gurra dansaa qabaachuu qaba.

Ulaagaa Qarqaartota Wolde'a Kiristaanaa

8Akkasuma qarqaartotiwolde'a kiristaanaalle worra ulfinna qabu malee, worra arraba lama dubbatu, worra unii fakkansu, worra qarshi'iif joljolu te'uu hin qabanu;9wodanaa qullu'uun dhossaa dhugeeffannaa dhuga'aa jabeessanee qabatuu qaban.10Isaan dursanee ilaallatamanuu ti; achiin duuba ka komii hin qanne yoo te'ane qarqaartota wolde'a kiristaanaa te'anee tajaajilanuu ti.11Akkasuma niitoti qarqaartotaalle ta kabajjaa qaddu, ta hin hamanne, ta hagatti leetu, ta waan maraan addatantu te'uu qaddi.12Qarqaartichi wolde'a Kiristaanaa tokko ka niitii takkaa qofa qabu te'ee, ijoolle'ee fi maatii ifii akka dansaa ka bulfatu te'uu qaba.13Qarqaartoti wolde'a kiristaanaa, worri hujii dansaa hujanu ulfinna guddaa dhaggatanee, marroo dhugeeffannaa ifii ta Yesuus Kiristoositti qabanuun jabeenna guddaa dhaggatan.

Dhossaa Guddoo Dhugeeffanna'aa

14Ani dafee gara keeti akka dhufu addii qaba, haga sanitti ammoo gorsa kana si'iif barreessaara.15Ammoo yoo ani ture, mana worra Waaqaa keessatti nami amala attamii qabaachuu akka male akka beettuuf kun si gargaara; manni kunille utuba'aa fi hundee dhugaa wolde'a kiristaanaa ka Waaqa jiraata'aa ti.16Dhossaan dhugeeffannaa teennaa mama tokko malee guddo'oo; tanaaf,«Inni foon uffatee mudhateera;dhugaa akka te'e Ayyaanaan mirkaneeffameera.Ergantoota Waaqaatitti mudhateera;kolbaa biyya lafaatiif lallabameera.Biyya lafaa duudi'itti dhugeeffatameera;ulfinnaan gara ol-gubba'aa fudhatameera» jedhamee himameera.