1 Ximootewoos2gax_twf

Waaqonfannaa Wolde'a Kiristaanaa

1Amma waan duudi'iin dura, iyyannoon, daadimannaan, worra dhibi'iif daadimatu'uu fi galata dhikeessuun Waaqa duratti nama duudi'iif akka godhamuuf gorsa.2Nageyaa fi sarmiisaan, Waaqa soda'aa fi adaba dansa'aan akka leenu, moototaa fi worra baallii ol aantuu qabu duudi'iif daadimadha'a.3Daadimati akkasii Waaqa fayyisaa keenna duratti dansa'aa fi ka fudhatama qabu.4Inni nami duudiin akka fayyuu fi dhugaa akka beeku barbaada.5Waaqi tokkocha; wodhakkaa jiraatee Waaqaa fi nama ka wolitti araarsu tokkocha; inni nama te'ee ka mudhate Yesuus Kiristoos.6Ka sanyii namaa duudii wodiisaaf mataa ifii dabarsee kenne isa; isiin tunille yennaa itti te'uu maltetti mirkanootte.7Maarre anille sababa kanaaf dhugeeffanna'aa fi dhugaa lallabiisaaf ergama'aa fi barsiisaa te'ee, gara worra Yihudoota hin te'inii ergame. Ani dhugaa dubbatiisatti jira malee hin sobu.8Worri dhiiraa addee maratti aari'ii fi moromaa malee, yaada qullu'uun harka isaanii ka woyyoome ol kaasanee akka daadimatanu barbaada.9Dubartootille mataa shoobaa dhowattee, yookiin worqi'iin yookiin dooqaan seefatiisa, yookiin woyaa gatii guddo'oo uffatiisa adoo hin te'in, ifi qabattee woyaa isi'iif malte akka uffattu barbaada.10Dubartooti Waaqa waaqonfanna jettu akka godhuu maltetti hujii dansa'aan ifi seefattuuti.11Dubartiin cadheessaa fi ajajamaan barattuu ti.12Isiin akka barsiittu yookiin dhiira irratti baallii akka qabaattu ani hin eeyyamu; isiin cadhisuu qaddi.13Sababille Addaam matooma dadamee, Heewwan ammoo achiin duuba dadante.14Ka sobamelle Addaamii moti; sobantee seera Waaqaa ta cassite dubartitti'i.15Teetuu malee dubartiin dhugeeffanna'aa fi jaalalaan, woyyumma'aan ifi qabattee yoo jabaatte ilmee deyiisaan hin fayyiti.