Hujii Phawuloos Tasalonqee Keessatti Huje
1Obboleeyyan tiyya, gara keessan dhufiis keenna ka gatii hin qanne akka hin te'in isinuu hin beettan.2Nuuti gara keessan adoo hin dhufin dura, Filiphisiiyuusitti akka rakkannee fi arraffanne hin beettan. Mormiin guddoon nu dhaqqaddulle, Oduu Gammadaa ta isa irraa dhutte akka isiniif hinnu Waaqi keenna jajjabeenna nu'uuf kenne.3Nuuti dokonkoraan, yookiin yaada hammeennaatiin, yookiin maltumma'aan isin hin gorsine.4Waaqi nu addatee, Oduu Gammadaa maganne'een waan nutti kenneef hin dubbanna. Nuuti nama gammachiisiisaaf adoo hin te'in, Waaqa gadhaa keenna qoree ilaalu, gammachiisiisaaf tana goona.5Dubbii sossobaatiin, yookiin joljolummaa teenna gollannee gara keessan akka hin dhufin miidhassitanee hin beettan! Waan kana Waaqille hin beeka.6Nuuti isin irraa yookiin worra dhibii irraa, nama tokko irralle'ee galata hin barbaanne.7Nuuti akka ergantoota Kiristoosiititti waan barbaachisaa te'e isin gaafatuu hin dandeennaayyu. Ammoo akka haadha daa'ima ifii hoosittee guddittuu, qajeelumma'aan odduu teessan leene.8Nuuti waan guddoo isin jaalannuuf, Oduu Gammadaa ta Waaqa irraa dhutte callaa adoo hin te'in, jiruu teennalle isiniif qoodiisaaf qophoonneerraayyu. Sababille isin jaalota teenna!9Obboleeyyan tiyya, attam akka hunyee fi akka dadhanne hin qaabattan. Nuuti isin keessaa nama tokkolle'etti ba'aa akka hin teene, halkanii fi guyyaa hujataa, Oduu Gammadaa isiniif lallanne.10Isin worra dhugeeffattane oddu'utti adabi keenna qulluu, balcha'aa fi ka komii hin qanne akka te'e isin dhugaa baatota; Waaqille nuuf dhugaa baya.11Nuuti tokko tokkoo keessan, akka abbaan ijoollee ifii ilaalutti, akka ilaalle hin beettan.12Le'ii Waaqa gara mootummaa ifiitii fi ulfinna ifiititti isin waame gammachiittu akka leetanu isin gorsaa, jajjabeessaa, magannee isiniin jenneerra.13Nuuti marroo teessaniif yennaa maraa waan Waaqa galateeffannu qanna. Jecha Waaqaa, ka nuuti isiniif lallanne yennaa dhageettane, akka dubbii namaa adoo hin te'in akka jecha Waaqaatitti fudhattaneertan; jechi kun dhugumaan jecha Waaqaa, kama isin worra dhugeeffattane keessatti hujiisatti jiru.14Obboleeyyan tiyya, isin fakkeenna worra biyya Yihuda'aa, ka Yesuus Kiristoosiin wolde'oota kiristaana Waaqaa te'anee hordottaneertan. Akkuma isaan harka worra Yihudootaatitti rakkatane, isinille harka kolbaa teessaniititti rakkattaneertan.15Worri Yihudootaa Goottaa Yesuusii fi raagota ijjeesanee, nu'ulle miidhane. Isaan Waaqa hin gammachiisanu, nama tokkolle'een wolii hin galanu.16Worra Yihudoota hin te'iniif, jecha isaan fayyisuuyyuu akka hin dubbanne nu dhooggan. Akkasiin yennaa maraa cubbuu ifi irratti fakkanfataa deeman. Amma gara muumme'eetitti mufiin Waaqaa isaan irratti dhutteerti.Dharraa Phawuloos Deebi'ee Isaan Ilaaliisaaf Qabu
17Obboleeyyan tiyya, gadhaan keenna adoo isin bira jiruu, yennaa diqqo'oof ilaan wol dhagguu dhannee gargar baanulle, waan guddoo isin dharraaneef ila teennaan isin dhaggiisaaf guddoo wodhaanneerra.18Nuuti gara keessan dhufiisaaf barbaanneerraayyu. Keessumattuu ani Phawuloos yennaa hedduu wodhaane; Seexanni ammoo nu kute.19Addiin teenna, gammadi keenna, kallachi ulfinnaa ka nuuti Yennaa Goottaan keenna Yesuus dhufu dura dhaabbannee, ittiin ifi jajnu isin malee eennu ree?20Dhugumaan, ulfinnii fi gammadi keenna isin.