Kolbaan Israa'elii Mootii Filatiisaaf Gaafatte
1Saamu'el yennaa dulloome ilmaan ifii Israa'el irratti abbootii mura'aa godhe.2Maqaan ilma isaa angafichaa, Yo'el; ka maandhichaa, Abiiya'a. Isaan abbootii mura'aa ta qachaa Bersheeba'aa ti.3Garuu isaan fakkeenna abbaa ifii gula hin deenne; bu'aa woy hin baane dhaggatiisaaf karaa isaa irraa gorane; beesee safu'uu fudhatanee, haqa dassane.4Achiin duuba jaarsoleen Israa'elii marti wolitti qabamanee, Raamat keessatti gara Saamu'elii dhaqanee,5Saamu'eliin, «Kunoo, ati dulloonteerta; ilmaan teetille fakkeenna keeti gula hin ideenne; tanaaf akkuma gosa biyya adda addaa mootii nu bulchu nuu kenni» jedhane.6Garuu jechi isaan, «Mootii nu bulchu nuu kenni» jedhane sun Saamu'el hin gammachiinne; tanaaf inni gara Mootii Waan Maraa daadimatee,7Mootiin Waan Maraalle Saamu'eliin, «Isaan akka ani mootii isaanii hin teeneef na tuffatane malee si waan hin te'iniif, waan isaan si'iin jedhanu mara dhage'i!8Isaan guyyaa ani biyya Gibxi'iitii isaan baaseen jalqabanee haga adhaa na lakkisanee waaqota dhibii tajaajiliisaan waan na irratti godhane si irralle'etti godhiisatti jiran.9Maarre amma, ati waan isaan si'iin jedhanu dhage'i; mootiin isaan irratti mootomu maan isaan akka godhu itti himiitii, midhassii isaan ifi eeggachiisi» jedhe.10Maarre Saamu'el dubbii Mootiin Waan Maraa isatti dubbate mara kolbaa akka inni mootii isaaniif filu isa gaafattetti hime.11Inni isaaniin, «Mootiin isin irratti mootomu, ilmaan teessan fuudhee, isaan keessaa garii loltoota garreettaa ifii ka fardaan harkifamuu, garii abbootii fardaa ta ifii hin godhata; gariin garreettaa isaa ka fardaan harkifamuun dura hin fiigan.12Isaan keessaa garii ajajjoota loltoota kumaatii fi ajajjoota loltoota shantamaa, garii fichaa isaa akka qotanuu fi midhaan isaa akka haamanu, garii meya lolaatii fi meya garreettaa fardaan harkifamuu akka isaaf hujanu hin godhata.13Ijoollee teessan ta durraa fudhatee, worra fiqiree huju, worra ittoo hujuu fi worra daabboo bilcheessu hin godhata.14Inni fichaa keessan dansaa, fichaa muka woyni'iitii fi muka ejersaa keessan fudhatee tajaajiltoota ifiitiif hin kenna.15Midhaanii fi woynii teessan irraa harka kudhan keessaa harka tokko fuudhee qondaaltotaa fi tajaajiltoota ifiitiif hin kenna.16Inni tajaajiltoota teessan ta dhiiraatii fi ta durraa, looniifi harreelee teessan dadansaa fudhatee hujii ifii hin hujisiifata.17Inni hoole'ee fi re'ee teessan kudhan keessaa tokko hin fudhata; isinuuyyuu garboolee isaa hin teetan.18Guyyaa san isin sababa mootii ifiif filattaneetiif akka malee hin gunguntan; Mootiin Waan Maraa ammoo guyyaa san gungunsuu teessan san hin caqasu» jedhe.19Kolbaan ammoo dubbii Saamu'elii caqasuu diddee, «Waawwo'o! Nuuti akka mootiin nu'uuf filamu barbaanna;20nuutille akkuma gosi biyya adda addaa teete hin teena; mootiin keenna muraa nuu kennuu ti; nu'uun dura deemaa diina keenna nu'uuf loluu ti» jedhane.21Saamu'el waan kolbaan jette mara yennaa dhage'e, waanuma isaan jedhane Mootii Waan Maraatitti hime.22Mootiin Waan Maraa Saamu'eliin, «Waan isaan jedhane isaaniif godhi! Mootii isaaniif fili!» jedhe. Achiin duuba Saamu'el kolbaa Israa'eliitiin, «Isin martinuu gara qachaa keessaniititti deebi'a'a!» jedhe.