1 Saamu'elii5gax_twf

Filisxeemoti Saanduqa Gondooro'oo Booji'ane

1Filisxeemoti Saanduqa Gondooro'oo ka Waaqaa booji'aneen duuba Ebeen-Ezer irraa gara qachaa Ashidoodii geessane.2Achiin duuba Filisxeemoti Saanduqa Gondooro'oo ka Waaqaa san fuudhanee gara galma waaqa dharaa ka, «Daagon» jedhamuu geessanee, Daagon bira keyane.3Kolbaan qachaa Ashidoodii boruyyaa ganama yennaa kaate, waaqi dharaa Daagon Saanduqa Gondooro'oo ka Mootii Waan Maraa duratti lafatti gad gombifameeruun dhaggane; maarre isaan waaqa dharaa Daagon achii fuudhanee addee isaatitti deebisanee dhaabane.4Boruyyaa ganama ammoo yennaa ka'ane kunoo, waaqi dharaa Daagon Saanduqa Gondooro'oo Ka Mootii Waan Maraa duratti lafatti gad gombifameeruun dhaggane; mata'aa fi harki isaa lamaanuu irraa caccabee badhinna keessa bu'ee nafi isaa callaan hafeeraayyu.5Waan kanaaf, haga adhaa hayyooti Daagoniitii fi namooti galma Daagoonii seenanu marti gulantaa balbala galma waaqa dharaa ka Daagonii ka qachaa Ashidoodii keessaa irra hin ijjatanu.6Mootiin Waan Maraa kolbaa Ashidoodiitii fi kolbaa adaala isaanii jiranu mara guddoo rakkisee, balaa iitaa isaanitti buuse.7Worri Ashidoodii waan te'e kana yennaa dhaggane, «Waaqi nu'uu fi waaqa keenna Daagon waan adabeef, Saanduqi Gondooro'oo ka Waaqa Israa'elii as nu bira hin turin» jedhane.8Maarre isaan namoota erganee bulchitoota Filisxeemotaa mara wolitti qabanee, «Saanduqa Gondooro'oo ka Waaqa Israa'elii kana maan goona?» jedhanee gaafatane. Bulchitootille, «Saanduqa Gondooro'oo ka Waaqa Israa'elii gara qachaa Gaatii geessa'a» jedhanee deebii kennane. Maarre isaanille Saanduqa Gondooro'oo ka Waaqa Israa'elii gara qachaa Gaatii geessane.9Saanduqa Gondooro'oo san qachaa Gaatii geessaneen duuba, raafami guddaan te'e; Mootiin Waan Maraa namoota qachaa sanii adabee, diqqa'aa haga gudda'aatitti iita itti buuse.10Maarre isaan Saanduqa Gondooro'oo ka Waaqaa san gara Eqroonii geessane; Saanduqi Gondooro'oo sun akkuma gara Eqroonii dhufeen ammoo kolbaan Eqroonii, «Isaan nu'uu fi kolbaa teenna ijjeesisiisaaf, Saanduqa Gondooro'oo ka Waaqa Israa'elii gara keenna fidanee!» jedhanee iyyane.11Waaqi achitti waan isaan adabeef, raafam du'aa qachaa san duudii guute. Worri qachaa sanii namoota erganee bulchitoota Filisxeemotaa mara wolitti qabanee, «Nuutii fi kolbaan teenna akka hin dhumanne, Saanduqa Gondooro'oo ka Waaqa Israa'elii nu irraa fageessa'aatii addee isaatitti deebisa'a» jedhane12Worra du'a irraa hafe dhukkubi iitaa waan isaan rakkiseef, guddoo iyyane.