Booji'amiisa Saanduqa Gondooro'oo
1Dubbiin Saamu'elii Israa'eloota mara dhaqqadde. Israa'elooti Filisxeemota loliisaaf bayanee addee, «Ebeen-Ezer» jedhantu qubatane; Filisxeemoti ammoo addee, «Afeq» jedhantu qubatane.2Filisxeemoti Israa'eloota loliisaaf tarree galane; lolli akkuma jabaateen, Filisxeemoti Israa'eloota injifatanee, lola san keessa Israa'elooti kum afur ijjeefamane.3Loltooti addee qubatanetti yennaa deebi'ane, jaarsoleen Israa'elii, «Mootiin Waan Maraa adha Filisxeemoti akka nu injifatanu maaf godhe? Akka inni nu woliin duulee harka diinota keennaa jalaa nu baasu, kowa'a dhandhee Saanduqa Gondooro'oo Ka Mootii Waan Maraa Shiiloo keessaa as fidanna!» jedhane.4Maarre kolbaan namoota gara Shiilo'oo ergitee, Saanduqa Gondooro'oo ka Mootii Waan Maraa Ka Waan Mara Dadee, ka barcumaa mootumma'aa irra odduu dada ol-gubba'aa ta koola qaddu lamaanii tee'eeruu, achii akka fidanu goote; ilmaan Eli'ii lama Hofnii fi Fiinehaas Saanduqa Gondooro'oo ka Waaqaa san woliin achi jiraniiyyu.5Saanduqi Gondooro'oo ta Mootii Waan Maraa akkuma addee quttumaa dhufeen, Israa'elooti marti haga latti tachootutti guddoo ilillisane.6Filisxeemotille ililleettii san yennaa dhage'ane, «Ililleettiin guddoon ta addee quttuma Ibrootaatitti dhage'antu tun maan?» jedhanee gaafatane. Isaan Saanduqi Gondooro'oo ka Mootii Waan Maraa gara addee quttumaa akka dhufeeru yennaa beekane,7Filisxeemoti sodaatanee, «Waaqi dharaa tokko addee quttumaa dhufeera; tanaan qara wonni akkasii teetee waan hin beenneef, aanne'e nu'uuf!8Aanne'e nu'uuf! Harka waaqota dharaa jajjaba kana jalaa eentu nu baasuu dande'a ree? Isaan kun waaqota dharaa ka balaa adda addaatiin worra Gibxi'ii goomolee keessatti dhowane.9Ee Filisxeemota! Jabaadha'a! Dhiira te'a'a! Akkuma qara worri Ibrootaa isiniif garba te'e, isinille isaaniif garba akka hin teene, dhiira te'a'aatii lola'a!» woliin jedhane.10Maarre Filisxeemoti lolane; Israa'elootille injifatamanee marti isaanii gara mana ifii baqatane; nami bacaan dhumate; Israa'eloota keessaa loltooti kum soddom ijjeefamane.11Saanduqi Gondooro'oo ka Waaqaa booji'amee, ilmaan Eli'ii lamaanuu Hofnii fi Fiinehaas ijjeefamane.Du'iisa Eli'ii
12Guyyaa san nami gosa Beniyaaminii tokko gaddiisaan woyaa ifii tarsaasee, bukuu mata'atti naqatee, addee lolaa irraa gara Sheelo'oo fiigaa dhufe.13Yennaa inni achi geye, Eliin marroo Saanduqa Gondooro'oo ka Waaqaatiif gadhaan isa raafamee karaa qarqara barcumaa irra tee'ee eegatiisatti jiraayyu; nami sun gara qacha'aa dhufee waan te'e kana yennaa hime worri qachaa keessa jiru marti iyyane.14Eliin iyya tana yennaa dhage'e, «Hogaan kun maan?» jedhee gaafate; achiin duuba nami sun ariiti'iin dhufee oduu tana Elii'itti hime.15Eliin jaarsa woggaa sagaltamii saddeetii waan te'eef ilti isaa jaamtee woy dhagguu hin dande'u.16Nami sun Eli'iin, «Ani nama lola irraa dhufe; ani adha lola keessaa miliqee dhufe» jedhe. Eliin, «Ilma kiyya, maanti te'e ree?» jedhee gaafate.17Namichi oduu fidee dhufe sun deebisee, «Israa'elooti Filisxeemota duraa baqatane; loltooti hedduun dhumatanee, ilmaan teeti Hofnii fi Fiinehaasille lamaanuu du'aneeran; Saanduqi Gondooro'oo ka Waaqaalle booji'ameera» jedhe.18Nami sun marroo Saanduqa Gondooro'oo ka Waaqaa yennaa hime, Eliin karra bira barcumaa irra tee'eeru irraa gara duubaa jige; inni jaarsa dulloome furdaa waan te'eef mormi isaa cabee achumatti du'e; inni woggaa afurtama Israa'el irratti abbaa mura'aa te'eeraayyu.19Yennaa san niitiin ilma isaa ta Fiinehaasii ulfoottee deyiisa geetteertiiyyu. Isiin oduu booji'amiisa Saanduqa Gondooro'oo ka Waaqaa, abbaan sodda'aa ka isi'iitii fi abbaan manaa ka isi'ii akka du'ane yennaa dhageette ciniinsuun itti bira tartee jilbiiffattee deette.20Isiin du'iisaaf yennaa worwaatattu, dubartooti isii bira jiranu, «Ilma deetteerta, jabaadhu!» jedhane. Isiin ammoo deebii hin kennine yookiin waan isaan jedhane miidhassitee hin dhageenne.21Isiin Saanduqi Gondooro'oo ka Waaqaa waan booji'ameef, abbaan sodda'aa ka isi'iitii fi abbaan manaa ka isi'ii waan du'aneef, «Ulfinni Israa'el irraa ka'eera» jettee, maqaa ilma ifii Ikaaboodi baatte.22Isiin ammalle, «Saanduqi Gondooro'oo ka Waaqaa waan booji'ameef, ulfinni Israa'el irraa fudhatameera» jette.