1 Saamu'elii30gax_twf

Daawiti Amaaleqoota Injifate

1Guyyaa sadeesso'oo Daawitii fi namooti isaa gara Siiqlaagii yennaa deebi'anu, Amaaleqooti gara kibba Kana'aaniitiifi Siiqlaagitti duulanee, Siiqlaag lolanee gubaneeranuun dhaggane.2Dubartootaa fi namoota achi keessa jiranu diqqa'aa fi guddaa mara booji'ane. Isaan worra booji'ane san fudhatanee deemane malee isaan keessaa nama tokkolle hin ijjeenne.3Daawitii fi namooti isaa gara qachaa Siiqlaagii yennaa dhufane, qachaan ibiddaan gubatee, niitoti isaanii, ilmaanii fi durri isaanii booji'amaneeranuun dhaggane.4Achiin duuba Daawitii fi namooti isaa, haga dadhabanutti qoonqoo ifii ol qabatanee bowane.5Niitoti Daawitii lamaanuu Yizre'elittiin Ahiino'aamii fi Abigaayil ta Naabaaliin Qarmelosichi irraa du'elle booji'amaneeraniiyyu.6Namooti marti ilmaanii fi durri isaanii waan booji'amaneef, gaddanee aaranee, Daawiti dhaka'aan tumiisaaf waan mari'ataneef inni guddoo yaadaan rakkate. Garuu Daawiti Mootii Waan Maraa Waaqa ifiitiin ifi jajjabeesse.7Achiin duuba Daawiti Abiyaataarii hayyicha, ilma Ahiimelekiitiin, «Woyaa hayyumma'aa ta qomaa naa fidi» jedhe. Abiyaataarille woyaa san isaaf fide.8Daawiti, «Garee loltootaa tana hordofuu? Ani isaan hin dhaqqabaa?» jedhee Mootii Waan Maraa gaafate. Mootiin Waan Maraa deebisee, «Dhugumaan ati isaan dhaqqaddee boojuulle waan deebifattuuf isaan hordofi!» jedheen.9Maarre Daawitii fi namooti isaa ka isa woliin jiranu dhibbi jaa gara laga Besoorii dhufanee, gariin achuma turane.10Namooti dhibbi lama ammoo guddoo waan dadhabaneef, laga Besoorii gamatti bu'uu waan hin dande'iniif, Daawiti namoota dhibba afur woliin loltoota san hordofe.11Isaan diida keessatti nama biyya Gibxi'ii tokko dhagganee gara Daawitii fidane. Isaan bisaan unuu fi sagalee nyaatu isaaf kennane.12Akkasuma baqaqa bixee midhaan harru'uutii fi midhaan woyni'ii gogaa cum'aa lama isaaf kennane. Inni guyyaa sadii fi halkan sad sagalee hin nyaanne; bisaanille hin unne; tanaaf nyaateen duuba bayyanate.13Daawitille, «Ati ka eennuuti? Eessaa dhutte?» jedhee isa gaafate; Inni deebisee, «Ani dargaggeessa biyya Gibxi'ii, tajaajilaa Amaaleqicha tokkoo ti; ani guyyaa sadiin dura waan dhibameef, goottaan kiyya na lakkisee deeme.14Nuuti biyya Keretootaa ta gara kibbaa, kutaa biyya Yihuda'aa, biyya Kaalebii ta gara kibbaatitti duullee, Siiqlaagille ibiddaan gunneerra» jedheen.15Daawitille, «Gara garee loltoota sanii nu geessuu dandeettaa?» jedhee gaafate. Inni deebisee, «Ati akka na hin ijjeenne yookiin harka goottaa kiyyaatitti dabarsitee akka na hin kennine Waaqa duratti naaf kakadhu. Anille gara garee loltoota sanii si hin geessa» jedheen.16Inni yennaa gara garee loltootaa Daawiti geesse, isaan biyya Filisxeemotaatii fi Yihuda'aa keessaa waan bacaa waan saamaneef, addee maratti bittinnowanee, nyaataa, unaa, gammadane.17Daawiti galgala saniin jalqabee haga galgala guyyaa itti aanuutitti isaan lolee, dargaggoota dhibba afur worra gaala irra tee'ee baqate malee, isaan keessa nami tokkolle miliqee hin baane.18Daawiti waan Amaaleqooti fudhatte mara, niitota ifiille lamaanuu deebifate.19Diqqaan yookiin Guddaan, ilmaan dhiiraa yookiin ijoolleen durraa, wonni isaan saamanee fudhatane yookiin wonni dhibiin ta Amaaleqooti fudhatane tokkolle adoo hin hafin Daawiti waan mara deebisiise.20Daawiti loon, hoole'ee fi re'ee mara deebifatee fudhatee, namooti isaa, «Kun boojuu Daawitii ti» jedhaa horii kana horii kaaniin dura oofane.21Achiin duuba Daawiti gara namoota dhibba lamaa worra guddoo dadhabee isa gula deemiisa dadhabanee, ka laga Besoorii biratti isa biraa hafanee deebi'ee dhaqe. Isaanille Daawitii fi namoota isa woliin jiranu qophatiisaaf bayane. Daawiti gara namoota sanii yennaa dhikaate nageya isaan fuudhe.22Namoota Daawiti gula deemanu keessaa, worri hama'aa fi worri woy hin baane tokko ammoo, «Isaan nu woliin waan hin duuliniif, tokko tokkoon isaanii dubartootaa fi ijoollee ifii fudhatanee deemanuutii malee waan nuuti boojinee fudhannee dhunne nu woliin hin qoodamanu» jedhane.23Daawiti ammoo deebisee, «Waawwo'o, obboleeyyan tiyya! Ka nu eegee, garee diinota keennaalle harka keennatti dabarsee ka kenne Mootii Waan Maraa ti. Waan inni nu'uuf kenne kana akkana hin godhina'a!24Waan isin jettanu kana eentu isiniif dhage'a? Qoodi worra lola dhaqeetii fi worra meya biratti hafee wol qixa. Isaan martinuu wol qixa qoodamanuu ti» jedhe.25Daawiti guyyaa saniin jalqabee haga adhaa dubbii tana Israa'elootaaf seeraa fi seerata godhe.26Daawiti gara Siiqlaagii yennaa dhufe, lansoota ifii jaarsolee Yihuda'aatiin, «Kunoo, kennansi kun waan diinota Mootii Waan Maraa irraa saamamee isiniif ergame» jedhe.27Inni worra Bet'eliitiif, worra kibba Yihuda'aa ka Raamootiitiif, worra Yaatiir keessa jiranuuf,28worra Aro'eriitiif, worra Siifmotiitiif, worra Eshtemo'aa keessa jiranuuf,29worra Raakaaliitiif, worra qachoota Yiraahimii'elootaa keessa jiranuuf, worra qachoota Qenootaa keessa jiranuuf,30worra Hormaatiif, worra Bor-Ashaaniitiif, worra Ataakiitiif,31worra Kebroon keessa jiranuuf, akkasuma worra addee Daawitii fi namooti isaa keessa deddeebi'e keessa jiranu maraaf erge.