Filisxeemoti Daawiti Mormatte
1Filisxeemoti loltoota ifii mara Afeqitti wolitti qabatane. Israa'elootille madda dhooqa Yizre'elii keessaa biratti qubatane.2Bulchitooti Filisxeemotaa loltoota ifii garee dhibba dhibbaa fi kuma kumaan te'anee duulane; Daawitii fi namooti isaalle Akiishi woliin duuba isaaniitiin isaan gula duulane.3Ajajjooti loltoota Filisxeemotaa, «Worri Ibrootaa kun maan asii hujan?» jedhanee gaafatane. Akiishi deebisee, «Kun Daawiti, tajaajilaa Saa'olii, ka mooticha Israa'eliitii motii? Inni na bira haga dhufee woggaa irra dabareera; anille guyyaa inni natti galee jalqabee haga adhaatitti yakkaa tokkolle isa irratti hin dhaggine» jedheen.4Ajajjooti loltoota Filisxeemotaa ammoo Akiishitti aaranee, «Nama kana addee qara isaaf kennitetti deebisii ergi. Inni yennaa lolaa garagalee diina akka nutti hin teene, akka inni nu woliin duulu hin godhin. Inni mataa namoota kanaa kutee adoo hin geessin goottaa ifii woliin attam araaramuu dande'a ree?5Isaan geeraraa, ‹Saa'ol kuma hedduu ijjeese; Daawitille kuma kudhan hedduu ijjeese› jedhaa ka faarfatane, Daawitii kanaa motii ree» jedhane.6Maarre Akiishi Daawiti waamee, «Dhugaa Mootii Waan Maraa ka jiraataa te'ee, ati nama qajeela'a. Guyyaa gara kiyya dhutteen jalqabee haga adhaa yakkaa tokkolle si irratti waan hin dhagginiif, na woliin adoo duulteetii, ani hin gammada. Te'uu malee bulchitooti ammoo si hin addanne.7Ati deebi'ii nageyaan deemi; waan bulchitoota Filisxeemotaa hin gammachiinne tokkolle hin godhin» jedheen.8Daawiti deebisee Akiishiin, «Ani ammoo maan godhe? Guyyaa ani gara keeti dhufeen jalqaddee haga adhaatitti ana tajaajilaa keeti irratti maan dhaggiteerta? Ani diinota goottaa kiyya mootichaa maaf loluu dhaba ree?» jedhee gaafate.9Akiishi deebisee, «Ati na duratti akka ergamaa Waaqaa ka komii hin qanne akka teetee hin beeka. Te'uu malee ajajjooti loltoota Filisxeemotaa ammoo, ‹Inni nu woliin gara lolaa dhaquu hin qabu› jedhaneeran.10Ati tajaajiltoota goottaa keetii ta si woliin dhufane woliin boru ganamaan ka'a'aatii, akkuma bariiteen deema'a» jedheen.11Maarre Daawitii fi namooti isaa gara lafa Filisxeemotaa deebi'iisaaf boruyyaa ganamaan ka'ane. Filisxeemotille gara Yizre'elii ol bayane.