Daawiti Gara Filisxeemota Baqate
1Daawiti gadhaa ifii keessatti, «Guyyaa tokko harka Saa'oliititti du'iis kiyya waan hin oolleef, gara biyya Filisxeemotaa baqatiisa naa woyya. Achiin duuba Saa'ol biyya Israa'elii keessa na barbaadiisa hin lakkisa; anille harka isaa jalaa hin baya» jedhee herrege.2Maarre Daawitii fi namooti dhibbi jaa ka isa woliin jiranu gara mootii Gaatii, ilma Maa'okii Akiishi bira dhaqane.3Daawitii fi namooti isaa tokko tokkoon isaanii maatii ifii woliin Gaati keessa Akiishi bira le'ane. Daawitille haadhotii manaa ifii lama Ahiino'aamii nama biyya Yizre'eliitii fi Abigaayil ta Naabaal irraa du'e nama biyya Qarmelosii woliin jiraayyu.4Daawiti gara Gaatii akka baqate Saa'olitti yennaa himane, inni deebi'ee isa hin barbaanne.5Achiin duuba Daawiti Akiishiin, «Ani tajaajilaan keeti maaf si woliin qachaa mooti'ii keessa le'a? Ani si duratti fudhatama yoo dhaggadhe, qachoota biyya kanaa keessaa tokko keessatti addeen ani le'u naaf kennantuu ti» jedhe.6Maarre gaafuma san Akiishi qachaa Siiqlaagii isaaf kenne. Qachaan Siiqlaagii guyyaa sanii jalqabee ka mootota Yihuda'aa te'e.7Daawiti biyya Filisxeemotaa keessa woggaa tokkoo fi ji'a afur le'e.8Daawitii fi namooti isaa dhaqanee, Geshuurota, Giirzotaa fi Amaaleqootatti duulane. Worri kun dur lafa Shuuriitii haga lafa Gibxi'ii keessa le'ane.9Daawiti yennaa isaan lole, dhiira yookiin dubartii tokkolle hin hamburre; hoolota, loon, harree, gaalotaa fi woyaa ammoo fudhatee gara Akiishii deebi'e.10Akiishi, «Adha eessa duultane?» jedhee yennaa gaafate, Daawiti, «Biyya Yihuda'aa ta gara kibbaa, biyya Yiraahimii'elii ta gara kibbaatii fi biyya Qenootaa ta gara kibbaatitti duulle» jedheen.11Daawiti, «Namooti gara Gaatii dhufanee, ‹Daawiti waan akkasii hujeera› jedhanee hin odeessan» jedhee waan herregeef, dhiira yookiin dubartii tokkolle hamburee gara Gaatii hin finne. Inni biyya Filisxeemotaa keessa haga le'e mara akkasuma godhaa ture.12Akiishille gadhaa ifii keessatti, «Inni kolbaa ifiituu kolbaan Israa'elii akka isa jibbitu waan godheef, haga bara baraa tajaajilaa kiyya hin te'a» jedhee waan herregeef, Daawiti addate.