1 Saamu'elii25gax_twf

Du'a Saamu'elii

1Saamu'el du'e. Israa'elooti marti wolitti qabamanee bowanee, mana isaa ka Raamaa keessa jiru keessatti isa awwaalane. Achiin duuba Daawiti ka'ee gara goomolee Phaaraanii gad dhaqe.2Biyya Maa'onii qachaa Qarmelosii keessa namichi dureessi karra guddoo qabu tokko jiraayyu. Inni hoolota kuma sadii fi re'oota kuma tokko qabaayyu. Inni Qarmelos keessatti rifeensa hoolota irraa quxataayyu.3Maqaan isaa Naabaal; maqaan haadha manaa isaalle Abigaayil. Isiin dubartii qalbittii shaggitti'i; abbaan manaa isi'ii ammoo nama gadhi-laafummaa hin qanne ka waan hantuu huju; inni sanyii Kaalebii ti.4Daawiti goomolee keessa adoo jiruu, Naabaal hoolee ifii irraa rifeensa quxatiisatti akka jiru dhage'e.5Maarre Daawiti dargaggoota kudhan ergee, «Gara Qarmelosii Naabaal bira dhaqa'aatii maqaa kiyyaan nageya isa fuudha'a.6‹Bara dheeraa le'i! Nageenni si'iif te'u! Nageenni mana keetii fi waan ati qaddu maraaf te'u!7Ati rifeensa hoolota teetii akka quxiisatti jirtu dhage'eera; tissitooti teeti yennaa nu woliin jiranu, nuuti isaan hin miine; isaan bara Qarmelos keessa jiranu mara wonni tokkolle isaan duraan hin banne.8Tajaajiltoota teeti gaafadhu, isaan sitti hin himan. Tanaaf nuuti guyyaa jilaa waan dhunneef, dargaggooti tiyya tun si duratti fudhatama dhaggatuu ti. Maganne'e tajaajiltoota teetii fi ilma keeti Daawitiif waanuma qaddu kenni› jedha'aan» jedhe.9Dargaggooti Daawitii yennaa achi geyane, maqaa Daawitiitiin ergaa tana Naabaalitti himanee, deebii eeggatane10Naabaalille deebisee tajaajiltoota Daawitiitiin, «Daawitiin kun eennu inni? Ilmi Iseyii kun eennu inni? Bara kana tajaajiltooti bacaan goottota ifii jalaa badiisatti jiran.11Ani daabbo'oo fi bisaan, foon worra rifeensa hoolee tiyya irraa quxanuuf qopheesse, namoota addee isaan dhufaneen hin beenneef maaf kenna ree?» jedhe.12Maarre dargaggooti Daawitii duubatti deebi'anee waan Naabaal jedhe mara Daawititti himane.13Daawiti dargaggoota ifiitiin, «Isin martinuu shallaagaa keessan hidhadha'a» jedhe. Maarre isaan martinuu shallaagaa ifii hidhatane. Daawitille shallaagaa ifii hidhate. Namooti gara dhibba afurii Daawiti woliin ol bayanee, namooti gara dhibba lamaa meya eegiisaaf hafane.14Dargaggoota san keessaa tokkochi Abigaayil, haadha manaa Naabaaliitiin, «Daawiti goomolee keessaa namoota ergee, goottaa keenna nageya gaafateeraayyu; goottaan keenna ammoo isaan arrasse.15Silaa namooti kun nu'uuf worra dansa'a; isaan nu hin miine; bara isaan woliin diida keessa jirru mara wonni tokkolle nu duraa hin banne.16Bara nuuti hoolota teenna tiffataa isaan woliin turre mara halkanii fi guyyaa isaan adaala keennatti akka dalleyaa nu'uuf te'ane.17Tanaaf amma goottaa keennaa fi maatii isaa mara irratti miidhaan dhufiisatti waan jirtuuf, ati tana beekiitii waan godhiisaaf malte godhi. Inni nama yabaabulaa waan te'eef, nami tokkolle isatti dubbatiisa hin dande'u» jedhe.18Abigaayil ariiti'iin daabboo xaltaa dhibba lama, daadhii woyni'ii qalqalluu lama, hoolota qalantee qopheeffante shan, akum'ee midhaanii gara kiiloogiraama kudhanii torbaa, midhaan woyni'ii gogaa cum'aa dhibba tokkoo fi midhaan harru'uu gogaa xaltaa dhibba lama wolitti qaddee harreele'etti feete.19Achiin duuba tajaajiltoota ifiitiin, «Ani isin gula hin dhufa; isin naan dura deema'a!» jette. Garuu abbaa manaa ifii Naabaalitti hin hinne.20Isiin harree irra teettee gaaratti gollattee gad bu'iisatti adoo jirtuu, Daawitii fi namooti isaa gara isi'ii gad itti dhufane; isiille isaan dhaggite.21Daawitille, «Ani goomolee keessatti qabeenni namicha kanaa akka hin banne toluma isaaf eegee? Ani isa irraa waan tokkolle hin fudhanne. Inni ammoo waan dansaa ani isaaf huje waan hantuu naaf deebise.22Boru ganama waan isaa mara keessaa dhiira tokkolle yoo ani hambure, Waaqi na ijjeesuu ti» jedhe.23Abigaayil yennaa Daawiti dhaggite ariiti'iin harree irraa gad baatee, Daawiti duratti fuulaan lafatti gad gombifante.24Miila isaatitti jiddee, «Ee, goottaa kiyya, yakkaan tun na irratti teetuu ti; maganne'e, ani tajaajiltuun teeti sitti himadha, waan ani tajaajiltuun teeti sitti himadhu naaf dhage'i!25Ee goottaa kiyya, Naabaalii yabaabulaa san woyitti hin laakkowin; maqaan isaatuu, ‹Gowwaa› jechu'u; inni akkuma maqaa ifiituu jira. Gowwumaan isuma woliin turte. Ani tajaajiltuun teeti ammoo dargaggoota goottaan kiyya erge san hin dhaggine.26Dhugaa Mootii Waan Maraa ka jiraataa te'eetii fi lubbuu teeti jiraattu'uun kakadha, ati dhiiga dhangalaattee haluu akka hin baaneef Mootiin Waan Maraa si eegeera; diinoti keetii fi worri si goottaa kiyya miidhuu barbaadu marti akka Naabaal te'e te'anuu ti.27Kennansi ani tajaajiltuun teeti si goottaa kiyyaaf fide kun dargaggoota si goottaa kiyya hordofatiisatti jiranuuf kennamuu ti.28Sababa ati goottaan kiyya lola Mootii Waan Maraa loliisatti jirtuuf, Mootiin Waan Maraa mootummaa sanyii teeti hin jabeessa; ati maganne'e yakkaa ana tajaajiltuu teetii naaf araarami; bara jiruu teetii mara hammeenni si irratti hin dhaggamin.29Eennulle si ijjeesiisaaf yennaa si ari'elle, lubbuun goottaa kiyyaa subba Mootii Waan Maraa ka Waaqa keetii keessatti nageyaan hin eeganti; lubbuu diinota keetii ammoo akka dhakaa looyyaa keessaa hin qolaansan.30Mootiin Waan Maraa waadaa si goottaa kiyyaaf gale, waan dansaa mara si'iif godhee Israa'el irralle'etti yennaa si mootii godhe,31dhiigi ati sababa malee dhangalaatte yookiin harka keetiin wonni ati haluu baate waan hin jirreef, si goottaa kiyya wonni ati itti gadditu yookiin wonni ati ifi gaabbitu tokkolle hin jiraattu. Mootiin Waan Maraa waan dansaa si'iif yennaa godhe, maganne'e, ana tajaajiltuu teeti qaabadhu» jette.32Daawitille Abigaayiliin, «Mootiin Waan Maraa Waaqi Israa'elii ka adha gara kiyya si erge leellifamuu ti!33Akka ani dhiiga hin dhangalaannee fi harka kiyyaan akka ani haluu hin baane ka na eege yaad keeti dansaan sun eebbifamuu ti; atille eebbifami.34Adoo ati ariifattee na bira dhufuu dhabaattee, dhugaa Mootii Waan Maraa Waaqa Israa'elii ka jiraataa te'ee, ka akka ani si hin miine godhee, haga ganamatti namoota Naabaalii keessaa dhiira ka te'e tokkolle hin hafuuyyu» jedhe.35Achiin duuba Daawiti waan isiin isaaf fidde harka isi'ii irraa fudhatee, «Kunoo, ani dubbii teeti dhage'eera; waan ati na kadhattelle si'iif hin kenna. Nageyaan gara mana keetii deemi!» jedheen.36Abigaayil gara Naabaalii yennaa deebite, inni jila akka jila mana mootichaa mana ifii keessatti jilifatee guddoo machowee gammadiisatti jiraayyu. Maarre isiin haga latti bariitutti waan tokkolle isatti hin hinne.37Achiin duuba ganama Naabaal machii yennaa balleeffate, Abigaayil haati manaa isaa waan kana mara isatti hintee jennaan, onneen isaa naasu'uun dhowantee inni akka dhaka'aa te'e.38Gara guyyaa kudhaniitiin duuba, Mootiin Waan Maraa Naabaal irratti balaa buusee, innille du'e.39Daawiti akka Naabaal du'e yennaa dhage'e, «Naabaalii na arrasse ka haluu naaf baye, ana tajaajilaa ifiille waan hantuu godhiisa irraa ka na eege, Mootiin Waan Maraa leellifamuu ti. Inni waan hantuu Naabaal huje san mataa isaatitti deebiseera» jedhe. Achiin duuba Daawiti Abigaayil fuudhiisaaf itti ergate.40Tajaajiltooti isaa gara Qarmelosii dhaxxee Abigaayiliin, «Daawiti si fuudhiisaaf barbaadee gara keeti nu ergeera» jette.41Abigaayil kaatee fuulaan lafatti gad gombifantee, «Kunoo, ani garbittiin teeti si tajaajiliisaaf, tajaajiltoota goottaa kiyyaalle miila dhiqisaaf qophoweera» jette.42Abigaayil ariiti'iin kaatee harree irra teettee, dubartoota dargaggeeyyii tajaajiltoota ifii shan fudhattee, namoota Daawiti ergate woliin deentee isa heerumte.43Daawiti dubartittii biyya Yizre'elii Ahiino'aamille fuudhee isaan lamaanuu haadha manaa isaa te'ane.44Saa'ol ammoo haadha manaa ta Daawitii intala ifii Mikaal isa jalaa baasee, nama qachaa Galiimii, ilma Laa'iishii Phalaati'el heerumsiise.