1 Saamu'elii20gax_twf

Yonaataan Daawiti Qarqaare

1Achiin duuba Daawiti Naayotii biyya Raama'aa keessaatii baqatee gara Yonaataanii dhaqee, «Ani maan si godhe? Yakkaan tiyya maan? Ani maan isa yakkinaan abbaan keeti na ijjeesiisaaf barbaada?» jedhee gaafate.2Yonaataan deebisee, «Tun hin teetu! Ati hin duutu. Kunoo abbaan kiyya waan guddoo yookiin waan diqqoolle teetu qara adoo natti hin himin waan tokkolle hin huju; abbaan kiyya tana maaf na dhossa ree? Dubbiin akkasii moti!» jedhe.3Daawiti ammoo, «Akka ani si duratti fudhatama dhaggadhe abbaan keeti hin beeka; inni gadhaa ifii keessatti, ‹Yonaataan akka hin gaddine dubbii tana hin beekin› jedheera; dhugaa Mootii Waan Maraa ka jiraataa te'eetii fi lubbuu teeti jiraattu'uun kakadhaa, ani du'iisaaf dhikaadheera» jedhee kakate.4Achiin duuba Yonaataan Daawitiin, «Waan ati jettu mara ani si'iif hin godha» jedhe.5Maarre Daawiti Yonaataaniin, «Kunoo, boru jila baatii ji'aa waan teeteef, ani silaa mooticha woliin irbaata nyaatiisa qabaayyu; ammoo haga ittaan galgalaatitti diida keessatti akka dhokadhu naaf eeyyami.6Abbaan keeti yoo na barbaade, ‹Fira isaa maraaf ciincaan wogga'aa waan dhikaatuuf, Daawiti gara qachaa ifii Betlihem dhaqiisaaf guddoo na gaafateera› jedhii itti himi.7Innille, ‹Dansa'a!› yoo jedhe, ana tajaajilaa keetiif nageenni hin te'a; inni yoo aare ammoo akka inni hantuu na irratti yaadate beeki.8Tanaaf ati Mootii Waan Maraa duratti ana tajaajilaa keeti woliin gondooroo waan gondooratteef, waan dansaa naaf godhi. Ani yakkaa yoo qabaadhe ammoo atinuu na ijjeesi malee maaf gara abbaa keetii na geessita ree?» jedhe.9Yonaataanille, «Tun hin teetu! Abbaan kiyya hantuu akka si irratti yaadate adoo beekee jiraadhee, ani sitti hin himuuyyuu ree?» jedhe.10Achiin duuba Daawiti Yonaataaniin, «Abbaan keeti aari'iin yoo deebii sii kenne, eentu natti hima?» jedhe.11Yonaataanille Daawitiin, «Koy, gara diidaa gad baanaa» jedhee, isaan lamaanuu gara diidaa gad bayane.12Achiin duuba Yonaataan Daawitiin, «Mootiin Waan Maraa Waaqi Israa'elii dhugaa bayaa te'uu ti; boru haga yennaa tanaa abbaa kiyya qorqoree ittaan sitti ergee, yoo inni yaada dansaa si'iif qabaate sitti hin beessisa.13Garuu abbaan kiyya hantuu si irratti yaadateeruun, ani tana sitti himee akka ati nageyaan deentu yoo hin godhin Mootiin Waan Maraa na ijjeesuu ti! Mootiin Waan Maraa akkuma abbaa kiyya woliin jiraate si wolille'een jiraatuu ti.14Atille haga ani lubbu'uun jiru akka ani hin duuneef jaalala bara baraa ka Mootii Waan Maraa naaf mudhisi.15Mootiin Waan Maraa diinota Daawitii mara lafa irraa yennaa balleesselle jaalala bara baraa ka maatii tiyyaaf qaddu hin lakkisin» jedhe.16Maarre Yonaataan, «Diinota Daawitii irratti Mootiin Waan Maraa muraa kennuu ti» jedhee sanyii Daawitii woliin gondooroo godhate.17Yonaataan akka ifi jaalatu Daawiti waan jaalatuuf, Daawiti ammalle akka isaaf kakatu godhe.18Achiin duuba Yonaataan Daawitiin, «Boru jila baatii ji'aa ti; barcumaan keeti duwwaa waan te'uuf ati akka hin jirre hin beekkanta.19Ati ittaan galgala guyyaa rakkoon tun teete addee itti dhokatte ariifadhuu dhaqqiitii dhakaa, ‹Ezel› jedhamu bira turi.20Ani akka nama daaya woyyittii darbatuu, daaya sad gara cinaa dhaka'aa hin darbadha.21Achiin duuba ani, ‹Dhaqiitii daaya san fidi!› jedhee mucaa dargaggeessa tokko hin erga; ani mucaa dargageessa saniin, ‹Kunoo, daayi si'iin garana jira, fuudhii fidi› yoo jedhe, dhugaa Mootii Waan Maraa ka jiraataa te'ee, nageya malee rakkoon takkaalle waan hin jirreef koy.22Garuu ani mucaa dargageessa saniin, ‹Kunoo arfiin daayaa si irraa fagoo jirti› yoo jedhe, akka ati deentu fedhii Mootii Waan Maraa waan te'eef, ati deemi.23Waan anii fi ati woliin dubbanneefille Mootiin Waan Maraa wodhakkaa tiyyaa fi teetitti haga bara baraa dhugaa bayaa keenna» jedhe.24Maarre Daawiti diida keessa dhokate; jilti baatii ji'aa yennaa geette mootichi sagalee qophootte nyaatiisaaf tee'e.25Mootichi akkuma qaraa cinaa dhaaba manaa tee'e; Yonaataan fuullee isaa, Abneerille cinaa Saa'ol tee'ane; barcumaan Daawitii ammoo duwwaa hafe.26Saa'ol, «Daawiti woy te'eera. Inni qulqullu'uu moti; dhugumaan inni qulqullu'uu moti» jedhee waan herregeeruuf, guyyaa san waan tokkolle hin dubbanne.27Jila baatii ji'aatiin duuba, guyyaa itti aanu, guyyaa lammeesso'oolle, barcumaan Daawitii duwwaa waan te'eef, Saa'ol ilma ifii Yonaataaniin, «Ilmi Iseyii kaleelle, adhalle maaf nyaata irratti hin dhaggamin?» jedhe.28Yonaataanille deebisee, «Daawiti gara Betlihemii dhaqiisaaf guddoo na gaafateera.29Inni, ‹Firri keenna qachaa keessatti ciincaa waan dhikeessanuuf, akka ani achitti dhaggamu obboleessi kiyya na ajajeera; ani si duratti fudhatama yoo dhaggadhe, obboleeyyan tiyya dhaggiisaaf deema› jedhee guddoo na gaafateeraayyu; sababa kanaaf inni jila tana irratti adoo hin dhaggamin hafe» jedhe.30Achiin duuba Saa'ol Yonaataanitti aaree bobe'ee, «Ati ilma dubartii dabaalettii finqiltu'uu, ati ifii fi hadhaa si deette salphisiisaaf, ilma Iseyii akka ati filatte ani hin beeku seetaa?31Ilmi Iseyii lafa irra haga lubbu'uun jiru, atii fi mootummaan teetille jabaattanee hin dhaabbatanu. Inni dhugumaan du'iisa waan qabuuf, nama itti ergiitii gara kiyya akka fidanu godhi!» jedhe.32Achiin duuba Yonaataan deebisee, abbaa ifii Saa'oliin, «Inni maaf ijjeefama? Inni maan godheera?» jedhee, abbaa ifii gaafate.33Saa'ol ammoo Yonaataan ijjeesiisaaf eboo ifii itti darbate. Maarre Yonaataan abbaan isaa Daawiti ijjeesiisaaf akka murteeffate beeke.34Yonaataan aarii guddo'oon nyaata irraa ka'e. Abbaan isaa Daawiti waan salphiseef, inni Daawitiif gaddee, sagalee jila baatii ji'aa ta guyyaa lammeesso'oo san hin nyaanne.35Boruyyaa ganama Yonaataan mucaa dargaggeessa tokko fudhatee, Daawiti dhaggiisaaf gara addee Daawiti woliin woldeennaa qabate san dhaqee,36mucaa dargaggeessa saniin, «Me, fiigiitii daaya ani darbadhu kana barbaadi» jedhe; akkuma mucaan fiigeen, daaya tokkocha isa irra dabarsee darbate.37Yennaa mucaan addee daayi Yonaataan darbate bu'e san geye, Yonaataan isa waamee, «Daayi si irraa achi fagoo jiraa motii?» jedheen.38Yonaataan, «Achi hin dhaabbatin! Ariifadhu!» jedhee itti iyye; mucaalle daaya san fuudhee gara goottaa ifii deebi'e.39Yonaataanii fi Daawiti malee, marroo waan kanaa mucaan sun waan tokkolle hin beeku.40Achiin duuba Yonaataan meya woraanaa muca'atti kennee, «Qabadhuu gara qacha'aa deebi'i» jedhe.41Mucaan deemeen duuba, Daawiti dhakaa biratti dhokateeru san gara kibbaatii ol ka'ee, yennaa sad fuulaan lafatti gad gombifamee sagade; achiin duuba wol sunqatanee bowane; Daawiti garuu Yonaataan caalaa bowe.42Achiin duuba Yonaataan Daawitiin, «Nuuti, ‹Si'ii fi ana, sanyii teetii fi sanyii tiyya wodhakka'atti Mootiin Waan Maraa haga bara baraa dhugaa bayaa keenna› jennee maqaa isaatiin waan kakanneef, nageyaan deemi» jedhe. Achiin duuba Daawiti ka'ee deemee, Yonaataanille gara qacha'aa deebi'e.