Daawiti Mootii Te'iisaaf Muudame
1Mootiin Waan Maraa Saamu'eliin, «Akka inni Israa'el irratti mootii hin teene, nama ani tuffadhe Saa'oliif haga yoomii bootta? Ani ilmaan Iseyii keessaa nama mootii te'u waan dhaggadheef, gara Iseyii nama biyya Betlihemii waan si erguuf, meya gaafaa keetitti zayitii ejersaa guutii fudhadhuu deemi» jedhe.2Saamu'el ammoo, «Saa'ol tana yoo dhage'e na waan ijjeesuuf, ani attam dhaquu dande'a ree?» jedhe; Mootiin Waan Maraa deebisee, «Goronsa tokko geessiitii, ‹Mootii Waan Maraatiif ciincaa dhikeessiisa dhufeera› jedhi!3Iseyille gara addee ciincaa itti dhikeessituu waami; ani waan ati gootu sitti himee, nama ani sitti himu naaf hin muudda» jedhe.4Saamu'el waan Mootiin Waan Maraa isa ajaje godhe; yennaa inni Betlihem geye jaarsoleen qachaa sanii hollataa isa qophatiisaaf dhuttee, «Ati nageyaafuu dhuttee?» jettee isa gaafatte.5Saamu'el deebisee, «Ee nagewuma; ani Mootii Waan Maraatiif ciincaa dhikeessiisaaf dhufe; isinille ifi woyyoonsa'aatii na woliin gara ciinca'aa kowa'a» jedhe; achiin duuba inni Iseyii fi ilmaan isaa woyyoonsee gara ciinca'aa san akka dhufanu isaan waame.6Isaan yennaa achi geyane, Saamu'el isaan keessaa Eliiyaab dhaggee, «Dhugumaan nami Mootiin Waan Maraa muude, Mootii Waan Maraa dura kunoo, dhaabbateera» jedhee herrege.7Mootiin Waan Maraa ammoo Saamu'eliin, «Ani waan isa tuffadheef bifa isaa yookiin dheerinna hojjaa isaa hin ilaalin; Mootiin Waan Maraa akka nami ilaalu hin ilaalu; nami fuula ilaala; Mootiin Waan Maraa ammoo qalbii ilaala» jedhe.8Achiin duuba Isey Abinaadaab waamee fuula Saamu'elii dura akka dabaru godhe; Saamu'el ammoo, «Mootiin Waan Maraa isa kanalle hin filanne» jedheen.9Iseyille Shamaa fuula isaa dura akka dabaru godhe; Saamu'el ammoo, «Mootiin Waan Maraa isalle hin filanne» jedhe.10Isey ilmaan ifii torba fuula Saamu'elii dura akka dabaranu godhe; Saamu'el ammoo, «Mootiin Waan Maraa isaan kana hin filanne» jedhe11Maarre inni Iseyiin, «Ilmaan teeti tanuma calla'aa?» jedhee gaafate. Iseyille, «Maandhich isaan maraa hin dhunne; inni hoolee tissiisatti jira» jedhee deebise; Saamu'elille, «Haga inni dhufutti nuuti waan gad hin teenneef, itti ergiitii isa fichisiisi!» jedhe.12Tanaaf inni nama itti ergee isa fichisiise; innille diimaa, nama miidhagaa ila kuulle'ee ti. Achiin duuba Mootiin Waan Maraa Saa'oliin, «Nami ani filadhe isa kana; ka'iitii isa muudi!» jedhe.13Saamu'elille gaafa Zayiti'iin guutame fuudhee obboleeyyan isaa duratti isa muude; guyyaa sanii jalqabee Ayyaanni Mootii Waan Maraa Daawiti irratti bu'e; achiin duuba Saamu'el gara Raama'aa deebi'e.Daawiti Saa'ol Tajaajile
14Ayyaanni Mootii Waan Maraa Saa'ol irraa fagaatee, ayyaanni hamaan ajaja Mootii Waan Maraatiin ergame isa rakkise.15Tajaajiltooti Saa'olii isaan, «Kunoo, ayyaanni hamaan ajaja Mootii Waan Maraatiin ergamee si rakkisiisatti jira.16Tanaaf ayyaanni hamaan ka Mootiin Waan Maraa sitti erge sun yennaa sitti dhufu, nama kiraara gudicha akka dansaa taphatee akka ati fayyitu si godhu akka si'iif barbaannu nu tajaajiltoota teeti ajaji!» jedhane.17Maarre Saa'ol tajaajiltoota ifiitiin, «Nama akka dansaa kiraara guddicha taphatu barbaada'aatii naa fida'a!» jedhe.18Tajaajiltoota keessaa tokko, «Nama kiraara guddicha akka dansaa taphatu ilma Iseyii nama biyya Betlihemii dhaggeera; inni janna, ka lola dande'u, nama dubbii beekuu fi nama dhaaba tolu; Mootiin Waan Maraalle isa woliin jira» jedhee deebise.19Tanaaf Saa'ol gara Iseyii nama erge, «Ilma keeti ka tissee hoole'ee Daawiti naaf ergi» jedhe.20Maarre Isey daabbo'oo fi qalqalluu daadhii woyni'ii harre'etti fe'ee, buruusoo korbeessa re'e'ee ilma ifii Daawititti kennee gara Saa'olii erge.21Daawiti gara Saa'olii dhufee isa tajaajiliisa jalqabe; Saa'olille guddoo isa jaalatee, innille dargaggeessa meya isaa ka woraanaa isaaf ba'atu te'e22Achiin duuba Saa'ol gara Iseyii nama ergee, «Daawiti na duratti fudhatama waan dhaggateef, na bira tee'ee na tajaajiluu ti» jedhe.23Ayyaanni hamaan Waaqa biraa gara Saa'olii yennaa dhufu, Daawiti kiraara guddicha taphataayyu; Saa'olille fayyee ayyaanni hamaan sun isa irraa fagaataayyu.