1 Saamu'elii15gax_twf

Saa'ol Amaaleqoota Lole

1Saamu'el Saa'oliin, «Kolbaa isaa Israa'el irratti mootii akka teetu ani akka si muuduuf, Mootiin Waan Maraa na ergeera; tanaaf ati ergaa Mootii Waan Maraa biraa dhutte caqasi!2Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade, ‹Israa'elooti biyya Gibxi'iitii yennaa bayane Amaaleqooti karaa irratti isaan waan mormaneef ani isaan hin adaba.3Ati amma dhaqiitii Amaaleqoota loli; dhiiraa fi dubartii, ijoolle'ee fi annoolee, loon, hoolee, gaalaa fi harree waan tokkolle adoo hin hamburin waan isaan qabanu mara ijjumaa balleessi› jedha» jedhe.4Maarre Saa'ol addee, «Xilaa'iim» jedhantutti namoota wolitti qabee, isaan keessaa loltoota miilaa kuma dhibba lama, Yihudaa keessalle'ee namoota kuma kudhan laakkowe.5Saa'ol gara qachaa Amaaleqootaa dhaqee dhooqa takka keessatti riphee gaade.6Inni worra Qenootaatiin, «Isin yennaa Israa'elooti biyya Gibxi'ii keessaa baatu waan dansaa isaaniif waan gootaneef, ani worra Amaaleqootaa woliin akka isin hin balleessine isaan irraa adda baya'a» jedhe; maarre worri Qenootaa Amaaleqoota irraa adda bayane.7Achiin duuba Saa'ol worra Amaaleqootaa Hawiilaa irraa jalqabee haga Shuurii ta Gibxii irraa karaa aduun baatu jirtuutitti lole.8Inni mootii Amaaleqootaa Agaag lubbu'uun adoo jiruu booji'ee, kolbaa isaa mara shallaaga'aan ijjumaa balleesse.9Saa'olii fi loltooti isaa ammoo Agaag, loonii fi hoolee dadansaa, jabbi'ii fi buruusota cocooma adoo hin ijjeesin lakkisane. Isaan kana ijjumaa balleessuu hin barbaanne; garuu isaan waan woy hin baane ka tuffatane qofa balleessane.

Saa'ol Mootii Waan Te'eef Tuffatame

10Achiin duuba jechi Mootii Waan Maraa gara Saamu'elii dhufee,11«Saa'ol na hordofatiisa lakkisee, seera kiyyalle waan hin eegatiniif, ani waan isa mootonseef gaabbeera» jedhe. Saamu'elille guddoo aaree halkan guutuu gara Mootii Waan Maraa iyye.12Saamu'el barii ganamaan ka'ee Saa'ol dhaggiisaaf dhaqe; garuu, «Saa'ol gara Qarmelosii deemeera; achitti ulfinna ifiitiif soodduu dhaabbateen duuba, deebi'ee gara Giilgalii deemeera» jedhanee isatti himane.13Saamu'el gara Saa'olii yennaa dhufe, Saa'ol isaan, «Mootiin Waan Maraa si eebbisu! Ani ajaja Mootii Waan Maraa muummesseera» jedhe.14Saamu'elille, «Madhi hoole'eetii fi baroodiis korommi'ii ka ani gurra kiyyaan dhage'u kun maan?» jedheen.15Saa'ol deebisee, «Kun waan Loltooti worra Amaaleqootaa irraa boojitee fidde, isaan hoolotaa fi korommii dadansaa Mootii Waan Maraa Waaqa keetiif ciincaa dhikeessiisaaf fidaneeran; waan hafe ijjumaa balleessineerra» jedhe.16Saamu'elille Saa'oliin, «Diqqoo eegi! Halkan kale'ee waan Mootiin Waan Maraa natti hime sitti hima!» jedhe; Saa'olille, «Natti himi me!» jedhee deebise.17Saamu'elille, «Ati akka nama diqqaa tokkootitti ifi ilaaltulle, sooressa gosa Israa'elii teetee hin jirtuu ree? Mootiin Waan Maraa Israa'eloota irratti mootii si godhee muudeera;18Mootiin Waan Maraa, ‹Dhaqiitii, Amaaleqoota cubbaaleyyii san ijjumaa balleessi! Haga isaan ijjumaa badanutti loli› jedhee si ergeeraayyu;19ati Mootii Waan Maraatiif maaf hin ajajamin ree? Boojuu fudhatiisaaf joljoltee Mootii Waan Maraa duratti waan hantuu maaf hujje ree?» jedhe.20Saa'olille deebisee Saamu'eliin, «Ani Mootii Waan Maraatiif ajajameera; gara inni itti na ergelle dhaqeera; Amaaleqoota mara balleessee, mootii isaanii Agaagille booji'ee fideera.21Loltooti ammoo Mootii Waan Maraa Waaqa keetiif Giilgalitti ciincaa dhikeessiisaaf, boojuu keessaa hoolotaa fi korommii dadansaa fuudhanee dhufaneeran» jedhe.22Saamu'el deebisee, «Mootiin Waan Maraa nama jecha isaatiif ajajamutti haga gammadu, kennansa gubamuu fi ciincaa dhikaatutti hin gammadaa ree? Kunoo, ajajamiis ciincaa dhikeessanu caala; dhage'iisille korbeessa hoole'ee coomaleessa ciincaa dhikeessanu caala.23Finqilli akka cubbuu nama moruu ti; koorrille waaqa dharaa akka waaqonfatiisaa ti; ati jecha Mootii Waan Maraa waan tuffatteef, innille akka ati mootii hin teene si tuffateera» jedheen.24Achiin duuba Saa'ol Saamu'eliin, «Ani cubbuu hujeera; ajaja Mootii Waan Maraatii fi seera keeti irra dabareera; kolbaa waan sodaadheef waan isaan na gaafatane mara godheera.25Tanaaf, amma maganne'e cubbuu tiyya naa araaramiitii, Mootii Waan Maraa akka waaqonfadhu na woliin deebi'i» jedhe.26Saamu'el ammoo isaan, «Ani si woliin hin deebi'u! Ati jecha Mootii Waan Maraa waan tuffateef, innille akka ati Israa'el irratti mootii hin teene si tuffateera» jedhe.27Saamu'el deemiisaaf yennaa garagale, Saa'ol qaccee handaara woyaa isaa qabatee, woyaalle tarsaate.28Saamu'elille, «Mootiin Waan Maraa mootummaa Israa'elii adha si irraa tarsaasee, nama dhibii si caaluuf dabarsee kenneera.29Mootiin Waan Maraa ka ulfinna Israa'elii te'e, hin hollu yookiin hin gaabbu; inni nama waan hin te'iniif akka namaa hin gaabbu» jedheen.30Achiin duuba Saa'ol deebisee, «Ani cubbuu hujeera, maganne'e jaarsolee kolbaa tiyyaatii fi Israa'eloota duratti ulfinna naaf kenni; Mootii Waan Maraa Waaqa keeti akka waaqonfadhu maganne'e na woliin deebi'i» jedheen.31Maarre Saamu'el isa woliin deebi'ee, Saa'olille Mootii Waan Maraa waaqonfate.32Achiin duuba Saamu'el, «Mootii Amaaleqootaa Agaag naa fida'a!» jedhe; Agaagille, «Dhugumaan duuti hadhoottuun dabarteerti» jedhaa gammadaa gara isaa dhufe.33Saamu'el ammoo, «Akkuma shallaagaan keeti dubartoota ta ijoollee hin qanne goote, haati teetille dubartoota keessaa ta ijoollee hin qanne teeti» jedhee, Giilgalitti Mootii Waan Maraa duratti Agaag kukkute.34Achiin duuba Saamu'el gara Raama'aa deeme; Saa'olille gara mana ifii ka Giibe'aa keessa jiruu deeme.35Saamu'el Saa'oliif bowulle haga du'a ifiititti isa dhaggiisaaf gara isaa hin deenne; Mootiin Waan Maraa Saa'ol Israa'el irratti waan mootii godheef gaabbe.