1 Saamu'elii14gax_twf

Yonaataan Filisxeemota Injifate

1Guyyaa tokko ilmi Saa'olii Yonaataan dargaggeessa meya isaa ka woraanaa isaaf ba'atuun, «Koy karaa dhibi'iin gara quttuma Filisxeemotaa deenna» jedhe; garuu inni abbaa ifiititti tana hin hinne.2Saa'ol qarqara Giibe'aa addee, «Miigron» jedhantu muka rumaanii tokko jala tee'eeraayyu; loltooti gara dhibba jaa isa woliin jiran.3Abbutturoon Elii, akaakoon Fiinehaasii, ilmi Ahiixubii obboleessa Ikaaboodii Ahiiyaan, ka Shiilo'otti hayyicha Mootii Waan Maraa te'eeru, ka woyaa hayyumma'aa ta qomaa uffateeru isaan woliin jiraayyu; Yonaataan akka deemeeru nami tokkolle hin beenne.4Karaa Yonaataan gara quttuma Filisxeemotaa gamatti bu'ee bayuun, gara bita'aa fi middaatiin rassooti lama, tokko, ka «Bozez» jedhamu, kuun, ka, «Seenee» jedhamu jiraniiyyu.5Rassaan tokko karaa kaabaatiin Miikmaashi fuula dura, kuun ammoo karaa kibbaatiin Gebaa fuula dura jira.6Yonaataan dargaggeessa meya isaa ka woraanaa isaaf ba'atuun, «Mootiin Waan Maraa nu'uuf hin lola fa te'a, koy gara garee loltoota Filisxeemotaa ta worra haqanqabaa hin qabatinii san gara gamaa buuna. Mootiin Waan Maraa namoota baca'aan yookiin diqqa'aan nu qarqaariisa hin dande'a» jedhe.7Dargaggeessi meya isaa ka woraanaa ba'atu sun isaan, «Waan gadhaa keeti keessatti yaadde maraa godhi. Duubatti hin deebi'in. Kunoo, anille akkuma keeti gadhaa tokkochaan si woliin jira» jedhe.8Achiin duuba Yonaataan isaan, «Kunoo, koy gara isaanii gamatti buunee, itti mudhanna.9Isaan nu'uun, ‹Haga nuuti gara keessan dhunnu achumatti nu eega'a› yoo jedhane, adduma jirutti isaan hin eeganna; gara isaaniille hin dhandhu.10Garuu isaan, ‹Gara keenna kowa'a› yoo jedhane, Mootiin Waan Maraa isaan harka keennatti dabarsee akka kenne beessisa nu'uuf waan te'uuf, gara isaanii hin dhandha» jedhe.11Maarre isaan lamaanuu garee loltoota Filisxeemotaatitti mudhatane. Filisxeemotille, «Kunoo, Ibrooti boolla itti dhokatane keessaa bayiissatti jiran» jedhane.12Loltoota Filisxeemotaa keessaa jarri takka, Yonaataanii fi dargaggeessa meya isaa ka woraanaa isaaf ba'atuun, «Waan tokko isinitti mudhinna, gara keenna kowa'a» jedhane. Maarre Yonaataanille dargaggeessa meya isaa ka woraanaa ba'atuun, «Mootiin Waan Maraa harka Israa'elootaatitti dabarsee isaan waan kenneef, na gula koy!» jedhe.13Achiin duuba Yonaataan harkaa fi miilaan ol baye; dargaggeessi meya isaa ka woraanaa isaaf ba'atulle isa gula baye; worri Filisxeemotaa harka Yonaataanii bu'ane; dargaggeessi meya isaa ka woraanaa isaaf ba'atulle isa gula deemaa isaan ijjeese.14Yonaataanii fi dargaggeessi meya isaa ka woraanaa ba'atu lola guyyaa jalqabaatiin, lafa gamisa ximmaadii tokkoo keessatti namoota gara diddamaa ijjeesane.15Addee quttumaatitti, ficha'aa fi kolbaa mara oddu'utti raafam te'e; loltootii fi gareen loltootaa hollatane; lattille tachootee raafam guddaan te'e.16Eeddoti Saa'olii ta lafa Beniyaaminii Giibe'aa keessa jiranu, loltooti Filisxeemotaa asii fi achi akka bittinnowane dhaggane.17Saa'ol worra isa woliin jiruun, «Loltoota keenna laakkowa'aatii nu keessaa eentu akka deemee ilaala'a» jedhe; isaan yennaa loltoota laakkowane, Yonaataanii fi dargaggeessi isaa ka meya woraanaa isaaf ba'atu achi hin jiranu.18Yennaa san Saanduqi Gondooro'oo ka Waaqaa kolbaa Israa'elii bira waan jiruuf, Saa'ol mooticha Ahiiya'aan, «Saanduqa Gondooro'oo ka Waaqaa as fidi!» jedhe.19Saa'ol hayyicha woliin dubbatiisatti adoo jiruu quttuma Filisxeemotaa keessa hogaan ittuma bira dabare; maarre Saa'ol hayyichaan, «Daadimatiisa lakkis!» jedhe.20Achiin duuba Saa'olii fi kolbaan isa woliin jirtu wolitti qabamanee lolaaf duulane; achitti Filisxeemoti joonjitee, shallaaguma ifiitiin wol fixanuun dhaggane.21Ibrooti dur Filisxeemota woliin jiranuu fi ta isaan woliin gara addee quttumaa deemane, gara Israa'eloota Saa'olii fi Yonaataan woliin jiranuu deebi'ane.22Israa'elooti lafa koobittii Efreemii keessa dhokataneeranu marti, Filisxeemoti baqatiisatti akka jiranu dhage'anee, isaan loliisaaf gula deemaa ari'ane.23Maarre Mootiin Waan Maraa guyyaa san Israa'eloota qarqaaree, haga qachaa Bet-Aweenii dabaranee lolane.24Saa'ol guyyaa san, «Ani diinota kiyya adoo haluu hin bayin haga galgalaatitti, nami sagalee nyaate ka abaarame te'uu ti» jedhee kolbaa waan kakachiiseef, kolbaan Israa'elii guddoo rakkatte; maarre kolbaa keessaa nami tokkolle sagalee afaaniin hin qanne.25Loltooti marti gongomaa yennaa seenane, lafa irratti damma dhaggane.26Isaan gongomaa keessa yennaa seenane dammi sun coccophuun dhaggane; te'uu malee isaan kakuu waan sodaataneef, nami tokkolle damma san afaan ifiitiin hin qanne.27Yonaataan ammoo abbaan isaa kolbaa akka kakachiise waan hin dhage'iniif, qaccee ulee qabateeruu nadhii damma saniititti cuuphee muxate; ilti isaalle banante.28Achiin duuba loltoota keessaa nami tokko, «Abbaan keeti, ‹Nami guyyaa adhaa sagalee nyaate ka abaarame te'uu ti› jedhee kolbaa kakachiiseera; tanaaf kolbaan marti dadhaddeerti» jedhe.29Yonaataan deebisee, «Abbaan kiyya kolbaa teenna rakkiseera. Ani damma kana irraa diqquma waan muxadheef, ilti tiyya attam akka banante ilaala'a!30Kolbaan waan diinota ifii irraa saante adha adoo nyaattee jiraatte silaa attam irra caalaa dansa'a ree? Filisxeemota keessalle'ee silaa tana caalaa ijjeefamaniiyyu» jedhe.31Guyyaa san Israa'elooti worra Filisxeemotaa qachaa Miikmaashii irraa haga qachaa Ayalonii lolaneen duuba guddoo dadhabane.32Isaan waan saamane san hoolee, loonii fi jabbilee ariiti'iin qalatanee foon dhiiguma woliin nyaatane.33Achiin duuba jarri takka, «Kunoo, kolbaan foon dhiiguma woliin nyaattee Mootii Waan Maraa duratti cubbuu hujiisatti jirti» jedhanee Saa'olitti himane. Innille, «Isin seera cassitaneertan; amma dhakaa guddaa gangalcha'aatii as gara kiyya fida'a!» jedhe.34Achiin duuba inni, «Kolbaa keessa deddeema'aatii, isaaniin, ‹Tokko tokkoon keessan loonii fi hoolee teessan as gara kiyya fida'aatii, asumatti qaladha'aa nyaadha'a! Garuu foon dhiiguma woliin nyaatiisaan Mootii waan Maraa duratti cubbuu hin hujina'a› jedha'aa itti hima'a» jedhe. Maarre tokko tokkoon isaanii loon ifii fidanee galgaluma san achitti qalatane.35Achiin duuba Saa'ol addee ciinca'aa Mootii Waan Maraatiif ijaare; tun addee ciinca'aa ta inni jalqaba irratti Mootii Waan maraatiif ijaare.36Saa'ol, «Kowa'a, halkaniin worra Filisxeemotaa gula deennee haga latti bariitutti isaan saanna! Isaan keessalle'ee nama tokkolle lubbu'uun hin hamburru» jedhe. Isaanille, «Waanuma sitti tole mara godhi» jedhanee deebisane. Hayyichi ammoo, «Me, qara asumatti Waaqa gaafannuu ti» jedhe.37Maarre Saa'ol, «Worra Filisxeemotaa gula deemuu? Harka Israa'elootaatitti dabarsitee isaan hin kennitaa?» jedhee Waaqa gaafate; Waaqi ammoo guyyaa san deebii isaaf hin kennine.38Tanaaf, Saa'ol, «Isin sooressitooti loltootaa marti as kowa'a! Cubbuu adha hujante qorqorree dhaggina!39Dhugaa Mootii Waan Maraa ka jiraataa te'ee Israa'eloota hamburee! Nami cubbuu tana huje ilma kiyya Yonaataan te'ulle ijjeefamuu ti!» jedhe. Garuu kolbaa keessaa nami tokkolle deebii hin kennine.40Achiin duuba Saa'ol Israa'eloota maraan, «Isin gara san dhaabbadha'a! Ani fi ilmi kiyya Yonaataan ammoo gara kana hin dhaabbanna!» jedhe. Kolbaalle isaan, «Ati waanuma sitti tole mara godhi!» jette.41Tanaaf, Saa'ol gara Mootii Waan Maraa Waaqa Israa'elii daadimatee, «Ati deebii sirrii teete naaf deebisi» jedhee hixaa buuse; hixaan Saa'olii fi Yonaataan irra bu'e; kolbaalle bilisa baate.42Saa'ol, «Anaa fi ilma kiyya Yonaataaniif hixaa buusa'a» jedhe; hixaan Yonaataan irra bu'e.43Achiin duuba Saa'ol Yonaataaniin, «Waan hujje natti himi!» jedhe; Yonaataanille, «Qaccee ulee tiyyaatiin damma diqqaa isaa muxadheera; kunoo, ani amma du'uu qaba!» jedhe.44Saa'ol, «Yonaataan, ati yoo hin ijjeefamin, Waaqi na ijjeesuu ti!» jedhe.45Kolbaan ammoo Saa'oliin, «Nami baafama guddaa akkanaa Israa'el keessatti fide, Yonaataan ijjeefamuu qabaa ree? Tun hin teetu; inni adha qarqaarsa Waaqaatiin tana waan hujeef, dhugaa Mootii Waan Maraa ka jiraataa te'ee! Rifeensa mataa isaa keessaa tokkolle lafa hin bu'u» jedhane. Maarre kolbaan Yonaataan du'a irraa hamburte.46Achiin duuba Saa'ol Filisxeemota ari'iisa lakkisee, isaan gara biyya ifii deebi'ane.

Mootummaa Saa'oliitii Fi Maatii Isaa

47Saa'ol Israa'el irratti mootii te'een duuba diinota adaala ifii: Mo'aabota, Amoonota, Edoomota, mootota Zoba'aatii fi Filisxeemota lole; inni addee dhaqe maratti diinota ifii injifate.48Inni jannuma'aan lolee Amaaleqoota injifatee, Israa'eloota worra isaan saamu jalaa baase.49Maqaan ilmaan Saa'olii, Yonaataan, Yishwii fi Malkiishuwa'a. Maqaan durra isaa angafittiin, Meraab, maandhittiin Mikaal.50Maqaan haadha manaa isaa Ahino'aam; isiin intala Ahimaazii ti; maqaan ajajaa loltoota isaa Abneer; inni ilma Neerii obboleessa abbaa Saa'olii ti.51Abbaan Saa'olii Qiishii fi abbaan Abneerii Neer, isaan lamaanuu ilmaan Abii'elii ti.52Bara Saa'olii mara Filisxeemota woliin lolli jabaan jiraayyu; Saa'olille nama hunnaamessa yookiin janna yennaa dhagge, fudhatee tajaajilaa ifii godhata.