Saamu'el Saa'ol Xixe
1Saa'ol yennaa mootii te'e nama woggaa soddomaa ti; inni woggaa afurtamii lama Israa'eloota bulche.2Saa'ol Israa'eloota keessaa nama kuma sad file. Namooti kum lama qachaa, «Miikmaashi» jedhamu ka biyya koobittii Bet'el keessa Saa'ol woliin akka jiraatanu, kum tokko ammoo biyya Beniyaaminii qachaa Giibe'aa keessa Yonaataan woliin akka jiraatanu, worra hafe ammoo gara mana ifiititti akka deebi'anu geegesse.3Yonaataan garee loltoota Filisxeemotaa ta qachaa Gebaa keessa jiranu lole. Worri Filisxeemotaalle tana dhage'ane. Saa'olille, «Ibrooti dhageettuutii» jedhee lafa mara keessatti tultullaa afuussise.4Israa'elooti marti, «Saa'ol garee loltoota Filisxeemotaa lole; worri Filisxeemotaa Israa'eloota jibbe» oduu jettu dhage'ane; maarre kolbaan marti Saa'ol woliin duuliisaaf Giilgalitti wolitti qabante.5Worri Filisxeemotaa garreettaa fardaan harkifamu kuma soddoma, abbootii fardaa kuma jaa fi loltoota bindillaa ta laakkossi isaanii akka maansa abbaayaa qarqaraa woliin, Israa'eloota loliisaaf wolitti qabamane. Isaan dhaqanee qachaa «Miikmaashi» jedhamu ka Bet-Aween irraa gara aduun baatu jiruu qubatane.6Israa'elooti haalli keessa jiranu sodaachisaa akka te'ee fi loltooti isaaniille muddama guddaa keessa akka jiranu yennaa dhaggane, godaa fi ciggaa qore'ee keessa, odduu rassa'aa keessa, bowwa'aa fi boolla keessa seenanee dhokatane.7Worra Ibrootaa keessaa gariin laga Yordaanosii gamatti bu'anee gara lafa Gaadiitii fi lafa Giil'aadii deemane. Saa'ol ammoo Giilgalitti hafe; namooti isa woliin jiranu marti guddoo sodaatanee hollatane.8Innille akkuma Saamu'el isatti hime guyyaa torba isa eege; Saamu'el ammoo gara Giilgalii hin dhunne; loltooti Saa'oliille gara gara bittinnowiisa jalqabane.9Maarre Saa'ol, «Kennansa gubamuu fi kennansa tokkumma'aa as gara kiyya fida'a!» jedhee, kennansa gubamu dhikeesse.10Akkuma inni kennansa gubamu dhikeessee fixeen, yoosuma Saamu'el dhufe. Saa'olille isa qophatiisaaf gad baye.11Saamu'el ammoo, «Wonni ati hujje maan?» jedhee isa gaafate. Saa'olille deebisee, «Kolbaan akka na biraa bittinnowiisatti jirtu, atille guyyaa hin dhufa jettetti akka dhufaa hin jirre, worri Filisxeemotaalle Miikmaashitti akka wolitti qabamane yennaa dhagge,12ani, ‹Worri Filisxeemotaa na loliisaaf gara Giilgalii gad hin dhufan, anille haga ammaa qarqaarsaaf, Mootii Waan Maraa hin gaafanne!› jedhee herrege. Tanaaf, kennansa gubamu dhikeesse» jedhe.13Saamu'elille Saa'oliin, «Ati waan gowwumma'aa hujje. Ajaja Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti si ajaje hin eeganne. Silaa Mootiin Waan Maraa mootummaa teeti Israa'eloota irratti haga bara baraa si'iif hin jabeessaayyu.14Amma ammoo mootummaan teeti hin jabaattu. Mootiin Waan Maraa nama akka gadhaa isaa isaaf te'u dhaggateera. Ati ajaja Mootii Waan Maraa waan hin eegatiniif, Mootiin Waan Maraa bulchaa kolbaa isaa akka te'u isa filateera» jedhe.15Achiin duuba Saamu'el Giilgalii ka'ee gara Giibe'aa lafa Beniyaamin keessaa dhaqe. Saa'olille worra isa woliin hafe laakkowe; isaanille gara nama dhibba jaa ti.16Saa'olii fi ilmi isaa Yonaataan worra isaan woliin hafane woliin lafa Beniyaaminii Giibe'aa keessa turane; worri Filisxeemotaa ammoo qachaa Miikmaashii keessa qubatane.17Gareen loltoota worra Filisxeemotaa kutaa saditti qoodamanee bayane. Gareen tokko karaa Ofraatiin gara lafa Shuwaalii deebi'ane;18gareen lammeesso'oo karaa Bet-Horoonii, gareen sadeesso'oo karaa meessaa dhooqa Zebo'iimii karaa fuullee goomole'ee gorane.19Worri Filisxeemotaa, «Worri Ibrootaa shallaagaa yookiin eboo hin tumatin» waan jedhaneeranuuf, lafa Israa'elii mara keessa worri sibiila tumu hin jiruuyyu.20Maarre Israa'elooti marti maarasha'aa fi qottoo, agara'aa fi haantuu qorqorsiifatiisaaf gara worra Filisxeemotaa dhaqan.21Maarasha'aa fi qottoo qorqorsiifatiisaaf meetii gara giraama saddeetii, agaraa, horooro'oofi sibiila mutaa qotiyyo'oon oofanuu qorqorsiifatiisaaf meetii gara giraama afurii kaffalan.22Maarre guyyaa lolaa, Saa'olii fi ilma isaa Yonaataan malee loltoota isaan woliin jiranu keessaa shallaagaa yookiin eboo nami qabu tokkolle hin jiru.23Yennaa san loltooti Filisxeemotaa takka karaa gara Miikmaashii qaxxaamursu dooyiisaaf deemane.