Saa'ol Mootii Te'iisaaf Muudame
1Achiin duuba Saamu'el buttullee zayitii ejersaa fuudhee, zayitii mataa Saa'olii irratti dhangalaasee, isa sunqatee, «Mootiin Waan Maraa kolbaa isaa Israa'el akka bulchitu si muudee motii ree?2Ati adha yennaa na biraa kaatee deentu, lafa Beniyaaminii Zelzaa keessatti addee awwaala Raahelii biratti namoota lama hin dhaggita; isaan, ‹Harreeleen ati barbaaddu mudhatteerti; abbaan keetille marroo harreele'eetiif yaaduu lakkisee, marroo teetiif: Marroo ilma kiyyaa maan godhu laati? jedhee si'iif yaaddowiisatti jira› jedhanee sitti hin himan.3Achiin duuba ati isaan biraa kaatee haga qilxaa Taaborii bira yennaa geettu, achitti namooti sad, isaan keessaa tokkochi ilmoolee re'e'ee sad ba'atee, tokkochi dhibiin daabboo xaltaa sad ba'atee, kuunille qalqalluu daadhii woyni'ii ba'atee gara Waaqa Bet'el jiruu dhaqanuun wol hin dhaggitan.4Isaan nageya si fuudhanee, daabboo xaltaa lama si'iif hin kennan; atille harka isaanii irraa fudhatuu qadda.5Achiin duuba addee loltooti Filisxeemotaa jiranu gara kooba Waaqaa Giibe'aa hin dhaxxa; gara qacha'aa akkuma seenteen, gumiin raagotaa maseenqoo dhowaa, dibbee dhowaa, suusullee afuufaa, kiraara guddicha dhowaa, raaga dubbataa addee waaqonfanna'aa irraa gad bu'anuun hin dhaggita.6Achiin duuba Ayyaanni Mootii Waan Maraa si irratti hin bu'a; atille isaan woliin raaga hin dubbata; jijjiirantee nama dhibii hin teeta.7Beessisi kun yennaa muummowe, Waaqi si woliin waan jiruuf waan dandeette mara huji.8Ati naan dura gara Giilgalii gad bu'i! Kunoo, ani kennansa gubamuu fi kennansa tokkumma'aa dhikeessiisaaf gara keeti hin dhufa. Ati ammoo haga ani si bira dhufee, waan ati gootu sitti himutti guyyaa torba hin turta» jedhe.Saa'ol Mootii Te'e
9Saa'ol yennaa Saamu'el biraa deemiisaaf ka'e, Waaqi qalbii Saa'olii jijjiire; beessisi marti guyyuma san muummowe.10Saa'ol tajaajilaa ifii woliin Giibe'aa yennaa geye, kunoo, gumiin raagotaa isa dhaggitee, Ayyaanni Waaqaa isa irratti bu'e; innille isaan woliin raaga dubbate.11Worri qara isa beeku marti yennaa inni raagota woliin raaga dubbatuun isa dhaggane, «Ilma Qiishiititti maanti dhufe? Saa'olille raaga'aa?» jedhanee wol gagaafatane.12Nami achi le'u tokko, deebisee, «Abbaan isaanii eennu?» jedhe; maarre, «Saa'olille raaga'aa?» jechuun mammaassa teete.13Saa'ol raaga dubbatee fixateen duuba gara addee waaqonfanna'aa dhaqe.14Obboleessi abbaa Saa'olii, «Eessa dhaxxane?» jedhee isaa fi tajaajilaa isaa gaafate; Saa'olille, «Harreelee barbaadiisa deenne; harreeleen dhabannaan gara Saamu'elii dhandhe» jedheen.15Obboleessi abbaa Saa'oliille, «Maganne'e waan Saamu'el si'iin jedhe natti himi» jedheen.16Saa'olille obboleessa abbaa ifiitiin, «Harreeleen akka mudhatteertu nutti himeera» jedheen; te'uu malee marroo mootii te'iisa ifii ta Saamu'el isatti dubbate, isatti hin hinne.Saa'ol Mootii Akka Te'e Beekkame
17Saamu'el kolbaa Israa'elii gara Miispha'aa Mootii Waan Maraa duratti wolitti waamee,18kolbaa Israa'eliitiin, «Mootiin Waan Maraa Waaqi Israa'elii, ‹Ani isin Israa'eloota biyya Gibxi'ii keessaa baasee, harka Gibxootaatii fi harka mootummoota isin cunqursanu mara jalaa isin baase› jedha.19Isin ammoo adha Waaqa keessan ka rakkinnaa fi farra jalaa isin baase tuffattanee, ‹Mootii nu'uuf moosisi› jettane. Maarre amma gosuma gosa gosa keessaniitii fi fira fira keessaniitiin Mootii Waan Maraa dura dhikaadha'a» jedheen.20Achiin duuba Saamu'el gosa Israa'elii mara dhikeessee, gosi Beniyaaminii hixa'aan filamane.21Inni gosa Beniyaaminii maatii maatii isaaniitiin dhikeesse, maatiin Maxirii hixa'aan filamane; dhuma irratti ilmi Qiishii Saa'ol hixa'aan filame; garuu isaan yennaa isa barbaadane inni hin dhagganne.22Maarre isaan, «Saa'ol dhufeeraa?» jedhanee Mootii Waan Maraa gaafatane; Mootiin Waan Maraa deebisee, «Kunoo, Saa'ol meya odduu dhokateera» jedhe.23Maarre isaan fiiganee dhaqanee, addee inni dhokateeruu isa fidane; inni dhufee kolbaa odduu yennaa dhaabbate gurmuu ifiitii ol kolbaa mara caalaa dheerata.24Saamu'el kolbaa maraan, «Nama Mootiin Waan maraa filate kana dhaggitanee? Kolbaa mara keessaa ka akka isaa tokkolle hin jiru» jedhe. Achiin duuba kolbaan marti qoonqoo ifii ol qabattee, «Mootichi bara dheeraa le'uu ti» jette.25Achiin duuba Saamu'el mirgaa fi hujii mootichaa kolba'atti beessiseen duuba, kitaaba irratti barreessee Mootii Waan Maraa dura keye; achiin duuba Saamu'el nami marti gara mana ifii akka galu geegesse.26Saa'olille gara mana ifii ka Giibe'aa jiruu deemee, loltooti jajjabi ta Waaqi qalbii isaanii tuqelle isa woliin deemane.27Worri gariin ka woy hin baane ammoo, «Nami kun attam nu baasuu dande'a» jedhane. Isaan isa tuffatanee, kennansa isaaf hin finne. Saa'ol ammoo cadhiseetuma isaan lakkise.