1 Saamu'elii1gax_twf

Elqaana'aa Fi Maatiin Isaa Gara Shiilo'oo Ol Bayane

1Biyya koobittii Efreemii, qachaa «Raamataayim-Zofiim» jedhamu keessa namichi, «Elqaanaa» jedhamu tokko jiraayyu; inni abutturoo Zuufii, abuuboo Tohuu, akaakoo Eliihu'uu, ilma Yerohaamii ti.2Inni haadha manaa lama qaba; maqaan takkatti'ii Haannaa, ta taanii ammoo Phiniina'a. Phiniinaan ijoollee qaddi; Haannaan ammoo hin qaddu.3Elqaanaan wogguma wogga'atti Mootii Waan Maraa Ka Waan Mara Dade waaqonfatiisaa fi ciincaa dhikeessiisaaf qachaa ifiitii gara Shiilo'oo deemaayyu; achitti ilmaan Eli'ii lama Hofnii fi Fiinehaas hayyoota Mootii Waan Maraa te'anee tajaajilaniiyyu.4Elqaanaan yennaa ciincaa dhikeessu mara foon ciinca'aaf dhikaate san irraa haadha manaa ifii Phiniina'aaf, ilmaan isi'iitii fi ijoollee isi'ii ta durraa maraaf qooda hin kennaayyu;5inni Haannaa waan jaalatuuf qooda dachaa lama isi'iif kenna; te'uu malee Mootiin Waan Maraa isii deya dhooggeeraayyu.6Mootiin Waan Maraa deya isii waan dhooggeef masaanuun isi'ii isii aarsitee bilinjeessite.7Tunille wogguma wogga'atti waan teetuuf, Haannaan yennaa gara Galma Mootii Waan Maraa dhaxxu mara, boottee nyaata haga dadhaddutti, masaanuun isi'ii isii bilinjeessiti.8Abbaan manaa isi'ii Elqaanaan isi'iin, «Haanna'a! Ati maaf bootta? Maaf sagalee hin nyaatin? Maaf gadhaan keeti gadda? Ani ilmaan kudhan si'iif hin caaluu?» jedhee isii gaafate.

Haanna'aa Fi Elii

9Gaafa tokko isaan Shiilo'otti nyaatanee unaneen duuba Haannaan kaatee dhaabbate; Eliin hayyichi garuu mikikkila Galma Mootii Waan Maraa bira barcumaa irra tee'eeraayyu.10Haannaan guddoo gadditee laaleffattee bowaa gara Mootii Waan Maraa daadimatte.11Isiin, «Ee Mootii Waan Maraa Ka Waan Mara Dadde, salphinna na garbittii teetii ilaaltee naa yaadattee, na dedhuu dhaddee, ilma yoo naaf kennite, ani bara jiruu isaa mara isa si'iif hin kenna; rifeensi mataa isaalle ijjumaa hin haadamu» jettee waadaa galte.12Haannaan gara Mootii Waan Maraa yennaa daadimataa turte, Eliin afaan isi'ii ilaale.13Isiille gadhaa ifii keessatti waan daadimattuuf, hidhiin isi'ii hin tachooti malee qoonqoon isi'ii hin dhage'anne; tanaaf Eliin waan isiin machootte seye.14Inni isi'iin, «Ati haga yoomii machootta? Daadhii woyni'ii tana ifi irraa fageessi» jedhe.15Haannaan ammoo deebittee, «Waawwo'o, goottaa kiyya! Ani daadhii woyni'ii yookiin waan nama macheessu hin unne; ani dubartii gadda guddaa irra jirtu; tanaaf rakkinna kiyya gara Mootii Waan Maraa dhikeeffatiisatti jira.16Ani gaddii fi aariin natti bacatanee haga kana mara daadimatiisatti waan jiruuf ana garbittii teeti akka waan woy hin baaneetitti hin laakkowin» jetteen.17Achiin duuba Eliin deebisee, «Nageyaan deemi! Waaqi Israa'elii waan ati isa gaafatte si'iif kennuu ti» jedheen.18Isiille, «Ani garbittiin teeti si duratti fudhatama dhaggadhuu ti» jette. Achiin duuba kaatee ideente; sagalee nyaattee gaddiisalle lakkitte.

Dhalatiisa Saamu'eliitii Fi Waaqaaf Kennamiisa Isaa

19Isaan barii ganama ka'anee Mootii Waan Maraa duratti sagadane; achiin duuba gara mana ifii Raama'atti deebi'ane. Elqaanaan haadha manaa ifii Haannaa woliin rafee Mootiin Waan Maraa isii qaabate.20Maarre Haannaan ulfoottee yennaan geennaan ilma deettee, «Ani Mootii Waan Maraa gaafadhee isa dhaggadhe» jettee maqaa isaa Saamu'el baafatte.

Saamu'el Mootii Waan Maraatiif Kenname

21Elqaanaan ciincaa wogga'aa Mootii Waan Maraatiif dhikeessiisaa fi waadaa gale muummessiisaaf maatii ifii mara woliin gara Sheelo'oo ol baye.22Haannaan ammoo isa woliin ol hin baane; isiin abbaa manaa ifiitiin, «Annuun akkuma harma irraa gu'een, ani Mootii Waan Maraa dura isa hin dhikeessa; innille haga bara baraa achi hin le'a» jette.23Abbaan manaa isi'ii Elqaanaan deebisee isi'iin, «Waan sitti tole godhi; inni haga harma irraa gu'u mana turuu ti; Mootiin Waan Maraa callaan waadaa ifii gale muummessuu ti» jedhe; maarre Haannaan haga ilmi isi'ii harma irraa gu'utti, hoosifataa mana turte.24Inni yennaa harma irraa gu'e, isiin dardara woggaa sadii, bullaa kiiloogiraama kudhanii fi daadhii woyni'ii qalqalluu tokko qabattee, mucaa san gara Galma Mootii Waan Maraa Shiiloo geessite. Inni yennaa san daa'ima diqqa'a.25Isaan dardara san yennaa qalane mucaa gara Eli'ii geessane.26Haannaan Eli'iin, «Ee goottaa kiyya, ka jiraataa teete; dubartiin as si dura dhaabbattee gara Mootii Waan Maraa daadimataa turte sun ana.27Ani mucaa kana akka naaf kennu waan isa gaafadheef, Mootiin Waan Maraa waan ani isa gaafadhe naaf kenne.28Tanaaf, anille isa Mootii Waan Maraatiif hin kenna; innille bara jiruu ifii mara Mootii Waan Maraatiif hin kennama» jette. Inni achitti Mootii Waan Maraa waaqonfate.