Gorsa Worra Kolbaa Waaqaa Bulchuuf Kenname
1Ani akkuma isaanii jaarsi wolde'a Kiristaanaa, dhugaa bayaan rakkinna Kiristoosii, akkasuma ulfinna Kiristoosii ka mudhatu'uu jiru ka qoodamu, jaarsolee wolde'a kiristaanaa ta wodhakkaa teessan jirtu gorsa.2Hoolee Waaqaa ta Waaqi akka tissitanuuf isinitti kenne hunnaan adoo hin te'in akka Waaqi barbaadutti, fedhii teessaniin tissa'a; bu'aa nama irraa dhaggatiisaaf joljoliisaan adoo hin te'in, halchaa tajaajiliisaaf qaddanuun te'uu ti.3Akkasuma hoolee saniif fakkeenna te'iisaan malee, hoolee tika keessan jala jirtu irratti goottomiisaan hin te'in.4Yennaa tisseen guddaan mudhatu, kallacha ulfinnaa ka ijjumaa hin banne hin fudhattan.5Akkasuma isin dargaggooti jaarsole'eef ajajama'a. Isin martinuu ifi gad qabiisa akka woya'aa uffadha'aatii wol tajaajila'a. Barreeffam Woyyichi, «Waaqi worra kooru hin morma; worra gad ifi qabuuf ammoo badhaadha hin kenna» jedha.6Maarre Waaqi yennaa ifii murteessetti akka isin ol qabu, harka Waaqa hunnaamessaa jalatti ifi gad qaba'a.7Waan Waaqi isiniif yaaduuf, waan isin yaachisu duudii isa irratti gata'a.8Gumeeffadha'a; dammaqa'a! Diinni keessan Seexanni, akka neenqa waan liqinsu barbaadee dhangaa dhowuu, adaala keessan garmaama.9Obboleeyyan teessan ta biyya lafaa duudii keessa jirtu, rakkoo akkasii akka fudhatu beeka'aatii, dhugeeffanna'atti jabaadha'aatii Seexana morma'a.10Yennaa diqqoo rakkattaneen duuba ammoo, Waaqi abbaan badhaadha duudi'ii, ka karaa Kiristoosiitiin ulfinna isaa ka bara baraa akka qoodantanuuf isin waame, inninuu akka duriititti isin deebisee, isin utubee, isin jabeessee hin hundeessa.11Hunni bara baraa haga bara baraa isaaf teetu! Ameen.Nageya Muumme'ee
12Ani karaa Silwaanosii akka dhugeeffataa addatama'aatitti laakkowuutiin ergaa gabaadduu tana isiniif barreesseera; ani isin gorsiisaa fi kun badhaadha Waaqaa dhugicha akka te'e dhugaa bayiisaaf jedhee barreesse. Badhaadha Waaqaa kanatti jabaadha'aa dhaabbadha'a.13Wolde'i kiristaanaa ka biyya Baabilonii keessa jiru, ka akkuma keessan filame nageya isinii dhaama; ilmi kiyya Maarqoosille nageya isinii dhaama.14Jaalala kiristaanumma'aatiin wol sunqataa nageya wol fuudha'a. Nageenni isin worra ka Kiristoosii teetane maraaf te'u.