1 Ergaa Pheexroosii1gax_twf

1Ana Pheexroosii ergamaa Yesuus Kiristoosii irraa: Worra Waaqaa fowantane ka biyya jirtanuu baatanee kutaa biyya Phonxoosiititti, Galaatiya'aatitti, Qaphadooqiya'aatitti, Asiya'aatii fi Bitaaniya'aatitti bittinnoottanee jirtanu,2ka akkuma Waaqi Abbaan duraanuu karoorfatetti filantanee, Yesuus Kiristoosiif ajajamiisaa fi dhiiga isaatiin qulqulloomiisaaf Ayyaana Woyyichaan woyyoontaneef: Badhaadhii fi nageenni isiniif fakkanu.

Addii Jiraattuu

3Waaqa Abbaa Goottaa keenna Yesuus Kiristoosiitiif galanni te'u! Inni marartii ifii guddo'oon du'a keessaa ka'iisa Yesuus Kiristoosiitiin addii jiraattuu tanatti akka jiraannuuf haareya godhee nu uumateera.4Akkasuma inni karra guddoo hin banne, yookiin hin aloonne, yookiin hin dulloonne Ol-gubba'atti isiniif qopheesseera.5Kun isin worra karaa dhugeeffannaa fayyinna bara muumme'eetitti mudhatuuf qophowee jiruuf, hunna Waaqaatiin eegantanee jirtanuuf te'a.6Amma yennaa gabaaddu'uuf haga ilaallatama gara garaatiin gadditanulle, marroo waan kanaa guddoo gammada'a.7Worqiin badduuyyuu, ibiddaan haga ilaallatanti; dhugeeffannaan teessan ammoo ta worqii caalaa gatii guddo'oo, ta dhuga'aa te'uu isi'ii mirkaneessiisaaf ilaallachaan tun isin dhaqqaddi. Achiin duuba guyyaa Yesuus Kiristoos deebi'ee mudhatu galata, ulfinnaa fi leelloo dhaggattan.8Isin isa dhagguu dhaddanulle isa hin jaalattan; isin amma isa dhagguu dhaddanulle, isatti dhugeeffattanee gammada gudda'aa fi ulfinna hagana jedhamee hin himanneen gammaddan.9Sababille fayyinna lubbuu teessanii, ka dhugeeffanna'aan eeggattanu fudhattan.10Raagoti badhaadha Waaqi isiniif kennu kana raagane, fayyinna kana akka maltetti qoranna'aa fi qu'annaa godhaneeran.11Ayyaanni Kiristoosii ka isaan keessa jiru, rakkoo Kiristoos dhaqqadduu fi saniin duubatti ulfinna inni dhaggatu dursee waan isaanitti beessiseeruuf, yennaan tun yoomii fi attam akka muummottu qorqoraa turane.12Raagoti tun isiniif malee, mataa ifiitiif akka hin tajaajilin Waaqi isaanitti mudhiseera. Kun hunna Ayyaana Woyyicha Ol-gubbaa irraa ergameen karaa worra Oduu Gammadaa lallabuutiin isinitti himame. Waan kana ergantooti Waaqaatuu hubatiisaaf halchaneeran.

Woyyumma'aan Le'uu

13Tanaaf, waan gootanuuf qalbii teessan qopheessa'a; worra ifi qabatu te'a'a; addii teessan guutuma guutu'utti badhaadha yennaa Yesuus Kiristoos mudhatu isiniif kennamutti godhadha'a.14Akka ijoollee ajajantuu te'aa malee, halchaa badduu durii ta adoo hin beekin leetanu hin hordofina'a.15Ammoo Waaqi isin waame woyyuu akkuma te'e, isinille waan gootanu duudi'iin woyyuu te'a'a.16Barreeffam Woyyichi, «Ani woyyuu waan te'eef isinille woyyuu te'a'a» jedha.17Waaqa nama adoo wol hin caalchisin, nama maraafuu akka hujii isaatitti muru «Abbaa» jettanee ka waantanu yoo teetane, biyya lafaa ta akka keessumma'aa irra jirtanu tanatti isa sodaataa le'a'a.18Jireenna abbootii teessan irraa isinitti tare, ka woy hin baane, waan badu ka akka meeti'iinyookiin worqi'iitiin akka hin wodamin, isinuu hin beettan.19Isin dhiiga Kiristoosii, ka gatii guddo'oo, ka akka dhiiga korbeessa komi'ii fi dhidhuu hin qanneetiin wodantaneertan.20Inni biyyi lafaa tun adoo hin dadamin duraanuu Waaqaan fowamee, bara muumme'eetitti isiniif jedhee mudhifame.21Isin karaa isaatiin, Waaqa isa du'a keessaa kaasee ulfinna isaa kenne dhugeeffattane; maarre tanaaf dhugeeffanna'aa fi addiin teessan Waaqatti godhattane.22Isin dhuga'aaf ajajamiisaan ifi qulqulleessitanee, worra dhibiille jaalala dhuga'aatiin jaalattaneertan; maarre gadhaa tokkochaan guddisa'aa wol jaaladha'a.23Isin karaa jecha Waaqaa jiraata'aa fi bara baraan jiraatuutiin, sanyii baddu adoo hin te'in sanyii hin banne irraa lammoo dhalattaneertan.24Sababille Barreeffam Woyyichi«Nami foon uffate duudiin akka marraa ti;ulfinni isaalle akka daraaraa badda'aa ti;marri hin qoora; daraaraalle hin harca'a.25Jechi Waaqaa ammoo haga bara baraa le'a.Jechi Oduu Gammadaa ka isiniif lallabamelle kana» hin jedha.