1 Moototaa7gax_twf

Solomoon Mana Mootummaa Ifii Ijaarrate

1Solomoon mana mootummaa ifii ijaaree woggaa kudhanii saditti fixe.2Inni mana mootumma'aa, ka «Gongomaa Libaanonii» jedhamu, ka dheerinni isaa ciqilee dhibbaa, badhinni isaa ciqilee shantamaatii fi hojjaan isaa ciqilee soddomaa ijaare; manni mootumma'aa kun utuboota hindheensaa ka tarree afuritti dhaabbatee, buusaa hindheensaa utubeeru qabaayyu.3Tarree tokko tokkoo irra utuboota kudhanii shan, wolumatti utuboota afurtamii shan qaba; utuboota kana gubba'atti heellichoo muka hindheensaa irraa hujantetti jira.4Manni kun foddaa tarree sad sadii ka fuullee wolii jiranu qaba.5Balbaltii fi foddaan martinuu mikikkiloota roga afurii qaban; foddaan tarree sad sadiin fuullee wolitti galteerti.6Solomoon galma utuboota heddu'uu, ta dheerinni isi'ii ciqilee shantamaa, badhinni isi'ii ciqilee soddomaa ijaare; kutaa guddittii san dura soroo utuba'aan utubanteertutti jiraayyu.7Solomoon galma barcumaa mootumma'aa, galma haqaa, addee tee'ee muraa kennu ijaaree, lafaa kaasee, haga heellicho'ootitti muka hindheensaatiin golle.8Manni isaa ka inni keessa le'u, galma haqaatiin wol fakkaata; manni kunille galma haqaa irraa gara duubaatiin jira; Solomoon haadha manaa ifii, intala mooticha Gibxi'iitiifille mana galma haqaatiin wol fakkaatu ijaare.9Ijaarsi kun duudiin alaa haga badhinna guddicha dalleya keessaatitti, hundee ijaarsaatiin jalqabee, haga jinjimaatii isaatitti, dhakoota gatii guddo'oo ka wol qixxee te'ee, duraa fi duubaan bocameen ijaarame.10Hundee ijaarsa kanaa, dhakoota gugurdaa gatii guddo'oo, ka dheerinni isaanii ciqilee saddeetiitii fi ka ciqilee kudhaniititti keyame.11Dhakoota gugurdaa kana irra, dhakoota wol qixxee te'ee bocamee fi buusaa hindheensaa hedduun jiran.12Badhinni guddichi dalleya keessaa, akkuma badhinna dalleya keessaa ka Galma Mootii Waan Maraa ka gara keessaatii fi soroo isaa, dalleya dhaka'aa, dhakaa bocame tarree sadii fi buusaa hindheensaa tarree tokkoon marfamee ijaarameera.

Hiiraam Yerusaalem Geye

13Mootichi Solomoon gara biyya Xiiroosii nama ergee, Hiiraam waansise.14Haati Hiiraamii haadha hiyyeessaa ti; isiin gosa Niftaalemii ti; abbaan isaa nama biyya Xiiroosii, ogeessa sageettu'uu ti. Hiiraam hujii sageettu'uu mara hujiisaan qarumma'aan, hubanti'ii fi beekkumsa gudda'aan nama guutameeru; inni gara Solomoonii mootichaa dhufee, hujii isaaf kennante mara huje.

Utuboota Sageettu'uu Lama

15Hiiraam utuboota sageettu'uu lama, ka tokko tokkoon isaatuu, hojjaan isaa ciqilee kudhanii saddeetii, furdinni isaalle ciqilee kudhanii lamaa huje.16Inni ammalle mataa utuboota lamaanii irra keyiisaaf, sageettuu baqisiisee guutuu lama ta tokko tokkoon isi'ii ciqilee shan dheerattu huje.17Guutuu mataa utubootaa irra jirtu san seesiisaaf, tokko tokkoo isi'iitiif, sageettuu irraa caccoo haachabaa torba torba huje.18Inni guutuu utubootaa seesiisaaf, sageettuu akka midhaan «Rumaan» jedhamuu, haachaba sanitti naannessee tarree lamatti huje; guutuu lamaaniifuu ta wol fakkaatu huje.19Guutuun mataa utuboota soro'oo irra jiranu, ciqilee afur dhedheeratanee, fakkii daraara'aa qaban.20Guutuu utuboota lamaaniituu irratti, haachabatti aanee, fakkii akka qori'ii jirtu gubbaa, wonni akka midhaan «Rumaan» jedhamuu, dhibbi lama tarree lamatti dirameera.21Hiiraam utuboota lamaan san, soroo Galma Waaqaa duratti dhaabe; utubaa gara kibbaa «Yaakiin» jedhee moggaase; utubaa gara kaabaa «Bo'az» jedhee moggaase.22Guutuun utuboota san irra jirtu fakkii daraara'aatiin hujanteerti. Maarre hujiin utubootaa akka kanaan muummotte.

Waabaa Sageettuu Irraa Hujame

23Hiiraam sageettuu baqisiisee, waabaa bisaanii ka badhinni keessa isaa ciqilee kudhanii, hojjaan isaa ciqilee shanii, marsi bukkee isaa ciqilee soddomaa huje.24Irga afaan waaba'aatiin jala gara duubaatiin, fakkiin buqqi'ii kudhan ta sageettuu irraa hujante, ciqilee tokko tokkotti kudhan kudhaniin, tarree lama lamaan marfanteerti.25Waabaan bisaanii sun, dudda fakkii korommii kudhanii lamaa, ta sageettuu irraa hujantee, sad gara kaabaa, sad gara kibbaa, sad gara aduun baatu, sad gara aduun seentutti fuula galanee hudduu wolitti galaneeranu irra dhaabbateeraayyu.26Furdinni waabaa sanii haga ganaa harkaa ti; irgi afaan isaalle akka irga afaan muduunu'uu hujamee, fakkii daraara'aa fakkaata; waabaan kun bisaan gara litirii kuma afurtamaa qabata.27Hiiraam sageettuu irraa waan meya irra keyatanu, ka korboo qabu kudhan huje; tokko tokkoon isaanii dheerinni ciqilee afur, badhinni ciqilee afur, hojjaan ciqilee sad.28Akki wonni meya irra keyanu kun hujamane asii gad jira: isaan sageettuu baxxittii roga afurii ta kiphaa qajeelee dhaabbattetti qassiifante qabaniiyyu.29Sageettuu baxxittii wodhakkaa kiphaa qajeelee dhaabbate san jirtu irratti fakkiin neenqotaa, korommi'iitii fi dada ol-gubba'aa ta koola qaddutti kaafameera; kiphaa qajeelee dhaabbate san irralle'etti akkasuma godhe; fakkii neenqotaatii fi korommi'ii san gubba'aa fi jalatti fakkii daraaraa marameetitti irratti qiriixameera.30Wonni meya irra keyanu tokko tokkoon isaaniituu korboo sageettuu irraa hujante afurii fi ulee sibiila sageettu'uu ta korboon irra garagaggaltu wolitti qassiittu lama qaban; gama arfanuu irra utuboota qorii itti dhiqatanu kiphu afuritti jiraayyu; utubooti sun fakkii daraaraa maramee ka sageettuu irraa baqisiifamee hujamee qabaniiyyu.31Waan meya irra keyanu san gara keessaatiin, qoriin itti dhiqatanu sun xiyyoo ciqilee tokko dheerattu qaddi; afaan qorii itti dhiqatanu sanii koobbicha; ciqilee tokko dheerata; morma irralle'etti seesa qaba; wonni meya irra keyanu sun koobbicha adoo hin te'in, roga afur qaba.32Korboon arfanuu, sageettuu baxxittii waan meya irra keyanu san jala jirti; uleen sibiila sageettu'uu, ta korboon irra garagaggaltu, waan meya irra keyanu saniin wolitti qassiifanteerti; badhinni korboo tokko tokkootuu ciqilee tokkoo fi wodhakka'a.33Korboon tun korboo garreettaa fardaan harkifamuu fakkaatti; uleen isi'ii, rogi afaan isi'ii, dagaleen isi'iitii fi urati uleen isi'ii keessa seenu, sageettuu irraa hujame.34Wonni meya irra keyanu tokko tokkoon isaatuu, roga arfanuu irratti waan qabatanu qaban.35Qaccee waan meya irra keyanuu irra, wonni akka qube'ee naanneffamee, taakkuu tokko ol dheeratu jira; utubootaa fi sageettuun baxxittiin isaa, mataa waan meya irra keyanuu woliin, wolitti qassiifamaneeran.36Inni utubootaa fi sageettuu baxxittii irratti, addee duwwaa jirtu mara irratti, fakkii Dada ol-gubba'aa ta koola qadduu, fakkii neenqotaatii fi fakkii muka meexxi'ii, daraaraa marame woliin cinaa isaanii mara irratti qiriixee huje.37Hiiraam akka kanaan waan meya irra keyanu kudhan huje; wonni meya irra keyanu kun martinuu, addee takka'atti waan baqisiifamaneef, hagii fi akki isaanii martinuu tokkochuma.38Hiiraam sageettuu irraa, waan meya irra keyanu tokko tokkoofuu, qorii itti dhiqatanu kudhan, ta bisaan gara litirii dhibba saddeeti qabattu huje; badhinni qorii tokko tokkootuu ciqilee afur.39Inni waan meya irra keyanu san keessaa shan, Galma Waaqaa irraa gara kibbaa, shan gara kaabaa keye; qorii itti dhiqatanu ammoo, roga Galma Waaqaa irra kibba irraa gara baya adu'uutitti keye.

Hiiraam Meya Galma Waaqaa Mara Hujee Muummesse

40Hiiraam ammalle okkotee, waan daadhaa ittiin haranuu fi qorii dhiiga fiffixanu qabattu huje; inni akka kanaan hujii Galma Waaqaa ta mooticha Solomooniif hujiisa jalqabe muummesse; meyi inni huje ka asii gad jiru:41Utuboota lama, qaccee utubootaa irratti guutuu akka qori'ii jirtu lama, waan akka haachabaa lama, ta guutuu utuboota irraa lama ittiin seesanu,42haachaba lama, guutuu akka qori'ii jirtu lama ta qaccee utuboota irraa seesiisaaf, tarree lamaan ka hujame waan akka midhaan «Rumaan» jedhamuu dhibba afur,43waan meya irra keyanu kudhan, qorii itti dhiqatanu kudhan woliin,44waabaa bisaaniitii fi fakkii korommi'ii kudhanii lama ta isa jala jirtu.45Okkotee, waan daadhaa ittiin haranuu fi qorii dhiiga fiffixanu qabattu, Hiiraam tajaajila Galma Waaqaatiif meya kana mara mooticha solomooniif, sageettuu morodante irraa huje.46Mootichi Solomoon waan kana mara dhooqa Yordaanosii keessatti, addee sibiila itti baqisiisanu ta faara irraa hujante ta Suukootii fi Zaaretaan wodhakkaa jirtu keessatti hujisiise.47Mey kun bacaa waan te'eef, mootichi Solomoon hin madaalchinne; tanaaf madaalliin sageettu'uu hagam akka te'e hin beekkanne.48Solomoon ammalle tajaajila Galma Waaqaatiif, meya asii gad jiru hujisiise; mey kunille addee ciinca'aa ta worqii irraa hujante, xarapheessaa worqii irraa hujame ka daabboo Waaqa dura dhikaattu irra keyanu,49meya worqii qulluu irraa hujame waan issaan irra keyamu, ka addee irra caala woyyittii ta gara keessaa dura, shan gara kibbaatiin, shan gara kaabaatiin keyanu, daraaraa, issa'aa fi qaraphaa ibiddaan tuqanu,50muduunuu, qaraphaa issa'aan dhaanfanu, qorii dhiiga fiffixanu qabattu, girgiraa, waan ibidda irratti bobeessanu, maaxafaa balbala kolloo Addee Irra Caalaa Woyyittii ta gara keessaatii fi ka kutaa guddittii Galma Waaqaa ka worqii qulluu irraa hujame huje.51Mootichi Solomoon hujii Galma Waaqaa mara fixeen duuba, abbaan isaa Daawiti tajaajila Galma Waaqaatiif waan addaan baase mara meetii, worqi'ii fi meya dhibii addee meya Galma Mootii Waan Maraa massanutti masse.