Solomoon Galma Waaqaa Ijaariisaaf Qopheeffate
1Hiiraam mootiin Xiiroosii Daawiti woliin yennaa mara jaala waan te'eef, akka Solomoon addee abbaa ifiititti mootii te'e yennaa dhage'e, ergantoota ifii gara isaa erge.2Solomoonille ergaa asii gad jirtu tana Hiiraamitti ergee,3«Abbaan kiyya Daawiti sababa diinota karaa maraan isatti ka'aneef, haga Mootiin Waan Maraa injifachaa isaaf kennutti, Mootii Waan Maraa Waaqa ifiitiif Galma Waaqaa ijaaruu akka hin dande'in ati hin beetta.4Amma ammoo Mootiin Waan Maraa Waaqi karaa maraan nageya naaf kenneera; diinni yookiin wonni hantuun hin jirtu.5Waaqi abbaa kiyya Daawitiin, ‹Ilmi keeti ka ani addee teetitti mootii godhee, barcumaa mootumma'aa irra teessisu, Galma naaf hin ijaara› jedhee dubbateera; tanaaf ani amma Mootii Waan Maraa Waaqa kiyyaaf Galma Waaqaa ijaariisaaf hedeera.6Maarre nama akka worra Sidoonii muka muruu beeku, akka nuuti hin qanne hin beetta; namoota keetiif mindaa ati jette ani hin kaffala, tajaajiltoota tiyya woliin dhaqanee, Libaanon keessaa hindheensa akka naaf muranu, namoota keeti naaf ergi» jedhe.7Hiiraam ergaa Solomoonii yennaa dhage'e, guddoo gammadee, «Gosa guddoo tana akka bulchu, Mootiin Waan Maraa ilma qaroo Daawitiif kenne, adha leellifamuu ti!» jedhe.8Achiin duuba Hiiraam Solomoonitti ergee, «Ergaan teeti na dhaqqaddeerti; muka hindheensaatii fi birbirsaa dhikeessiisaan waan ati barbaadde mara si'iif hin godha.9Namooti kiyya jigeessota Libaanonii gara abbaaya'aatitti harkisaa gad hin fidan; addee ati barbaadde akka si'iif gewu, wolitti hiisisee abbaayaa irra deensisee si'iif hin erga; achitti ani gargar hiikisiisee, atille hin fudhatta; atille worra mana kiyya keessa jiruuf sagalee dhikeessiisaan fedha kiyya hin guutta» jedhe.10Maarre Hiiraam akka kanaan muka hindheensaatii fi birbirsaa ka Solomoon barbaade mara dhikeesseef.11Solomoonille worra mana Hiiraamii keessa jiranuuf qamadii kuntaala kuma diddamaa akkasuma zayitii ejersaa qulqulluu litirii kuma dhibba afurii woggaa wogga'aan kenneef.12Mootiin Waan Maraa akkuma waadaa galetti Solomooniif qarummaa kenne; Hiiraamii fi Solomoon wodhakkaa nageenni waan jiruuf, isaan lamaanuu wolii galane.13Mootichi Solomoon lafa Israa'elii mara keessaa, namoota hunnaan hujii hunnaa hujanu kuma soddoma file.14Adoniiraam itti gaafatamaa namoota hunnaan hujii hunnaa hujanuu godhe; inni kuma kudhan kudhaniin addee saditti isaan qoodee, badoo bado'oon, ji'a tokko Libaanon keessa, ji'a lama mana ifii akka turanu godhe.15Solomoon ammalle biyya koobittii keessatti worra ba'aa ba'atu kuma torbaatamaa fi worra dhakaa bocu kuma saddeettama qabaayyu.16Akkasuma toowattoota hujii tanaa namoota kuma sadii fi dhibba sad qabaayyu.17Isaan ajaja mooticha Solomooniitiin, dhakaa gugurdaa gatii guddo'oo ka hundee Galma Waaqaatiif te'u, qotanee baasanee bocanee fidane.18Namooti hujii harkaa hujanu ka Solomooniitii fi Hiiraamii, namooti biyya Gebaaliille Galma Waaqaa ijaariisaaf, muka muranee, dhakaa bocanee qopheessane.