Bulchitoota Solomoon File
1Solomoon Israa'el mara irratti mootii te'ee,2bulchitooti gugurdoon inni file: Ilma Zaadoqii Azaariyaa hayyicha,3Ilmaan Shiisha'aa Eliihoreefii fi Ahiiyaan barreessitoota mana mootumma'aa, ilma Ahiiludii Yoshaafaax barreessaa dabarsi'ii,4Ilma Yehoyaada'aa Benaayaan ajajaa loltootaa, Hayyoota keessaa Zaadoqii fi Abiyaataar,5Ilma Naataanii Azaariyaa itti gaafatamaa bulchitoota lafaa, Ilma Naataanii Zaabudii hayyicha gorsaa mootichaa,6Ahiishaar itti gaafatamaa mana mootumma'aa, ilma Abda'aa Adoniiraam itti gaafatamaa worra hunnaan hujii hunnaa hujanuu ti.7Akkasuma Solomoon Israa'el mara irratti bulchitoota kutaa biyyaa kudhanii lama, ta mooticha fi worra mana mootichaa keessa jiru maraaf soorata dhikeessitu qabaayyu; tokko tokkoon isaaniituu woggaa keessatti ji'a tokko soorata dhikeessuu qabaniiyyu.8Maqaan isaanille ka asii gad jiru: Ben-Huur ka kutaa biyyaa lafa koobittii Efreemii bulchu,9Ben-Deqer ka qachoota Maaqaaz, Sha'aalbiim, Bet-Shemeshii fi Eloonii-Bet-Banaan bulchu,10Ben-Hesed ka qachoota Aruboot, Sokoo fi lafa Heferii mara bulchu,11Ben-Abinaadaab ka qachoota Nafat-Doorii mara bulchu, intala Solomoonii Xaafeti ka fuudhe,12Ilma Ahiiludii Ba'anaa ka qachoota Ta'ana'aatii fi Megidoo, Bet-Shaanii cinaa Zaaretaana'aa ta Yizre'eliin jalaa, akkasuma lafa Bet-Shaanii irraa kaasee, Yaaqne'aam qaxxaamuree haga Abeel Meholaatii ka bulchu,13Ben-Geber qachoota Raamoot-Giili'aad keessaa, olloota fira ilma Minaase'ee ka Yaa'iirii ka Giil'aad keessaa, lafa Argoobii ka Baashaan keessaa, wolumatti qachoota gugurdaa jaatama ka dalleya dhaka'aatii fi karra danqaraa sibiila sageettu'uu qabu ka bulchu,14Ilma Iddoo Ahiinaadaab ka lafa Mahanaayimii bulchu,15Ahimaaz ka kutaa biyya Niftaalemii bulchu, intala Solomoonii Baasemati ka fuudhe,16Ilma Hushaayii Ba'anaa ka kutaa biyya Asheeriitii fi qachaa Aalotii bulchu,17Ilma Phaaruu Yoshaafaax ka kutaa biyya Yisaakorii bulchu,18Ilma Elaa Shime'i ka kutaa biyya Beniyaaminii bulchu,19Ilma Urii Geber ka kutaa biyya Giil'aadii lafa duri Sihooniin mootii Amoorotaatii fi mootiin Baashaanii Oog bulchaa turane bulche. Lafa duudii ka bulche bulchaan dhibiin tokko jiraayyu.Mootummaa Guddittii Solomoonii
20Kolbaan Yihuda'aatii fi Israa'elii akka maansa qarqara abbaaya'aa baca'a; isaan nyaataa, unaa gammadaniiyyu.21Solomoon biyya mootummoota laga Efraaxiisiitiin jalqabee, haga lafa Filisxeemotaatii fi haga meessaa biyya Gibxi'ii duudii bulche; kolbaan biyya sanii duudiin isa gabbaraa, bara jiruu isaa duudii isa tajaajilte.22Sagaleen guyyaa guyya'aan mana mootummaa Solomooniitiif barbaachitu bullaa dansaa kuntaala soddoma, bullaa sharoo kuntaala jaatama,23sangoolee manatti gabbisane kudhan, sangoolee diida dheeddu diddama, hoolee dhibba tokko, kana biratti gadansa, buddannee, qorkee, lukkuu gagabboo.24Solomoon lafa laga Efraaxiisii irraa gara aduun seentu, qachaa Tiifsaahii irraa haga Gaaza'aatitti jirtuu fi mootota achi keessa jirtu mara bulche; inni biyyoota ollaa ifii wolille'een nageya qabaayyu.25Bara jiruu Solomoonii kolbaan Yihuda'aatii fi Israa'elii marti, Daan irraa haga Bersheeba'aatitti ta jirtu, muka woyni'iitii fi harru'uu ifii jalatti nageyaan leete.26Solomoon gola fardoo garreettaa harkittuu kuma afurtamaa fi abbootii fardo'oo kuma kudhanii lama qabaayyu.27Bulchitooti kudhanii lama tokko tokkoon isaaniituu woggaa keessatti ji'a isaaniif qabametti, soorata mootichaa fi worra qorii mootichaa keessaa sooratanuuf barbaachisu, womaa adoo irraa hin dhidhisin dhikeessaniiyyu.28Akkasuma isaan fardoo garreettaa fardaan harkifamuutii fi fardoo dhibi'iifille garbu'uu fi hicaacee, gara addee barbaachittee dhikeessaniiyyu.Qarummaa Solomoonii
29Waaqi qarumma'aa fi hubantii guddoo, yaada badhaa ka akka maansa qarqara abbaaya'aa ka laakkowanee hin dandeennee Solomooniif kenne.30Qarummaan Solomoonii qarummaa namoota gara aduun baatuutii fi qarummaa worra Gibxi'ii mara caalti.31Inni namoota qaroolee akka Etaanii Ezraahicha, ilmaan Maaholii Hemaan, Kalkoolii fi Dardaa caalaa qaro'o; gurri isaalle biyya gosa adda addaa ta adaala isaa jirtu mara keessatti beekkame.32Solomoon mammaassa kuma sad mammaake; faaruun isaalle kuma tokkoo fi shan.33Inni marroo mukaa, muka hindheensa Libaanoniitiin jalqabee haga biqiltuu baaldo'oo ta dalleya irratti lattuu dubbateera; akkasuma marroo bineensotaa, marroo sinbirrootaa, marroo bineensota gadha'aan lafa irra lowanuutii fi marroo qurxummi'ii dubbateera.34Gosa biyya adda addaa keessaa, mootota biyya lafaa ta qarummaa Solomoonii dhage'aneeranu mara biraa, namooti qarummaa Solomoonii caqasiisaaf ergamanee dhufane.