1 Moototaa22gax_twf

Raagichi Miikiyaas Ahaab Ifi Eeggachiise

1Sooriya'aa fi Israa'el wodhakkaa woggaa sadiif lolli hin jiruuyyu;2woggaa sadeesso'ootitti ammoo mootiin Yihuda'aa Yoshaafaax mootii Israa'elii Ahaab ilaaliisaaf dhaqe.3Mootiin Israa'elii Ahaab qondaaltota ifiitiin, «Raamoot-Giili'aad teenna adoo teeteertuu, harka mootii Sooriya'aatii deebifatiisaaf, nuuti waan tokkolle akka hin godhin hin beettanii motii?» jedhe.4Maarre Ahaab Yoshaafaaxiin, «Raamoot-Giili'aad loliisaaf na woliin hin dhaxxaa?» jedhee gaafate; Yoshaafaax deebisee, «Ani akkuma keeti; kolbaan tiyya teeti; fardoon tiyyalle teeti» jedhe.5Yoshaafaax ammalle, mootii Israa'elii Ahaabiin, «Dursiitii fedha Mootii Waan Maraa gaafadhu» jedhe.6Tanaaf Ahaab raagota gara nama dhibba afurii wolitti qabee, «Raamoot-Giili'aaditti hin duula moo hin lakkisa?» jedhee isaan gaafate. Isaanille, «Dhaqiitii loli; Goottaalle harka keetitti dabarsee isaan hin kenna» jedhanee deebisane.7Yoshaafaax ammoo, «Raagichi Mootii Waan Maraa ka nuuti gaafannu ka dhibiin as hin jiruu?» jedhee gaafate.8Ahaabille, «Raagichi dhibiin ka karaa isaatiin fedha Mootii Waan Maraa nuuti gaafannu, ilmi Imla'aa Miikiyaas hin jira; ammoo inni yennaa mara hantuu malee, waan dansaa ijjumaa naaf raagee waan hin beenneef, ani isa hin jibba» jedhee deebise. Yoshaafaax deebisee, «Mooticha, ati akkas dubbatiisaaf hin malle» jedhe.9Achiin duuba Ahaab qondaaltota mana mootumma'aa keessaa tokko waamee, «Dhaqiitii, ilma Imla'aa Miikiyaas dafii fidi» jedhe ajaje.10Yennaa kana mootichi Israa'elii Ahaab fi mootichi Yihuda'aa Yoshaafaax woyaa mootumma'aa ifii uffatanee, seensuma karra qachaa Samaariya'a dura eeddummee keessa raagota mootota duratti raaga dubbatiisatti jirtu woliin tee'aneeraniiyyu.11Raagota san keessaa ilmi Kine'aanaa Zedeqiiyaan gaafota sibiila irraa hujee Ahaabiin, «Mootiin Waan Maraa, ‹Gaafota kanaan haga isaan badanutti worra Sooriya'aa hin woraanta› jedha» jedhe.12Raagoti martinuu akkasuma, «Mootiin Waan Maraa harka keetitti dabarsee waan isaan kennuuf, hin injifattaa, dhaqiitii, Raamoot-Giili'aad loli» jette.13Namichi Miikiyaas waamiisaaf ergamee dhaqe, Miikiyaasiin, «Kunoo, raagoti martinuu mootichi Ahaab akka injifatu raagiisatti jiran; atille akkuma isaanii waan dansaa raagiif» jedhe.14Miikiyaas ammoo, «Dhugaa Mootii Waan Maraa ka jiraataa te'ee, ani waan Mootiin Waan Maraa natti dubbate qofa isatti hima» jedheen.15Miikiyaas yennaa gara Ahaabii mootichaa dhufe, mootichi, «Miikiyaas! Mootichi Yoshaafaaxii fi ani Raamoot-Giili'aaditti hin duulla moo hin lakkinna?» jedhee gaafate. Miikiyaasille, «Mootiin Waan Maraa harka keetitti dabarsee waan kennuuf, hin injifattaa, itti duuli» jedheen.16Ahaab ammoo, «Waan dhugaa te'e malee, waan dhibii maqaa Mootii Waan Maraatiin akka ati natti hin hinne, yennaa meeqa si kakachiisa?» jedheen.17Achiin duuba Miikiyaas, «Loltooti Israa'elii marti akka hoolee tissee hin qannee, kooba irratti bittinnowaneeranuun dhagge. Mootiin Waan Maraa, ‹Namooti kun sooressa hin qabanu; tanaaf tokko tokkoon isaanii nageyaan gara mana ifii deebi'anuu ti› jedheera» jedhee deebise.18Mootichi Israa'elii Ahaab Yoshaafaaxiin, «Inni marroo tiyyaaf hantuu malee, waan dansaa ijjumaa akka raaga hin dubbanne ani sitti hin hinnee?» jedheen.19Miikiyaas itti dabalee, «Tanaaf waan Mootiin Waan Maraa jedhu dhage'i! Mootiin Waan Maraa barcumaa mootummaa ifii ka ol-gubba'a irra tee'ee, ergantooti isaa martinuu middaa fi bitaa isaa dhaabbataneeranuun dhagge.20Mootiin Waan Maraa, ‹Ahaab gara Raamoot-Giili'aadii dhaqee achitti akka ijjeefamu eentu isa dokonkorsuu dande'a?› jedhe. Ergantoota Mootii Waan Maraa keessaa tokko waan tokko, kuun waan dhibii dubbate;21dhuma irratti, ayyaanni tokko dhufee Mootii Waan Maraa dura dhaabbatee, ‹Ani isa hin dokonkorsa› jedhe.22Mootiin Waan Maraalle, ‹Attam gootee dokonkorsita?› jedhe gaafate. Ayyaanni sun deebisee, ‹Ani dhaqee afaan raagota Ahaabii mara keessatti ayyaana soba dubbachiisu hin te'a› jedhe. Mootiin Waan Maraa, ‹Dhaqiitii dokonkorsi; si'iif hin milkootti› jedhe.23Tanaaf Mootiin Waan Maraa ayyaana sobaa afaan raagota teetii keessa keyee, badiille akka sitti dhuttu murteesse» jedhee dubbii ifii buufate.24Achiin duuba Zedeqiiyaan ilmi Kine'aanaa gara Miikiyaasii dhaqee, isa kabalee, «Karaa kamiin ayyaanni Mootii Waan Maraa ana irra dabaree sitti dubbatte?» jedhee gaafate.25Miikiyaas deebisee, «Gaafa dhokatiisaaf kolloo gara keessaa seente hin dhaggita» jedhe.26Achiin duuba mootichi Ahaab qondaaltota ifii keessaa tokko ajajee, «Miikiyaas qabiitii gara Amoonii bulchaa qacha'aatii fi gara Yo'aasii ilma mootichaa geessi!27Isaan isa hidhanee, haga ani nageyaan deebi'utti daabbo'oo fi bisaan malee waan tokkolle akka itti hin kennine itti himi» jedhe.28Miikiyaas deebisee, «Ati nageyaan yoo deebite Mootiin Waan Maraa karaa kiyyaan hin dubbanne jechu'u! Isin kolbaan marti dubbii tiyya tana qalbeeffadha'a!» jedhe.

Du'a Ahaabii

29Maarre mootiin Israa'elii Ahaabii fi mootiin Yihuda'aa Yoshaafaax qachaa gara Raamoot-Giili'aadii dhaqane.30Mootiin Israa'elii Ahaab Yoshaafaaxiin, «Eennulle akka na hin beenneef, woyaa dhibii uffadhee duula hin dhaqa; ati ammoo woyaa teeti ta mootumma'aa uffadhu» jedheen. Tanaaf mootichi Israa'elii Ahaab eennulle akka isa hin beenneef woyaa dhibii uffatee duule.31Mootiin Sooriya'aa ammoo ajajjoota loltoota ifii ta garreettaa fardaan harkifamuu soddomii lama ajajee, «Mooticha Israa'elii malee, diqqa'aa fi guddaa tokkolle hin lolina'a» jedhe.32Isaan mooticha Yoshaafaax yennaa dhaggane, «Dhugumaa kun mooticha Israa'elii ti» jedhanee isa loliisaaf gara itti galane. Yoshaafaax yennaa iyye ammoo,33ajajjooti loltoota garreettaa fardaan harkifamuu akka inni mooticha Israa'elii hin te'in yennaa dhaggane, isa ari'iisa lakkisane.34Isaan keessaa namichi tokko guubee ifii duuchi-balleessii darbatee, wodhakkaa uffanni sibiilaa ka mootichi Ahaab uffateeru lamaan wol qabateeruun isa woraane; mootichi Ahaab nama garreettaa fardaan harkifamu oofuun, «Ani waan madoweef, garreettaa fardaan harkifamu gara duuba garagalfadhuutii addee lolaa tana keessaa na fuudhii deemi!» jedhee ajaje.35Gaafa san lolli o'ee, mootichi Ahaab gara worra Sooriya'aa fuula galee garreettaa ifii ka fardaan harkifamu keessa itti irkatee dhaabbate; dhiigi madaa isaa irraa garreettaa keessatti gad lola'ee, inni galgaluma san du'e.36Aduun seeniisatti jirtuun, «Nami martinuu gara biyya biyya ifii, gara qachaa qachaa ifii deebi'ee deemuu ti!» ajaji jedhu quttuma loltoota Israa'elii keessatti dhage'ame.37Maarre mootichi Ahaab du'ee, reeffa isaa gara qachaa Samaariya'aa fidanee awwaalane.38Garreettaa isaa ka fardaan harkifamulle baleessa Samaariya'aa ka sagaagaltooti itti dhiqatutti dhiqanee, akkuma Mootiin Waan Maraa dubbate dhiiga isaa sareen arraadde.39Wonni dhibiin ta mootichi Ahaab bara mootummaa ifii godhe, wonni inni huje marti, manni isaa ka mootumma'aa ka inni ilka arbaatiin seesee ijaaree fi qachooti inni ijaare marti kitaaba dabarsii mootota Israa'elii keessatti barreeffanteerti.40Maarre mootichi Ahaab du'ee, addee isaatitti ilmi isaa Ahaaziyaan mootii te'e.

Mootii Yihuda'aa Yoshaafaax

41Ahaab mootii Israa'elii te'ee, woggaa arfeesso'ootitti, ilmi Aasa'aa Yoshaafaax mootii Yihuda'aa te'e.42Yoshaafaax yennaa mootii te'e nama woggaa soddomii shanii ti; inni Yerusaalem keessa tee'ee woggaa diddamii shan bulche. Maqaan haadha isaa Azuba'a; isiin intala Shilhii ti.43Yoshaafaax akkuma abbaa ifii Aasa'aa huje malee, karaa isaa irraa hin gorre; te'uu malee, addeen waaqonfanna'aa waan hin diigaminiif, kolbaan addee waaqonfanna'aa sanitti ciincaa ciincessiisaa fi hixaana aarsiisa hin lakkinne.44Yoshaafaax mootii Israa'elii wolille'een nageyaan le'e.45Wonni dhibiin ta mootichi Yoshaafaax bara mootummaa ifii huje, milkayiis isaa ta lolaa kitaaba dabarsii mootota Yihuda'aa keessatti barreeffanteerti.46Inni kolloo galma waaqota dharaa keessaa ta dhiirti keessatti wol bukkoonsitu, ta bara bulchiinsa abbaa isaa Aasa'aatuu jirtu lafa san keessaa balleesse.47Bara san biyyi Edoomii mootii hin qaddu; nama mootiin Yihuda'aa addee ifii buusetti bulchaayyu.48Mootichi Yoshaafaax biyya Ofiiriitii worqii akka fidanuuf hoboloota gugurdoo daldalaa ta akka hoboloota Tarshiishii huje; hobolooti sun ammoo Eziyon-Geberitti waan caccabaneef dhaquu hin dandeenne.49Achiin duuba mootiin Israa'elii, ilmi Ahaabii Ahaaziyaan, Yoshaafaaxiin «Namooti kiyya namoota keeti woliin hoboloo gudditti'iin deemanuu ti» jedhe; Yoshaafaax ammoo didate.50Mootichi Yoshaafaax du'ee, qachaa Daawitii addee abbootiin isaa ta durii awwaalamanetti awwaalame; ilmi isaa Yohoraam addee isaatitti mootii te'e.

Mootii Israa'elii Ahaaziyaa

51Mootichi Yihuda'aa Yoshaafaax mootii te'ee woggaa kudhanii torbeesso'ootitti, ilmi Ahaabii Ahaaziyaan mootii Israa'elii te'e; inni Samaariyaa keessa tee'ee woggaa lama Israa'el bulche.52Inni hujii abbaa ifiitii fi haadha ifii, hujii Yerobi'aamii ilma Nebaatii ka Israa'elooti akka cubbuu hujju godheelle, gula waan deemeef, Mootii Waan Maraa duratti waan hantuu huje.53Inni akkuma abbaa ifii, waaqa dharaa Ba'aal tajaajilee waaqonfatiisaan, Mootii Waan Maraa Waaqa Israa'elii tuttuqee aarse.