Oorruu Naabotii Ta Muka Woyni'ii
1Wonni kun teeteen duuba, wonni itti aanee te'e kana: Nami Naaboti jedhamu tokko jiraayyu; inni Yizre'el keessatti mana mootumma'aa ka Ahaabii biraa oorruu muka woyni'ii takka qabaayyu.2Gaafa tokko mootichi Ahaab Naabotiin, «Oorruun teeti ta muka woyni'ii mana mootumma'aa kiyyatti waan dhikaattuuf, biqiltuu adda addaa akka itti dhaabadhu naaf kenni! Addee isi'ii buusee oorruu isii caalu sii kenna yookiin, gurguratiisa yoo barbaadde waan isiin baachu siif hin kaffala» jedhe.3Naaboti ammoo deebisee, «Oorruu abbootii tiyya ta durii irraa dhaale tana sii kenniisa irraa Mootiin Waan Mara na oolchuu ti» jedhe.4Nama qachaa Yizre'elii, Naaboti, «Oorruu abbootii tiyya irraa dhaale siif hin kennu» waan jedheef, Ahaab aaree bilinjaayee, gara mana ifii gale; fuula ifiille gara dhaaba manaa deebifatee taqee irra irkate; sagaleelle nyaatiisa dide.5Haati manaa isaa Iizaabel gara isaa ol seentee, «Ati maaf akkas bilinjoottee, sagalee nyaatiisa didde?» jettee isa gaafatte.6Ahaabille deebisee, ani, «Nama qachaa Yizre'elii Naabotiin, ‹Oorruu teeti ta muka woyni'ii natti gurgur, yookiin yoo barbaadde oorruu dhibii si'iif hin kenna› jedhee gaafannaan, inni ammoo, ‹Ani oorruu tiyya ta woyni'ii siif hin kennu› waan naan jedheef aare» jedheen.7Haati manaa isaa Iizaabel deebittee, «Ati mootii Israa'elii teetee, akkas teetaa? Ani oorruu muka woyni'ii ta Naabotii nama qachaa Yizre'elii akka ati fudhattu hin godha; ka'iitii midhaan nyaadhuu gammadi!» jetteen.8Achiin duuba isiin maqaa Ahaabiitiin xalayaa barreessitee, chaappaa isaa itti dhoottee gara jaarsole'ee fi qondaaltota qachaa Naabotii keessa isa woliin le'anuu ergite.9Xalayaan isiin barreessite sun, «Laama guyyaa tokkoo lassa'a. Kolbaa wolitti qaba'aatii, odduu isaaniititti Naaboti addee ulfinnaa teessisa'a;10dhugaa baatota dharaa lama, ‹Ka Waaqaa fi mootii arrasseera› jedhanee dhugaa isa irratti bayanu isa dura dhaabbachiisa'a. Achiin duuba Naaboti qachaa keessaa baasa'aatii dhaka'aan tuma'aa ijjeesa'a» ka jedhu.11Maarre namooti qachaa Naabotii keessaa, jaarsole'ee fi qondaaltoti achi le'anu, akkuma Iizaabel xalayaa keessatti ajajje godhane.12Isaan laama guyyaa tokkoo lassane; kolbaa wolitti qabanee, odduu isaaniititti Naaboti addee ulfinnaa teessisane.13Achiin duuba dhugaa baatoti dharaa lama dhuttee isa dura teettee, «Naaboti Waaqaa fi mooticha arrasseera» jettee kolbaa duratti dhugaa isa irratti baate; maarre isaan qachaa keessaa isa baasanee, dhaka'aan tumanee ijjeesane.14Achiin duuba isaan, «Naaboti dhaka'aan tumamee du'eera» jedhanee gara Iizaabelii ergane.15Iizaabel akka Naaboti dhaka'aan tumanee du'e akkuma dhageetteen, Ahaabiin, «Naaboti du'eera; amma dhaqiitii oorruu muka woyni'ii ta Naabotii nama qachaa Yizre'elii ka inni siif gurguruu dide san fudhadhu» jetteen.16Ahaab nami qachaa Yizre'elii Naaboti akka du'e yennaa dhage'e, yoosuma oorruu muka woyni'ii ta isaa fudhatiisaaf dhaqe.17Achiin duuba jechi Mootii Waan Maraa gara Eliyaasii Tishbeetichaa dhufee,18«Gara Ahaabii mooticha Samaariya'aa dhaqi; inni oorruu muka woyni'ii ta Naabotii ta fudhatiisaaf dhaqe san keessa jira;19Ahaabiin, ‹Mootiin Waan Maraa: Ati Naaboti ijjeetteerta; karra isaalle fudhatiisaaf teetaa? Sareen dhiiga Naabotii addee arraaddetti dhiiga keetille hin arraaddi jedha› jedhiitii itti himi» jedhe.20Ahaab Eliyaas dhaggee, «Diina kiyya, na dhaggiteerta!» jedheen. Eliyaasille, deebisee, «Ee, si dhaggeera; Mootii Waan Maraa duratti waan hantuu godhiisaaf ifi gurgurteerta;21tanaaf Mootiin Waan Maraa, ‹Ani badii sitti hin fida; Israa'el keessaa sanyii teeti hin balleessa; si'ii fi dhiira maatii teeti keessaa mara garbicha yookiin garbicha ka hin te'inille hin fixa.22Ati tutuxxee waan na aarsiteef, kolbaan Israa'eliille cubbuu akka hujju waan gooteef, ani maatii teeti akka maatii Yerobi'aamii ilma Nebaatiitii fi akka maatii Baa'ishaa ilma Ahiiyaa hin godha› siin jedha.23Marroo Iizaabeliille, Mootiin Waan Maraa, ‹Dalleya dhaka'aa ka qachaa Yizre'elii keessatti sareen reeffa isi'ii hin nyaatti.24Worra Ahaabii keessaa nama qachaa keessatti du'u sareen hin nyaatti; nama qacha'aan alatti du'u allaattiin hin nyaatti› jedha» jedhe.25Akka Ahaab haadha manaa ifii Iilzaabeliin tirtiffamee, fuula Mootii Waan Maraa duratti waan hantuu hujee ifi gurgure, nami akka isaa ijjumaa hin jiru.26Akkuma worra Amoorotaa, ka Mootiin Waan Maraa Israa'eloota duraa ari'ee baasee, Ahaabille waaqota dharaa waaqonsiisaan waan battii huje.27Ahaab dubbii tana yennaa dhage'e, woyaa ifii tarsaasee, woyaa gaddaa uffatee laame. Inni woyaa gaddaa uffatee rafa; yennaa deemulle guddoo gaddee mataa buusee deema.28Achiin duuba jechi Mootii Waan Maraa gara Eliyaasii Tishbeetichaa dhufee,29«Ahaab na duratti attam akka ifi gad qabe dhaggiteertaa? Inni na duratti waan ifi gad qabeef, ‹Ani balaa isatti hin fida› jedhe san, bara isaa keessatti isatti hin fidu; bara ilma isaa keessatti ammoo maatii isaa irratti hin fida» jedhe.