1 Moototaa2gax_twf

Gorsa Daawiti Solomooniif Kenne

1Daawiti yennaa du'iisa geye, ilma ifii Solomoon waamee, itti gorsee,2«Yennaan ani du'u geetteerti; jabaadhu; nama shenicha te'i.3Addee ati dhaxxu maratti, wonni ati gootu duudiin akka si'iif milkoottu, waan Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti si irraa barbaadu muummessi; karaa isaa irra ideemi; akkuma Seera Muuse'ee keessatti barreeffante, sirna, ajaja, seeraa fi seerata isaa eegadhu.4Mootiin Waan Maraa, ‹Sanyiin teeti gadhaa tokkochaa fi lubbuu takkatti'iin addatamumma'aan ifi eegattee fuula kiyya dura yoo deddeebite, sanyii teeti keessaa nami mootii te'ee, barcumaa mootummaa Israa'elii irra tee'u hin dhabamu› jedhee waadaa naaf gale hin muummessa.5«Ilmi Zeruyaan deette Yo'aab, ajajjoota loltoota Israa'elii ilma Neerii Abneerii fi ilma Yeterii Amaasaa akka ijjeese, analle waan inni godhe atinuu hin beetta; inni adoo lolli hin jiraatin, yennaa nageyaa keessa isaan ijjeesee, dhiiga isaanii qabattoo hidha ifiitii fi kophee miila ifiititti akka dibe hin beetta.6Akka qarummaa teetiititti waan godhamu'uu malte godhi malee, dulloomee nageyaan haga inni du'utti isa hin eegin.7«Ilmaan Baarzilaayii Giil'aadichaa, yennaa ani obboleessa keeti Abiishaalom duraa baqadhe, waan dansaa waan naa godhaneef, atille isa marari; worra qorii teeti keessaa nyaatanu wolille'een nyaatanuu ti.8«Kunoo, Shime'iin ilmi Geraa Beniyaamichaa ka qachaa Bahuriimii keessa le'u, yennaa ani gara Mahanaayinii dhaqe, ka akka malee na abaare si woliin jira; te'uu malee yennaa inni na qophatiisaaf gara laga Yordaanosii gad dhufe, ani, ‹Shallaaga'aan si hin ijjeesu› jedhee maqaa Mootii Waan Maraatiin isaaf kakadheera.9Amma ammoo ati akka nama yakkaa hin qanneetitti isa hin laakkowin; ati nama qaroo waan teeteef, waan isa gootu hin beetta; dullummaa isaa keessa isa ijjeesi» jedhe.

Du'a Daawitii

10Achiin duuba Daawiti du'ee, abbootii ifii ta durii biratti qachaa ifii Yerusaalem keessatti awwaalame.11Daawiti woggaa torba Kebroon keessatti, woggaa soddomii sad Yerusaalem keessatti, wolumatti woggaa afurtama Israa'el bulche.12Solomoon mootii te'ee barcumaa mootummaa abbaa ifii Daawitii irra tee'e; mootummaan isaalle jabaattee dhaabbatte.

Du'a Adoniya'aa

13Achiin duuba Adoniyaan ilmi Haagiiti deette gara Baat-Sheebaa haadha Solomoonii dhaqe; Baat-Sheebaalle, «Nageyaafuu dhuttee?» jettee gaafatte. Inni deebisee, «Eeti'i, nageyuma» jedhe.14Achiin duuba inni itti dabalee, «Ani waan sitti himadhu qaba» jedhe. Isiille, «Himattu ree!» jetteen.15Inni deebisee, «Akkuma ati beettu silaa mootummaan tiyya; Israa'elooti duudiin, ‹Isattuu mootii nu'uuf te'a› jedhanee eegataa turane; ammoo Mootiin Waan Maraa waan isaaf kenneef, dubbiin jijjiirantee, obboleessi kiyya mootii te'e.16Ammalle waan si kadhadhu tokko waan qabuuf, na hin didin» jedhe. Isiille, «Kadhattu ree!» jetteen.17Inni deebisee, «Mootichi Solomoon si hin didu, Abiishaagii Shuneemittii akka ani fuudhuuf maganne'e isatti naaf himi!» jedhe.18Baat-Sheebaalle, «Dansa'a! Ani mootichatti si'iif hin hima» jetteen.19Maarre Baat-Sheebaan waan Adoniya'aa himiisaaf gara Solomoonii mootichaa dhaxxe; mootichi ol ka'ee haadha ifii nageya fuudhiisaaf gad jedheef; achiin duuba barcumaa mootummaa ifii irra tee'ee, barcumaa mootumma'aa ka dhibii haadha ifiitiif akka fidanu godhee, midda ifiititti isii teessise.20Isiin mootichaan, «Ani waan diqqoo takka si kadhadha maganne'e na hin didin!» jette. Mootichille, «Haadha tiyya, si hin didu kadhadhu» jedheen.21Isiin deebittee, «Abiishaagiin Shuneemittiin, obboleessa keeti Adoniyaa heerumtuu ti» jette.22Mootichi Solomoon deebisee, haadha ifiitiin, «Ati Abiishaagii Shuneemittii Adoniya'aaf maaf gaafatta? Inni obboleessa kiyya angaficha waan te'eef, hayyichi Abiyaataarii fi ilmi Zeruyaan deette Yo'aab isa woliin waan jiranuuf, mootummaa tiyyalle isaaf maaf hin gaafatin ree?» jedhe.23Achiin duuba Solomoon maqaa Mootii Waan Maraatiin kakatee, «Adoniyaan gaaffii akkasii waan gaafateef, yoo inni du'aan hin adabamin Waaqi na ijjeesuu ti.24Dhugaa Mootii Waan Maraa ka jiraataa te'ee, ka akkuma waadaa naaf galetti, barcumaa mootummaa abbaa kiyya Daawitii irra jabeessee na dhaabee, mootummaa sanyi'ii tana anaa fi sanyii tiyyaaf kennee, Adoniyaan adhuma hin ijjeefama» jedhe.25Maarre mootichi Solomoon, ilmi Yehoyaada'aa Benaayaan akka Adoniyaa ijjeesu ajaje; innille dhaqee Adoniyaa dhowee ijjeese.

Ari'amiisa Abiyaataarii

26Achiin duuba mootichi Solomoon hayyicha Abiyaataariin, «Atille nama ijjeefamu'uuf maleeyyu; ammoo Saanduqa Gondooroo Goottaa Mootii Waan Maraa ba'attee, abbaa kiyya Daawiti dura deemaa, rakkoo isa dhaqqadde duudii isa woliin waan qoodanteef ani si hin ijjeesu, gara biyya teetii Anaatoti deemi!» jedhe.27Maarre Solomoon hujii Abiyaataar hayyumma'aan Mootii Waan Maraa tajaajilu irraa isa ari'e; tanaaf jechi Mootii Waan Maraa marroo sanyii Eli'iitiif Shiilo'otti dubbate muummowe.

Du'a Yo'aabii

28Yo'aab, ka yaada Abiishaalomii didee, yaada Adoniya'aa qarqaare, oduu tana yennaa dhage'e, sodaatee gara dunkaanii Mootii Waan Maraa baqatee, gaafa roga addee ciinca'aa irra jiru qabate.29Yo'aab gara dunkaanii Mootii Waan Maraa baqatee, addee ciinca'aa bira akka jiru, mootichi Solomoon yennaa dhage'e, ilma Yehoyaada'aa Benaayaan ergee, «Dhaqiitii isa ijjeesi!» jedhe.30Maarre Benaayaan gara dunkaanii Mootii Waan Maraa dhaqee, Yo'aabiin, «Mootichi ‹Gad bayi› siin jedha» jedhe. Yo'aab ammoo deebisee, «Lakkii, asumatti du'a!» jedhe. Benaayaan gara mootichaa deebi'ee, waan Yo'aabii jedhe isatti hime.31Achiin duuba Mootichi Solomoon Benaaya'aan, «Akkuma Yo'aab siin jedhe, isa ijjeesiitii awwaali; akka kanaan yakkaa Yo'aab dhiiga nama yakkaa hin qannee dhangalaasiisaan nutti fide, anaa fi mana abbaa kiyya irraa qulqulleessi.32Abbaan kiyya Daawiti adoo hin beekin, Yo'aab ajajaa loltoota Israa'elii ilma Neerii Abneerii fi ajajaa loltoota Yihuda'aa ilma Yeterii Amaasaa, worra isa caalaa balchaa te'ane, lolee shallaaga'aan waan ijjeeseef, dhiiga inni dhangalaaseef, Mootiin Waan Maraa haluu isa hin baya.33Yo'aab namoota san ijjeesiisaan, yakkaan inni yakke mataa isaatii fi mataa sanyii isaatitti deebituu ti; Daawitii fi maatii isaatiifille, sanyii isaatii fi barcumaa mootummaa isaatiifille ammoo nageenni Mootii Waan Maraa haga bara baraa te'uu ti» jedhe.34Maarre ilmi Yehoyaada'aa Benaayaan dhaqee Yo'aab dhowee ijjeese; Yo'aab lafa goomole'ee keessatti lafa ifiititti awwaalame.35Mootichi Solomoon, ilma Yehoyaada'aa Benaayaa addee Yo'aabiititti ajajaa loltootaa godhe; hayyicha Zaadoq addee Abiyaataariititti hayyicha godhe.

Du'a Shime'ii

36Achiin duuba mootichi Solomoon Shime'itti ergee, «Ati Yerusaalem keessatti mana ijaaradhuu achi le'i malee, addee dhibii hin deemin.37Qachaa Yerusaalemii keessaa baatee, laga Qedroonii yoo gamatti buute dhugumaan akka duutu beeki; dhiiga keetiif si'umatti itti gaafatama» jedheen.38Shime'ille deebisee mootichaan, «Wonni ati jette dansa'a; ani tajaajilaan keeti akkuma ati goottaan kiyya mootichi jette hin godha» jedhee, qachaa Yerusaalemii keessa yennaa hedduu le'e.39Woggaa sadiin duuba ammoo, garboolee Shime'ii keessaa lama isa duraa baddee, gara mooticha qachaa Gaatii, ilma Ma'aka'aa Akiishitti baqatte. Shime'i garbooleen isaa Gaati akka jirtu yennaa dhage'e,40harree ifii kooraa itti qopheeffatee isaan barbaadiisaaf, gara Akiishii mooticha qachaa Gaatii dhaqee, garboolee ifii achitti dhaggee, gara mana ifii fudhatee gale.41Shime'i qachaa Yerusaalemii keessaa bayee, gara qachaa Gaatii dhaqee akka deebi'e, mootichi Solomoon yennaa dhage'e,42isatti ergee, «Addee dhibii deemiisaaf jettee, qachaa Yerusaalemii keessaa yoo baate akka duutu beeki» jedhee, maqaa Mootii Waan Maraatiin si kakachiisee, ani si ifi eeggachiisee hin jiruuyyuu? Atille, «Wonni ati jette dansa'a! Si'iifille hin ajajama» naan jetteerta.43Maarre kakuu maqaa Mootii Waan Maraatiin kakattee fi ajaja kiyya maaf hin eeganne ree?44Mootichille deebisee, «Yakkaa abbaa kiyya Daawiti irratti hujje duudii gadhaan keeti hin beeka; maarre amma waan hantuu ati hujjeef Mootiin Waan Maraa si hin adaba.45Ani mootichi Solomoon ammoo hin eebbifama; barcumaan mootummaa Daawitiille haga bara baraa Mootii Waan Maraa duratti jabaatee hin dhaabbata» jedhe.46Achiin duuba mootichi, akka Shime'i ijjeesuuf, ilma Yehoyaada'aa Benaayaa ajaje; Benaayaalle dhaqee Shime'i dhowee ijjeese. Solomoonille mootummaa san harkatti galfate.