1 Moototaa18gax_twf

Eliyaasii Fi Raagota Ba'aalii

1Yennaa heddu'uun duuba, woggaa sadeesso'oo keessa, jechi Mootii Waan Maraa gara Eliyaasii dhufee, «Dhaqiitii mooticha Ahaabitti mudhadhu; anille lafa irratti bokkeya hin roobisiisa» jedhe.2Maarre Eliyaas akkuma ajajame gara Ahaabii dhaqe. Yennaa san Samaariyaa keessatti beelti hammaatteertiiyyu.3Maarre mootichi Ahaab itti gaafatamaa mana mootummaa isaa Obaadiyaa waansise; Obaadiyaan nama guddoo Mootii Waan Maraa sodaatu.4Iizaabel yennaa raagota Mootii Waan Maraa ijjeesisaa turte, Obaadiyaan raagota dhibba tokko fuudhee, shantama shantamaan addee lamatti qoodee, goda dhaka'aa lama keessatti dhossee, sagale'ee fi bisaan isaaniif dhikeessaayyu.5Mootichi Ahaab, Obaadiya'aan, «Ka'iitii, biyya keessa gara madda bisaanii maraa fi laga maraa dhaqi; dedha fardoon, gaangotii fi horiin keenna akka hin duune marra dhagganna fa'a te'a» jedhe.6Maarre Ahaabii fi Obaadiyaan biyya keessa deemanu qoqoodamanee, Ahaab karaa tokko, Obaadiyaan karaa dhibii deemane.7Obaadiyaan adoo deemiisatti jiruu Eliyaasiin wol dhagge; inni Eliyaas akka te'e hubatee, fuula ifiitiin lafatti gad gombifamee, «Ati dhugumaan, goottaa kiyya Eliyaasii?» jedhee gaafate.8Eliyaas deebise, «Eeti'i ana; dhaqiitii, ‹Eliyaas as jira› jedhii goottaa keetitti himi» jedhe.9Obaadiyaan deebisee Eliyaasiin, «Ani maan yakkinaan, mootichi Ahaab ana tajaajilaa keeti akka ijjeesuuf, harka isaatitti dabarsitee na kennita?10Dhugaa Mootii Waan Maraa Waaqa jiraataa keetii, goottaan kiyya si barbaadiisaaf, kolbaan yookiin mootummaan inni nama itti hin ergin tokkolle hin jirtu; kolbaan yookiin mootummaan, ‹Inni as hin jiru› yennaa jettu, akka ati achi hin jirre mirkaneeffatiisaaf, isaan kakachiisaayyu.11Amma ammoo ati akka ani gara goottaa kiyyaa dhaqee, ‹Eliyaas as jira› jedhee itti himu barbaaddaa ree?12Ani yennaa si biraa deemu, ayyaanni Mootii Waan Maraa eessa akka si geessu waan hin beenneef, ani dhaqee isatti himee, inni yoo si dhagguu dhabe, na hin ijjeesa; ani tajaajilaan keeti ijoollummaa tiyyaan jalqabee Mootii Waan Maraa hin sodaadha.13Iizaabel yennaa raagota Mootii Waan Maraa ijjeesisiitte, waan ani godhe, ati goottaan kiyya hin dhageennee? Ani raagota Mootii Waan Maraa dhibba tokko, shantama shantamaan addee lamatti qoodee, goda dhaka'aa lama keessatti dhossee, sagale'ee fi bisaan isaaniif kenne.14Ati amma ani gara goottaa kiyyaa dhaqee, ‹Eliyaas as jira› jedhee akka itti himu barbaaddaa ree? Yoo ani tana godhe inni na hin ijjeesa» jedhe.15Eliyaas deebisee, «Dhugaa Mootii Waan Maraa Waaqa jiraataa waan mara dadee, ka ani tajaajiluu, dhugumaan ani adha mooticha Ahaabitti hin mudhadha» jedhe.16Maarre Obaadiyaan dhaqee addee Eliyaas jiru mooticha Ahaabitti hime; Ahaabille ka'ee Eliyaasiin wol dhaggiisaaf deeme.17Ahaab yennaa Eliyaas dhagge, «Ka Israa'el rakkisu ada si'ii?» jedhe.18Eliyaas deebisee, «Ajaja Mootii Waan Maraa lakkittanee, waaqota dharaa Ba'aal waaqonfatiisaan, Israa'el irratti rakkoo ka fidde si'ii fi maatii abbaa keetiiti malee, anaa moti.19Amma nama ergiitii kolbaa Israa'elii mara, raagota Ba'aalii dhibba afurii fi shantama, raagota waaqa dharaa ta, ‹Asheeraa› jedhantuu dhibba afur worra qorii Iizaabelii keessaa nyaatanu, gaara Qarmelosii irratti wolitti naaf qabi» jedhe.20Tanaaf Ahaab Israa'eloota maratti nama ergee, raagota san gaara Qarmelosii irratti wolitti qabe.21Eliyaas kolbaa dura dhikaatee, «Haga yoomii yaada lamaan daaxxan? Mootiin Waan Maraa Waaqa yoo te'e isa hordofa'a Yookiin Ba'aal Waaqa yoo te'e isa hordofa'a!» jedhe. Kolbaan ammoo waan tokkolle hin deebinne.22Achiin duuba Eliyaas kolba'aan, «Raagota Mootii Waan Maraa keessaa nami hafe na qofa; Ba'aal ammoo raagota dhibba afurii fi shantama qaba.23Korommii lama nu'uuf dhikeessa'a; raagoti Ba'aalii korma tokko filatanee qalanuu ti; foon isaalle kukkutanee qoraanirra naqanuu ti; ammoo ibidda itti hin gabbisin; anille korma lammeesso'oo qalee qopheessee qoraanirra naqa; ammoo ibidda itti hin gabbisu.24Achiin duuba raagoti Ba'aalii gara waaqa ifii daadimatanuu ti; anille gara Mootii Waan Maraa kiyyaa hin daadimadha; waaqi ibiddaan deebii kennu, inni Waaqa dhuga'aa ti» jedhe. Kolbaan marti, «Wonni ati jette dansa'a» jette.25Achiin duuba Eliyaas raagota Ba'aaliitiin, «Isin hedduu waan teetaneef, korma tokko filadha'aatii, dursa'a qala'aa qopheessa'a; achiin duuba maqaa waaqa keessanii waammadha'a; ammoo ibidda itti hin gabbisina'a» jedhe.26Maarre korma isaaniif kenname san qalanee qopheessanee, ganamaa haga saatii jaatitti waaqa Ba'aalii waammatane; isaan, «Ba'aal nuu dhage'i» jedhaa iyyane; adaala addee ciinca'aa ta ijaarane sanii cinaa maraa sirbane malee, deebiin hin jirtu; ka isaaniif deebii kennelle hin jiru.27Guyyaa saatii jaatti Eliyaas, «Dhugumaan inni waaqaa motii ree! Takki yaadiisatti jira; yookiin huji'itti itti bacateera; yookiin karaa deemeera yookiin rafeera fa te'a, isa dammassiisaaf qoonqoo teessan ol qabadha'aatii iyya'a!» jedhee isaanitti murge.28Maarre raagoti dharaa qoonqoo ifii ol qabatanee iyyanee, akkuma aadaa isaanii dhiigi isaanii haga jigutti, shallaaga'aa fi ebo'oon nafa ifi mammadeessane.29Isaan guyyaa saatii jaan duuba, haga ciincaa galgalaatitti raaga carraaqane; ammoo deebiin hin jirtu; ka deebii isaaniif kenne, ka isaan caqaselle hin jiru.30Achiin duuba Eliyaas kolbaa maraan, «Gara kiyya kowa'a!» jedhe; isaanille gara isaa dhufane. Innille addee Mootii Waan Maraatiif ciincaa itti dhikeessanu ta diigante deebisee ijaare.31Inni laakkossa gosa ilmaan Yaaqoobii kudhanii lamaatiin, dhakoota kudhanii lama fuudhe; Yaaqoobiin kun ka Mootiin Waan Maraa, «Maqaan keeti Israa'el te'a» jedhee moggaase.32Inni dhakaa kanaan maqaa Mootii Waan Maraatiin addee ciinca'aa ijaare; addee ciinca'aa sanitti marsee boolla bisaan litirii gara kudhanii afur qabattu qote.33Inni addee ciinca'aa san irra qoraan naqee, foon korma qalamee san kukkutee qoraanirra naqe; achiin duuba, «Okkotee afuritti bisaan guuta'aatii, ciinca'aa fi qoraan san irratti dhangalaasa'a!» jedhe. Isaanille akkasuma godhane.34Inni, «Lammeessoo itti dhangalaasa'a!» jedheen. Isaanille akkasuma godhane. Inni, «Sadeessoo itti dhangalaasa'a» jedhee ajaje; isaanille sadeessoo itti dhangalaasane.35Bisaan adaala addee ciinca'aa san maratti gad yaa'ee, boolla addee ciinca'aa san guute.36Yennaa ciincaa galgalaa, raagichi Eliyaas gara addee ciinca'aa dhikaatee, «Ee Mootii Waan Maraa, Waaqa Abrahaamii, Yisihaqiitii fi Israa'elii, ati Waaqa Israa'elii akka teete, anille tajaajilaa keeti akka te'e, waan kana mara ajaja keetiin akka godhe, adha akka beekkamu godhi.37Kolbaan tun akka ati Mootii Waan Maraa Waaqa teete, qalbii isaaniille gara ifii deebisiisatti ka jiru si akka teete akka beettu, naa dhage'i; ee, Mootii Waan Maraa deebii naa kenni» jedhe.38Achiin duuba ibiddi Mootii Waan Maraa bu'ee, ciincaa, qoraan, dhakootaa fi biyyee san nyaatee, bisaan boolla keessaalle arraabe.39Kolbaan marti tana yennaa dhaggite, fuulaan lafatti gad gombifantee, qoonqoo guddo'oon, «Mootiin Waan Maraa kun Waaqa; Mootiin Waan Maraa kun Waaqa» jette.40Achiin duuba Eliyaas, «Raagota Ba'aalii qaba'a! Isaan keessaa nami tokkolle hin bayin!» jedhee isaan ajaje. Kolbaan isaan mara qadde; Eliyaasille isaan mara gara dhooqa Qiisonii geessee, achitti isaan fixe.

Barri Oola'aa Hobba'e

41Achiin duuba Eliyaas mooticha Ahaabiin, «Gikkeessi bokkeya hama'aa waan jiruuf, ol bayiitii nyaadhu; unille'e» jedhe.42Maarre Ahaab nyaatee uniisaaf ol baye; Eliyaas ammoo gara qaccee gaara Qarmelosii ol bayee, jilba ifii lamaan wodhakka'atti gara lafaa gad jedhe.43Inni tajaajilaa ifiitiin, «Dhaqiitii gara fuullee abbaaya'aa ilaali!» jedhe. Tajaajilaan isaalle dhaqee ilaalee, «Wonni tokkolle achi hin jiru» jedhe. Achiin duuba Eliyaas tajaajilaa ifiitiin, «Yennaa torba ammalle deebi'ii dhaqi» jedheen.44Tajaajilaan isaa yennaa torbeesso'ootitti, «Duumensi diqqaan harka namaa hin caalle, abbaayaa irraa ol ka'uun dhagge» jedhe. Eliyaas tajaajilaa ifiitiin, «Gara Ahaabii mootichaa dhaqiitii, ‹Adoo bokkeenni si hin kutin, garreettaa keeti ka fardaan harkifamu irra tee'iitii gara mana keeti gad bu'i› jedhii itti himi» jedhee ajaje.45Yennuma san gubbaan duumensaan gurraachotte, bubbeen bubbittee, bokkeenni hamaan bu'e. Mootichi Ahaabille garreettaa fardaan harkifamu irra tee'ee gara Yizre'elii deeme.46Hunni Mootii Waan Maraa Eliyaas irratti buute; inni woyaa ifii ol caccaffatee hidhatti sikkatee, haga seensuma Yizre'elii Ahaabiin dura rukkise.