Nama Waaqaa Ka Yihuda'aa Dhufe
1Yerobi'aam hixaana aarsiisaaf addee ciinca'aa bira adoo dhaabbateeruu, nami Waaqaa tokko, ajaja Mootii Waan Maraatiin, biyya Yihuda'aa irraa gara Bet'elii dhufe.2Inni ajaja Mootii Waan Maraatiin addee ciinca'aa mormee, qoonqoo guddo'oon, «Addee ciinca'aa! Addee ciinca'aa! Mootiin Waan Maraa si'iin, ‹Kunoo, sanyii Daawitii keessaa ilmi maqaan isaa: Yosiyaas jedhamu hin dhalata; inni hayyoota addee waaqonfanna'aa irratti ciincaa dhikeessanu, si irratti hin ciincessa; lafeen namootaa si irratti hin gubanti› jedha» jedhe.3Guyyuma san nami Waaqaa sun, beessisa kennee, «Addeen ciinca'aa tun gargar hin dhooti; daadhaan irra jirulle hin jiga. Kun beessisa Mootiin Waan Maraa kenne» jedhe.4Mootichi Yerobi'aam waan nami Waaqaa sun, addee ciinca'aa ta Bet'el keessaa mormee, qoonqoo guddo'oon dubbate yennaa dhage'e, addee ciinca'aa san irraa, harka ifii nama Waaqaa sanitti diriirsee, «Namicha kana qaba'a!» jedhe. Harki mootichaa ka inni itti diriirse sun ammoo, sooree waan gogeef, duubatti deebifatuu hin dandeenne.5Akkuma nami Waaqaa sun, jecha Mootii Waan Maraatiin beessisa kenne, addeen ciinca'aa sun gargar dhootee, daadhaan irra jirulle jige.6Mootichi Yerobi'aam nama Waaqaa saniin, «Maganne'e, harki kiyya fayyee, addee duriititti akka naa deebi'u, Mootii Waan Maraa Waaqa keeti naaf daadimadhu!» jedhee kadhate. Maarre nami Waaqaa sun Mootii Waan Maraa daadimate; harki mootichaalle fayyee, akka dur jirutti deebi'e.7Achiin duuba mootichi nama Waaqaatiin, «Na woliin gara manaa koyiitii areerradhu; kennansalle si'iif hin kenna» jedhe.8Nami Waaqaa ammoo deebisee mootichaan, «Gamisa qabeenna keetii yoo naaf kennitelle, ani si woliin hin deemu; addee tanatti sagalee hin nyaadhu; bisaanille hin unu.9Sagalee akka hin nyaanne, bisaan akka hin unne, karaa dhufe sanille deebi'ee akka hin galle, Mootiin Waan Maraa na ajajeera» jedhe.10Tanaaf inni karaa dhibi'iin deebi'ee deeme malee, karaa gara Bet'elii dhufe san hin deebine.11Yennaa san jaarsi raagichi Bet'el keessa le'u tokko jiraayyu; ilmaan isaa dhuttee, waan nami Waaqaa guyyaa san Bet'el keessatti godhee fi waan inni mooticha Yerobi'aamitti dubbate mara isatti hinte.12Abbaan isaanii, «Namichi sun karaa kam deeme?» jedhee gaafate; ilmaan isaalle, karaa nami Waaqaa ka Yihudaa irraa dhufe sun deeme, isatti mudhitte.13Achiin duuba inni ilmaan ifiitiin, «Harree tiyyatti kooraa naa fe'a'a!» jedhe; isaan harree sanitti kooraa isaaf fe'ane; innille irra tee'ee,14nama Waaqaa san hordofee, qilxaa jala tee'eeruun dhaggee, «Nami Waaqaa ka biyya Yihuda'aatii dhufe si'ii?» jedhee isa gaafate. Inni deebisee, «Eeti'i, ana» jedhe.15Jaarsi raagichi sun nama Waaqaa saniin, «Ana woliin gara manaa koyiitii, areerradhu» jedhe.16Nami Waaqaa sun ammoo, «Ani si woliin gara mana keetii deebi'ee deemuu, addee tanatti sagalee si woliin nyaatuu, bisaanille unuu hin dande'u.17Achitti sagalee akka hin nyaanne, bisaan akka hin unne, karaa dhufe sanille deebi'ee akka hin galle, Mootiin Waan Maraa na ajajeera» jedhe.18Achiin duuba jaarsi raagichi sun sobee, nama Waaqaatiin, «Anille akkuma keeti raagicha; ergamaan tokko ajaja Mootii Waan Maraatiin, ‹Nami Waaqaa kun sagalee akka nyaatuu fi bisaan akka unu, deebisii gara mana keetii fudhadhuu gali› naan jedheera» jedhe.19Maarre nami Waaqaa sun isa woliin deebi'ee, mana isaatitti sagalee nyaatee, bisaan une.20Adoo isaan nyaatiisatti jiranuu, jechi Mootii Waan Maraa gara jaarsa raagichaa isa deebisee fide sanii dhufe.21Jaarsi raagichi sun, nama Waaqaa ka biyya Yihudaa irraa dhufe saniin, «Mootiin Waan Maraa, ‹Sababa ati jecha Mootii Waan Maraatiif ajajamuu diddee, ajaja ani Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti si ajaje eegatuu diddee,22addee dhaxxee sagalee akka hin nyaanne, bisaanille akka hin unne dhooggantetti, sagalee nyaattee, bisaanille waan unteef, reeffi keeti addee awwaalaa ta abbootiin teeti ta durii itti awwaalantetti hin awwaalamu!› jedha» jedhee qoonqoo guddo'oon dubbate.23Nami Waaqaa sun sagalee nyaatee, bisaan uneen duuba, jaarsi raagichi deebisee isa fide sun harre'etti kooraa isaaf fe'e.24Nami Waaqaa sun adoo deemiisatti jiruu, neenqi karaa irratti dhaggee isa ijjeese; reeffi isaalle karaa irratti albifamee, harree sanii fi neenqille achi dhaabbateeraayyu.25Namooti karaa san dabaranu tokko, reeffa karaa irratti albifameeruu fi neenqa isa bira dhaabbateeru san dhagganee, dhaqanee namoota qachaa jaarsi raagichi keessa le'utti odeessane.26Raagichi karaa irraa waamee isa deebise fide sun, waan kana yennaa dhage'e, «Inni nama Waaqaa ka jecha Mootii Waan Maraatiif ajajamuu dide waan te'eef, Mootiin Waan Maraa akkuma isa ifi eeggachiise, neenqa caccassee isa ijjeesutti, dabarsee isa kenne» jedhe.27Achiin duuba raagichi ilmaan ifiitiin, «Harre'etti kooraa naa fe'a'a» jedhe; isaanille kooraa san isaaf fe'ane.28Raagichi ka'ee yennaa dhaqe, reeffi nama Waaqaa sun karaa irratti albifamee, harre'ee fi neenqi reeffa san bira dhaabbataneeranuun dhagge. Neenqi sun reeffa san hin nyaanne; harree sanille hin caccassine.29Maarre jaarsi raagichi sun, reeffa fuudhee harre'etti fe'ee, bowanee akka isa awwaalanu, gara qachaa Bet'elii fide.30Achiin duuba reeffa nama du'ee san, addee awwaalaa ta ifii qopheeffate keessa keyee, «Aanne'e, obboleessa kiyya!» jedhaa bowaneef.31Isa awwaalaneen duuba jaarsi raagichi ilmaan ifiitiin, «Gaafa ani du'u, addee awwaalaa ta nami Waaqaa keessatti awwaalame tana keessatti na awwaala'a; lafee tiyyalle lafee isaa bira keya'a.32Ergaan nami Waaqaa sun, ajaja Mootii Waan Maraatiin addee ciinca'aa ta Bet'elii irratti, addee waaqonfanna'aa ta qachaa Samaariya'aa mara keessaa irratti morme, dhugumaan hin muummotti» jedhe.Cubbuu Yerobi'aamii Ta Balaa Fidde
33Eega tun teeteeyyuu, mootichi Yerobi'aam ittuma dabalee gosuma mara keessa, worra addee waaqonfanna'aatiif hayyoota te'uu barbaadu adda baasee, addee waaqonfanna'aatiif, hayyoota filate malee, hujii hantuu ifii irraa hin deebine.34Cubbuu tanatti sanyii Yerobi'aamii gara jinnanaatii fi gara lafa irraa ijjumaa badiisaa geesse.