1 Moototaa1gax_twf

Mooticha Daawiti Bara Dullummaa Isaa

1Mootichi Daawiti guddoo waan dulloomeef, tajaajiltooti isaa bullukkoo hedduu itti uffisanulle inni o'ifatuu hin dandeenne.2Maarre tajaajiltooti isaa, «Ee Mooticha, durra si woliin jiraattee si tajaajiltu si'iif barbaanna; isiin cinaa teeti irkattee si o'itti» jedhane.3Achiin duuba isaan lafa Israa'elii duudii keessa, durra dansittii barbaadanee, intala «Abiishaag» jedhantu takka qachaa Shuneemiititti dhagganee, mootichaaf fidane.4Isiin guddoo dansitti'i; mooticha wolille'een jiraattee isa tajaajilte; te'uu malee inni isii hin tundhe.

Adoniyaan Mootii Te'iisaaf Barbaade

5Adoniyaan ilmi Haagiiti deette, «Ani mootii te'a» jedhee ifi dhikeesse; inni garreettaa fardaan harkifamu, abbootii fardaatii fi namoota shantama ka isa dura deemanu qopheeffate.6Adoniyaan Abiishaalom irratti dhalate; inni guddoo dansicha; abbaan isaa Daawiti gaafa inni dhalateen jalqabee, «Maaf tana yookiin san goote?» jedhee akka malee isa xixee hin beeku.7Adoniyaan Yo'aabii ilma Zeruyaan deettee fi hayyicha Abiyaataar woliin mari'ate; isaanille isa qarqaariisaaf wolii galane.8Ammoo hayyichi Zaadoq, Benaayaan ilmi Yehoyaada'aa, raagichi Naataan, Shime'i, Re'iinii fi eeddoti mooticha Daawitii, yaada Adoniya'aa hin fudhanne.9Gaafa tokko Adoniyaan dhakaa «Zohelet» jedhamu, ka madda En-Rogeelii bira jiru biratti hoolota, korommi'ii fi dardaroota cocooma qalee ciincaa dhikeessee, obboleeyyan ifii mara, ilmaan mooticha Daawitiitii fi qondaaltota mootumma'aa ta Yihudaa keessaa mara waame.10Inni ammoo raagicha Naataan, Benaayaa, eeddota mooticha Daawitiitii fi obboleessa ifii Solomoon hin waanne.

Solomoon Mootii Te'e

11Achiin duuba Naataan Baat-Sheebaa haadha Solomooniitiin, «Daawiti goottaan keenna adoo hin beekin Adoniyaan ilmi Haagiiti deette mootii akka te'e ati hin dhageennee?12Tanaaf amma ati lubbuu teetii fi lubbuu ilma keeti Solomoonii akka hamburattu ani sitti gorsa.13Ammuma gara mooticha Daawitii dhaqiitii, ‹Ee, goottaa kiyya mooticha, ati ilmi kiyya Solomoon si'iin duuba addee teetitti mootii akka te'u, barcumaa mootumma'aa keeti irralle akka tee'u ana tajaajiltuu teetiif hin kakannee? Eegasuu Adoniyaan maaf mootii te'e ree?› jedhiin.14Adoo ati mooticha Daawiti woliin dubbatiisatti jirtuu, ani dhufee wonni ati dubbatte dhugaa akka teete hin mirkaneessa» jedhe.15Maarre Baat-Sheebaan gara kolloo mooticha dulloomeeru, ta durrittiin Shunamittiin Abiishaag tajaajiliisatti jirtuu seente.16Baat-Sheebaan mooticha duratti jilbiiffattee, fuulaan lafatti gad gombifante; innille, «Ati maan barbaadda?» jedhee gaafate.17Isiin deebittee, «Ee, goottaa kiyya, ‹Ilmi keeti Solomoon naan duuba addee tiyyatti mootii hin te'a; barcumaa mootumma'aa kiyya irralle hin tee'a› jettee, maqaa Mootii Waan Maraa Waaqa keetiitiin ana tajaajiltuu teetiif kakatteertaayyu.18Amma ammoo adoo ati hin beekin Adoniyaan mootii te'eera.19Inni korommii hedduu, dardara cocoomaa fi hoolota ciincaa dhikeessee, ilmaan teeti mara, hayyicha Abiyaataarii fi ajajaa loltootaa Yo'aab waameera; tajaajilaa keeti ilma keeti Solomoon ammoo hin waanne.20Ee, goottaa kiyya mooticha, si'iin duuba addee teetitti mootii ka te'u, eennu akka te'e ati akka hintuuf, kolbaan Israa'elii si eegatiisatti jirti.21Yoo ati himuu dhadde, ati goottaan kiyya mootichi duuteen duuba, anii fi ilmi kiyya Solomoon akka yakkaameyyi'iititti hin laakkowanna» jette.22Adoo isiin mooticha woliin dubbatiisatti jirtuu, raagichi Naataan ol seene.23Tajaajiltooti, «Raagichi Naataan dhufeera» jedhanee mootichatti himane; Naataanille mooticha dura dhaqee fuulaan lafatti gad gombifame.24Achiin duuba raagichi Naataan, «Ee, goottaa kiyya mooticha, si'iin duuba Adoniyaan addee teetitti mootii akka te'u, barcumaa mootumma'aa keeti irralle akka tee'u beessitteertaa?25Guyyaa adhaa Adoniyaan korommii hedduu, dardara cocoomaa fi hoolota ciincaa dhikeessee, ilmaan teeti mara, ajajjoota loltootaatii fi hayyicha Abiyaataar waameera; kunoo isaan amma isa woliin nyaataa, unaa, ‹Ee mooticha Adoniya'a, bara hedduu mootom!› jedhiisatti jiran.26Ammoo ana tajaajilaa keeti, hayyicha Zaadoq, Benaayaa ilma Yehoyaada'aatii fi ilma keeti Solomoon hin waanne.27Wonni kun waan ati goottaan kiyya mootichi gootee ree? Ati nama si'iin duuba addee teetitti mootii te'u, ka barcumaa mootumma'aa keeti irralle tee'u, tajaajiltoota teetitti hin hinnee?» jedhe.28Achiin duuba mootichi Daawiti, «Deebitee akka dhuttu Baat-Sheebaa naaf waama'a» jedhe; maarre isiin ol seentee mooticha dura dhaabbatte.29Achiin duuba mootichi kakatee, «Maqaa Mootii Waan Maraa jiraata'aa, ka rakkoo mara jalaa na baasee,30ani, ‹Ilmi keeti Solomoon anaan duuba mootii hin te'a, barcumaa mootumma'aa kiyya irralle hin tee'a› jedhee, waan maqaa Mootii Waan Maraa Waaqa Israa'eliitiin si'iif kakadhe, adha hin muummessa» jedhe.31Achiin duuba Baat-Sheebaan mooticha duratti jilbiiffattee, fuulaan lafatti gad gombifantee, «Goottaa kiyya mooticha Daawiti, jiraadhu!» jette.32Achiin duuba mootichi Daawiti, «Hayyicha Zaadoq, raagicha Naataanii fi Benaayaa ilma Yehoyaada'aa naaf waama'a» jedhe. Yennaa isaan mooticha dura dhufane,33mootichi isaaniin, «Tajaajiltoota tiyya woliin dhaqa'aatii, ilma kiyya Solomoon gaangee tiyya irra teessisa'aatii gara madda Giihonii geessa'a.34Achitti hayyichi Zaadoqii fi raagichi Naataan isa muudanee mootii Israa'elii godhanuu ti. Achiin duuba tultullaa afuufaa qoonqoo teessan ol qabadha'aatii, ‹Mooticha Solomoon bara hedduu mootom!› jedha'a.35Achiin duuba isin isa gara Yerusaalemii fida'aatii, inni dhufee, barcumaa mootumma'aa kiyya irra tee'ee, addee tiyyatti mootii te'ee bulchuu ti. Ani akka inni bulchaa Israa'eliitii fi Yihuda'aa te'u isa filadheera» jedhe.36Ilmi Yehoyaada'aa Benaayaan, deebisee mooticha Daawitiin, «Ameen! Mootiin Waan Maraa Waaqi goottaa kiyya mootichaa waan kana muummessuu ti.37Mootiin Waan Maraa akkuma si goottaa kiyya mooticha woliin jiraate, Solomoon wolille'een jiraatuu ti; barcumaa mootummaa isaalle barcumaa mootumma'aa ka si goottaa kiyya mooticha Daawitii caaluuyyuu jabeessuu ti» jedhe.38Maarre hayyichi Zaadoq, raagichi Naataan, ilmi Yehoyaada'aa Benaayaan, worri mooticha eeganu Keretoototii fi Pheletoototi Solomoon gaangee Daawitii mootichaa irra teessisanee, gara madda Giihonii geessane.39Hayyichi Zaadoq gaafa zayitiin ejersaa keessa jirtu Dunkaanii Woyyittii keessaa fuudhee, Solomoon muude; achiin duuba isaan tultullaa afuufanee, kolbaan marti qoonqoo ol qabattee, «Mooticha Solomoon, mootom!» jette.40Kolbaan marti Yerusaalem keessatti isa gula deemaa, suusullee afuufaa, gammada gudda'aan firinxiixanee, hogaa isaaniitiin latti tachoote.41Adoniya'aa fi keessummooti isa woliin jirtu marti, jila muummeffatiisatti adoo jiranuu hogaa dhage'ane. Yo'aab qoonqoo tultulla'aa yennaa dhage'e, «Hogaan qachaa keessaa kun marti maan?» jedhee gaafate.42Adoo inni tana dubbatiisatti jiruu ilmi Abiyaataarii hayyichaa Yonaataan dhufe; Adoniyaan Yonaataaniin, «Ati nama dansaa waan teeteef, oduu dansaa fiddee dhufuu hin dhaddu, ol seen me!» jedhe.43Yonaataanille deebisee, «Ani oduu dansaa fidee hin dhunne; goottaan keenna mootichi Daawiti, Solomoon mootii godheera.44Mootichille hayyicha Zaadoq, raagicha Naataan, Benaayaa ilma Yehoyaada'aa, worra mooticha eeganu Keretootaatii fi Pheletoota akka isa bookarsanuuf ergeera; isaanille gaangee mootichaa irra isa teessisanee,45hayyichi Zaadoqii fi raagichi Naataan madda Giihonii biratti, Solomoon muudanee mootii godhane. Achiin duuba kolbaan gammaddee ilillisaa gara qacha'aa deebitee hogisiisatti jirti; hogaan isin dhageettane kun isa.46Kana maleelle Solomoon barcumaa mootumma'aa irra tee'eera.47Tajaajiltooti mootumma'aalle gammadaaf, gara mooticha Daawitii dhuttee, ‹Waaqi keeti maqaa Solomoonii maqaa keeti caalaa ka beekkame, mootummaa isaalle mootummaa teeti caalaa ta jabaatte godhuu ti› jetteerti; mootichi Daawitille taqee ifii irratti gad gombifamee Waaqa waaqonfatiisaan,48‹Sanyii tiyya keessaa nama addee tiyyatti mootii te'ee, barcumaa mootumma'aa kiyya irra tee'u, Ka adha ila tiyyaan na dhaggisiise, Mootiin Waan Maraa Waaqi Israa'elii leellifamuu ti!› jedheera» jedhe.49Achiin duuba keessumooti Adoniyaan waame marti sodaatanee ka'anee, karaa karaa bittinnowane.50Adoniyaan ammoo Solomoon sodaatee, dhaqee gaafa roga addee ciinca'aa irra jiru qabate.51Achiin duuba, «Adoniyaan si sodaatee gaafa roga addee ciinca'aa irra jiru qabatee, ‹Solomoon ana tajaajilaa isaa shallaaga'aan akka hin ijjeenne adha naaf kakatuu ti› jedhiisatti jira» jedhanee Solomoonitti himane.52Mootichi Solomoon deebisee, «Inni nama addatamaa yoo te'u te'e, rifeensi mataa isaatuu lafa hin bu'u; hammeenni isa irratti yoo dhaggame ammoo hin du'a» jedhe.53Achiin duuba mootichi Solomoon, namoota Adooniya'atti ergee, isaanille addee ciinca'aa irraa isa gad buusane. Adoniyaan dhaqee mooticha Solomooniif gad gombifame; mootichille, «Gara mana keetii deemi» jedheen.