Kiristoos Wobii Keenna
1Ijoollee, akka isin cubbuu hin hunyeef tana isiniif barreessa; eennulle cubbuu yoo huje ammoo, wobii Abbaa biraa qanna; innille Yesuus Kiristoosii balchicha.2Inni woreega gumaa cubbuu teennaa ti; cubbuu biyya lafaa duudi'iif malee, cubbuu teenna calla'aaf moti.3Yoo ajaja isaatiif ajajanne, Waaqa beekiisa keenna hin beenna.4Nami, «Ani isa beeka» jedhaa, ajaja isaatiif hin ajajanne dharaamessa; dhugaalle isa keessa hin jirtu.5Nami jecha Waaqaatiif ajajamu ammoo, jaalaltiin inni Waaqaaf qabu guutu'u. Isaan jiraatuu keenna tanaan beenna.6Nami «Waaqaan jiraadha» jedhu, akka Yesuus le'e le'uu qaba.Ajaja Haareya
7Jaalota tiyya! Ani ka isiniif barreessaaru, ajajuma dullacha dur jalqabaa jalqaddanee isin qaddanu san malee, ajaja haareyaa moti. Ajaji dullachi jechuma isin dhageettane.8Te'uu malee, dukkanti dabariisatti, ifi dhugichi ifiisatti waan jiruuf, Kiristoosii fi isin biratti dhugaa ka te'e, ajaja haareya isiniif barreessa.9Nami, «Ani ifa keessa jira» jedhaa obboleessa ifii jibbu, ammalle dukkanuma keessa jira.10Nami obboleessa ifii jaalatu ifa keessa le'a; wonni nama gufachiisulle isa keessa hin jiru.11Nami obboleessa ifii jibbu ammoo dukkana keessa le'a, dukkana keessa ideema, dukkantille ila isaa waan qaddeef gara itti ideemiisatti jiruuyyu hin beeku.12Ijoolle! Cubbuu teessaniif maqaa Kiristoosiitiin araarri waan kennameef isiniif barreessa.13Abbooti'i! Ka jalqabaa jalqabee jiru waan beettaneertanuuf isiniif barreessa. Dargaggoota! Hamaalessawaan injifattaneef isiniif barreessa.14Ijoolle! Abbaa waan beettaneef isiniif barreessa. Abbooti'i! Ka jalqabaa jalqabee jiru waan beettaneef isiniif barreessa. Dargaggoota! Jajjaba waan teetaneef, jechi Waaqaalle isin keessa waan jiruu fi hamaalessa waan injifattaneef isiniif barreessa.Biyya Lafaa Hin Jaalatina'a
15Biyya lafaa yookiin waan biyya lafaa hin jaalatina'a; nama biyya lafaa jaalatu, jaalaltiin Waaqa Abba'aa isa keessa hin jirtu.16Wonni biyya lafaa keessa jiru maraa: halchaan foonii, halchaan ilaatii fi waan qabanuun kooruun, biyya lafaa irraa dhutti malee, Waaqa Abbaa irraa hin dhuttu.17Biyyi lafaatii fi halchaan isi'ii marti hin tarti; nami fedhii Waaqaa muummessu ammoo haga bara baraa le'a.Ka Kiristoos Mormu Irraa Ifi Eegadha'a
18Ijoolle! Saatiin tun ta muumme'ee ti. Ka Kiristoos mormu akka dhufu kanaan duraa dhageettaneertan; ammumaayyuu worri Kiristoos mormu hedduun dhufeera. Maarre akka saatiin muumme'ee geette nuuti tanaan beenna.19Isaan nu keessaa bayane malee, keennaa moti; adoo keenna te'anee sila nu'uma woliin jiraataniiyyu. Isaan ammoo nu lakkisanee deemiisaan keenna te'uu dhabuu isaanii mudhisane.20Isin ammoo Kiristoos Ayyaana Woyyichaan muudeera; waan maraa isin martinuu hin beettan.21Isin dhugaa beekuu dhaddaneef adoo hin te'in, dhuga'aa fi dhugaa keessaa dharti akka hin baane waan beettanuuf isiniif barreessa.22Yesuus Masiihii moti jedhee ka mormatu malee, dharaamessi eennu ree? Ka Abba'aa fi Ilma mormatu kun mormattuu Kiristoosii ti.23Nami Ilma mormatu Abbaa hin fudhatu; nami Ilma dhugeessu Abbaalle hin dhugeessa.24Wonni isin jalqabaa jalqaddanee dhageettane gadhaa keessan keessa jiraattuu ti! Wonni isin jalqabaa jalqaddanee dhageettane gadhaa keessan keessa yoo jiraatte, isinille Ilmaa fi Abba'aan hin jiraattan.25Addiin inni nu'uuf kenne tun jiruu bara baraa ti.26Marroo worra isin dokonkorsuutiif, ani tana isiniif barreessa.27Ayyaanniisin Kiristoos irraa fudhattane ammoo isin keessa hin jiraata; inni waan isin barsiisuuf, eennulle akka isin barsiisuuf hin barbaachisu. Inni waan mara isin hin barsiisa; wonni inni barsiisulle dhuga'a, dharti keessa hin jirtu. Maarre akkuma Ayyaanni Woyyichi isin barsiisetti Kiristoosiin jiraadha'a!28Yoona, ijoolle! Yennaa Kiristoos mudhatu sodaa malee akka jiraannuu fi guyyaa dhufa isaa akka hin fokkifanne isaan jiraadha'a!29Akka inni balchaa te'e yoo beettane, nami balchummaa huju maraa ilma Waaqaa akka te'e hin beettan.