Mirga Ergantootaa
1Ani nama bilisummaa qabuu motii? Ani ergama'aa motii? Ani Goottaa keenna Yesuus hin dhagginee? Isin Gootta'aan bu'aa hujii tiyyaatii motii?2Ergamaa te'uun kiyya worra dhibii biratti fudhatama dhabulle, ani isiniif ergama'a. Sababille, Gootta'atti waan dhugeeffattaneef isinuu beessisa ergamaa te'iisa kiyyaa ti.3Worra na busheeshuuf ani deebii qaba:4waan nyaannuu fi waan unnu dhaggatiisaaf mirga hin qannuu ree?5Akka Ergantoota dhibi'ii, akka obboleeyyan Gootta'aatii fi akka Pheexroosii, nuutille niitii dhugeeffatte ifi faana fudhannee woliin deemiisaaf mirga hin qannuu?6Yookiin anaa fi Baarnaabaas calla'attuu waan le'ii teennaatiif hujatuu qannaa?7Nami loltuu te'ee mindaa malee beesee ifiitiin tajaajilu eennu? Nami muka woyni'ii dhaabee midhaan isi'ii hin nyaanne eennu? Nami horii tissaa aanan hin unne eennu?8Ani akka yaada namaa callaa kana jedhaaraa? Seerri Muuse'eetuu akkana hin jedhuu?9Seera Muuse'ee keessatti, «Qotiyyoo midhaan dhowiisatti jirtu afaan hin hidhin» ka jedhu barreeffameera. Amma Waaqi marroo qotiyyo'ootiif haajamee tana jedhee?10Waaqi marroo teennaafii motii tana jedhe ree? Nami lafa qotuu fi nami midhaan dhowu qooda midhaanii dhaggadha jedhee akkuma addii godhatu, dhugumaan wonni kun marroo teennaaf barreeffante.11Nuuti waan jireenna ayyaanaatiif barbaachisu isinii facaannee, waan jireenna fooniitiif barbaachisu isin irraa yoo haammanne waan guddo'oo ree?12Worri dhibiinuu waan akkasii isin irraa dhaggatiisaaf mirga ka qabanu yoo teete, nuuti mirga kana caalu attam qabaatuu dhanna ree? Nuuti ammoo mirga kanatti hin fayyadanne. Oduu Gammadaa ta Kiristoosiitiif gufuu akka hin teeneef, nuuti waan mara ossanne.13Worri Galma Waaqaa keessa tajaajilu sagalee ifii Galma Waaqaa keessaa akka dhaggatuu fi worri addee ciinca'aatitti ciincaa dhikeessu qooda ciinca'aa akka dhaggatu hin beettanuu ree?14Akkasuma worri Oduu Gammadaa lallabu waan ittiin le'anu hujii tana irraa akka dhaggatanu Goottaan ajajeera.15Ani ammoo mirga kana keessaa tokkolle'etti hin fayyadanne; kana ka barreessaarulle akka tana naa gootanuufii moti. Waan ani ittiin ifi jaju nami gatii dhassiisu'uu mannaa du'u naa woyya.16Ani Oduu Gammadaa waan odeesseef ifi jajuu hin qabu. Kana godhuun naaf dirqama; Oduu Gammadaa yoo lallabuu dhabe naaf aanne'e!17Fedha kiyyaan tana yoo godhe, gatii hin dhaggadha; fedha kiyya malee yoo godhe ammoo, hujii Waaqa biraa hadara'aan natti kennante muummesse jechu'u.18Gatiin dadhabbii tiyyaa maan ree? Gatiin dadhabbii tiyyaa mirga ifii qabu adoo itti hin fayyadamin, mindaa malee akkanumaan Oduu Gammadaa lallabu'u.19Ani nama bilisa malee, nama tokkolle'eef garbaa moti; ammoo haga dande'ame worra hedduu fayyisiisaaf garba ifi godheera.20Yihudoota fayyisiisaaf Yihudoota biratti akka Yihudootaa te'e. Ani seeraan jala jiraatuu dhabulle, worra seeraan jala jiru biratti akka nama seeraan jala jiruu te'e.21Ani Seera Waaqaa ka qabuu fi Seera Kiristoosiitiin jala jiraadhulle, worra Yihudoota hin te'in ka seera hin qanne fayyisiisaaf akka nama seera hin qannee te'e.22Worra dhugeeffanna'aan dadhabaa te'e fayyisiisaaf, akka worra dadhaba'aa te'e. Worra garii fayyisiisaaf nama duudii woliin waan duudii te'e.23Ani eebba Wongeelaa qoodamiisaaf, Wongeelaaf jedhee tana duudii godha.24Worri wol doggomu duudiin akka rukkisuu fi isaan keessaa tokkochi callaan badhaasa akka fudhatu hin beettanuu? Isinille akkasuma badhaasa akka dhaggattanu rukkisa'a.25Worri doggommo'oof qophowu mara leenjii jadduu leenji'a. Isaan badhaasa taree badu dhaggatiisaaf kana godhan; nuuti ammoo badhaasa bara baraa akka dhaggannuuf tana goona.26Tanaaf ani akka nama yaada hin qannee toluma hin rukkisu; ani akka nama qilleensa tuntummu'uun dhowuu nama toluma aggatuu moti.27Worra dhibi'iif Oduu Gammadaa lallabeen duuba, ani ifiif akka doggommi'iin ala hin teene, nafa kiyya adabaa akka naaf ajajamu godha.