1 Worra Qorontoosii7gax_twf

Gaaffii Marroo Fuudhaa fi Heeruma Kiristaanaa

1Marroo gaaffii gara kiyya barreessitanee dhiirti dubartii adoo fuudhuu dhaddee dansa'a.2Sagaagala irraa ifi eegatiisaaf ammoo, dhiirti tokko tokkoonuu niitii ifii qabaattuu ti; dubartiin tokko tokkoonuu dhirsa ifii qabaattuu ti.3Dhirsi haqa niitii ifii ka dhirsumma'aa hin dhooggatin; niitiille haqa dhirsa ifii ka niitumma'aa hin dhooggatin.4Niitiin nafa ifii irratti baallii hin qaddu; nafa isi'ii irratti baallii ka qabu dhirsa isi'ii ti. Akkasuma dhirsille nafa ifii irratti baallii hin qabu; nafa isaa irratti baallii ta qaddu niitii isaa ti.5Akka jabaattanee daadimattanuuf isin lamaanuu wolii galtanee yennaa murtootteef yoo teete malee, haqa dhirsaa fi niitumma'aa wol hin dhooggatin. Sababa kanaan ka ka'e ifi qabachuu dadhaddanee Seexanni akka isin hin ataanne, ammalle wolitti deebi'a'a.6Ani isiniif eeyyamiisaaf malee, isin ajajiisaafii moti.7Nami duudiin akkuma kiyya adoo niitii fuudhuu dhabe hin fedhaayyu. Waaqi ammoo nama tokko tokkoofuu kennaa adda addaa kenneera. Tokkoof kennaa tokko, kaaniif kennaa dhibii kenneera.8Amma worri hin fuudhinii fi hin heerumin, akkasuma haadhotiin hiyyeessaa akka kiyya fuudhaa fi heeruma malee adoo jiraatane dansa'a.9Ifi qabatiisayoo dadhabane ammoo, addee halchaa fooniitiin gubatanu fuudhuu woyya.10Worra fuudheef ajaja kennu qaba; ajaji kunille ka Gootta'aa ti malee kiyyaa moti. Dubartiin heerumte dhirsa ifii irraa gargar hin bayin;11yoo baate ammoo, adoo hin heerumin qofuu leetuu ti; yookiin dhirsa ifii woliin araarantuu ti. Akkasuma dhirsille niitii ifii hin lakkisin.12Worra dhibi'iin ammoo Goottaa adoo hin te'in, ani akkana jedha. Nami dhugeeffate tokko niitii hin dhugeeffatin yoo qabaatee isiin isa woliin le'iisa jaalatte, inni isii hin lakkisin.13Dubartiin dhugeeffatte takkalle dhirsa hin dhugeeffatin yoo qabaattee inni isii woliin le'iisa jaalate, isiin isa hin lakkisin.14Abbaan manaa ka hin dhugeeffatin karaa haadha manaa ta dhugeeffatteetiin Waaqaa biratti fudhatama qabaata; haati manaa ta hin dhugeeffatinille karaa abbaa manaa ka dhugeeffateetin Waaqa biratti fudhatama qabaatti. Yoo akkas te'uu dhadde, ijoolleen teessan nama Waaqaa te'uu hin dandeettu. Akka kana yoo leetane ammoo, ijoolleen teessan nama Waaqaa hin teeti.15Isin keessaa ka hin dhugeeffatin gargar bayiisa yoo fedhe bayuu ti. Dhirsi dhugeeffataa te'e yookiin niitiin dhugeeffattuu teete, haala akkasiitiin hin hidhamanu. Waaqi nageyaan akka leetanu isin waame.16Ati dubartii tana, dhirsa dhugeeffataa hin te'in keeti, takki fayyittuu beettaa? Atille namicha kana, niitii dhugeeffattuu hin te'in teeti, takki fayyittuu beettaa?

Akka Waaqi Waametti Jiraatuu

17Tokko tokkoon keessan akkuma kennansa Goottaan isinii kennee fi akkuma yennaa Waaqi isin waame jirtanutti jiraadha'a. Kun seera ani wolde'a kiristaanaa duudii keessatti barsiisu.18Nami haqanqabaa qabateen duuba yoo Waaqaan waamame, akka haqanqabaa qabatee hin jirree hin te'in; yoo haqanqabaa qabatee hin jiraatin Waaqaan waamamee jiraate haqanqabaa qabatiisaa hin barbaadin.19Wonni guddoon ajaja Waaqaa eegatiisa malee, haqanqabaa qabatiis yookiin qabatuu dhabiis womaayyuu moti.20Nami tokko tokkoonuu akka yennaa Waaqi isa waame jirutti le'uu qaba.21Yennaa Waaqi si waame garbummaa jala turtee? Yoo teetelle womaa moti. Carraa bilisa bayiisaa yoo dhaggatte ammoo si irra hin tarin.22Nami adoo garba te'eeruu Gootta'aan waamame, Gootta'aan bilisummaa dhaggateera; akkasuma nami adoo bilisa te'eeruu waamame Kiristoosiif garbicha.23Waaqi gati'iin waan isin bitateef, garboota namaa hin te'ina'a.24Obboleeyyan tiyya! Nami tokko tokkonuu yennaa waamame akka jirutti Waaqa woliin jiraatuu ti.

Worra Hin Fuudhinii fi Hin Heerumin

25Amma marroo worra hin fuudhinii fi hin heerumin jiranuu, Goottaan ajaja naaf hin kennine. Ani ammoo, akka nama marartii Gootta'aa dhaggatee addatamaa te'eetitti, yaada kiyya isinitti kenna.26Yennaan amma keessa jirru rakkittuu waan iteeteef, nami akkuma jirutti adoo le'e dansaa natti fakkaatti.27Yoo niitii fuutee jiraatte isii lakkisiisaa hin barbaadin, Yoo fuutee hin jirre ammoo fuudhiisaa hin barbaadin.28Yoo fuute ammoo, cubbuu hujje jechuu kiyyaa moti; akkasuma durrittiin takka yoo heerumte cubbuu hujje jechuu kiyyaa moti. Te'uu malee worri fuudhuu fi heerumu biyya lafaa tana irratti rakkoo le'ii hedduu qabaatan; ani ammoo, rakkinna kana jalaa akka baatanuuf jedhee isin gorsa.29Obboleeyyan tiyya! Wonni ani isiniin jedhu barri gabaabbateera; yoona worri niitii qabu akka niitii hin qannee te'ee le'uu ti.30Worri gaddu akka hin gaddineetitti, worri gammadu akka hin gammanneetitti le'uu ti; worri meya bitatu akka womaa hin qannee te'uu ti.31Worri karra biyya lafaatitti fayyadamu akka womaa hin fayyadannee te'ee le'uu ti. Sababille biyyi lafaa tun hin tarti.32Ani akka isin yaaddoo malee leetanu fedha. Nami hin fuudhin waan ittiin Goottaa gammachiisu waan barbaaduuf, yaadi isaa hujii Gootta'aa irratti xiyyeeffata.33Nami fuudhe ammoo, niitii ifii gammachiisiisaa waan barbaaduuf, yaadi isaa waan biyya lafaatiif haajama.34Akka kanaan yaadi isaa addee lamatti qoodameera. Dubartiin hin heerumin yookiin durrittiin takka nafaa fi ayyaanaan woyyoontee ta Gootta'aa te'iisa waan barbaadduuf, yaadi isi'ii hujii Gootta'aatiif haajama; dubartiin heerumte ammoo, dhirsa ifii gammachiisiisaaf waan barbaadduuf waan biyya lafaatiif haajanti.35Ani akka isiniif toltuuf tana jedhe malee, isin hidhiisaaf moti. Isin waan sirrii te'ee fi waan male hujaa, gadhaa tokkoon tajaajila Gootta'aatiif akka ifi kennitanu fedha.36Nami tokko durra kadhateeru woliin wonni godhiisatti jiru sirrii yoo itti hin fakkaatin, ganni isi'iille dabariisa yoo geyee jiraate, woli fuudhiisi isaaniille yoo sirrii itti fakkaatte akkuma fedhe san yoo fuudhe cubbuu itti hin teetu.37Nami tokko ammoo, gadhaa kutatee, wonni isa dirqansiisu yoo hin jiraatin, halchaa ifiille toowatiisa dande'ee, durrittii kadhateeru san fuudhuu dhabiisaaf yoo murteeffate dansaa godhe.38Maarre nami fuudhu dansaa godha; ka hin fuune ammoo san caalaa dansaa godha.39Haati manaa haga abbaan manaa isi'ii lubbu'uun jiru seera fuudhaa fi heerumaatiin hidhanteerti; yoo dhirsi irraa du'e ammoo, nama ifii feete heerumiisaaf isiin bilisa. Teetuu malee nami isiin heerumtu sun dhugeeffataa te'uu qaba.40Akka yaada kiyyaatitti adoo hin heerumin yoo teette, irra caalaa gammadaan leeti. Anille Ayyaana Waaqaa qaba jedhee heda.