Sagaagalummaa Wolde'a Kiristaanaa Keessatti Te'e
1Amma, sagaagalummaan worra Waaqa malee le'u oddu'uttuu hin godhamin, odduu teessanitti akka jirtu odeeffamaara. Nami niitii abbaa ifii haadiqqoo ifii akka niiti'ii godhateeru jira.2Maarre, wonni fokkoo akkanaa odduu teessan jirtuun hin gadditan malee, attam koortan? Nama akkasii odduu teessaniin baasa'a.3Ani nafa kiyyaan isin bira jiraadhuu dhabulle, ayyaanaan haga ammaa isin bira jira; akka isin bira jiruutitti te'ee nama waan farra akkasii huje irratti maqaa Goottaa Yesuusiitiin ani itti mureera.4Yennaa isin maqaa Goottaa Yesuusiitiin wolitti dachaatanu anille hunna Goottaa Yesuusiitiin ayyaanaan odduu teessan waan jiruuf,5nafi namicha kanaa akka baduuf harka Seexanaatitti dabarsa'a isa kenna'a; guyyaa Goottaan Yesuus dhufu lubbuunnama kanaa akka fayyituuf tana gootan.6Tanaaf ifi jajuun keessan dansa'aa moti. Uukoon diqqoon bukoo guddoo akka bukeessitu hin beettanuu?7Akkuma amma jirtanutti akka bukoo haareyaa ta uukoo ifi keessaa hin qannee akka teetanu, uukoo dullattii ifi keessaa gata'a. Hooleen Jila Irra Dabarama keennaa Kiristoos woreegameera.8Tanaaf Jila Irra Dabarama keennaa, uukoo dullattii ta cubbu'uu fi hammeenna qadduun adoo hin te'in, xaltaa qullumma'aatii fi dhuga'aatiin ka uukoo hin qanneen kowa'a ulfeessina.9Sagaagaltoota woliin tokkummaa hin qabaatina'a jedhee Xalayaa kanaan duraa keessatti ani isiniif barreesseera.10Akkas jechuun kiyya guutuma guutu'utti worra Waaqa malee le'anu sagaagaltoota, yookiin joljoltoota, yookiin hattoota, yookiin worra waaqota dharaa waaqonsanuun hin lansoomina'a jechu'uu moti. Adoo akkas teetee jiraatte biyya lafaa keessaa bawuu qaddaniiyyu.11Ani ammoo nama ifiin ani dhugeeffadheera jedhaa sagaagalu, yookiin joljolu, yookiin waaqota dharaa waaqonsu, yookiin maqaa namaa balleessu, yookiin machowu, yookiin hatuun hin lansoomina'a jedhee isinii barreesse. Nama akkanaa wolille'een hin nyaatina'a.12Worra tokkummaa wolde'a kiristaanaa keessa hin jiretti muriis hujii tiyyaa ree? Worra tokkummaa wolde'a kiristaanaa keessan keessa jirutti isin muruu hin dandeettanuu ree?13Worra ala jirutti ka muru Waaqa. Barreeffam Woyyichi, «Nama hamaa wodhakkaa teessaniin baasa'a» jedha.