1 Worra Qorontoosii4gax_twf

Ergantoota Kiristoosii

1Namooti akka tajaajiltoota Kiristoosiititti worra dhossaa Waaqaa mudhisiisaaf itti gaafatamummaan itti kennante akka teenetti nu laakkowuu qaban.2Itti gaafatantooti goottaa isaaniitiif addatamuu qaban.3Isin yookiin nami dhibiin akka ulaagaanamaatitti yoo natti mure naaf womaa moti; aninuu ifi irratti muriisa hin dande'u.4Wodanaa kiyyaan waan ifi komadhu hin qabu, wonni kun ammoo dhugumaan akka ani qulluute'e hin mirkaneessitu. Ka na irratti muru Gootta'a.5Tanaaf yennaan adoo hin geyin, Goottaan adoo hin dhufin eennulle'etti hin murina'a. Inni waan dukkana keessatti dhokate ifatti hin baasa; yaada gadhaa namaa keessatti dhokatelle diidatti hin baasa. Yennaa san nami martinuu galata isaaf male Waaqa irraa hin dhaggata.6Obboleeyyan tiyya, isiniif jedhee tana duudii Apholoosii fi ifii kiyyatti fakkeessee dubbadheera. Hiikkaan Jecha, «Waan barreeffame irra hin tarina'a jedhu» akka nu'u irraa barattanuuf ani tana godhe. Tanaaf eennulle nama tokkoon ifi jajee, nama dhibii tuffatuu hin qabu.7Ati worra dhibii maaniin caalta? Waan ati qaddu duudii ka si'ii kenne Waaqaa motii? Maarre yoo isa irraa fudhattee jiraatte, akka kennaa hin te'iniititti maaf ifi jajja?8Isin qaata waan barbaaddanu mara dhaggattane! Isin qaata duroontane! Nu'u malee isin qaata mootontane. Nuuti isin woliin akka mootonnu, adoo dhugumaan mootontane hin jaaladha.9Waaqi, nu'u ergantoota akka worra du'a itti muranee gara itti ijjeefamanu geeffamanuu, worra gadee waan nu godhe seya. Tanaaf biyya lafaa irratti ergantoota Waaqaatii fi fuula namaa duratti akka waan daaw'ii teenee mudhanna.10Nuuti Kiristoosiif jennee gowwoolee teeneerra; isin ammoo Kiristoosiin qaro'o; nuuti dadhaboole'e, isin ammoo jajjaba. Nuuti ulfinna dhanneerra, isin ammoo ulfeeffantaneertan.11Haga ammaan tanaalle nuuti beelotaa, dheebotaa, daaraa, dikamaa, mana dhannee rakkataa,12harka keennaan hujaa dadhabaarra. Yennaa nu abaaranu, nuuti hin eebbinna; yennaa nu miidhanu, nuuti hin ossina;13yennaa nu arrassanu, nuuti waan dansaa deebinnaaf. Haga ammaan tanaalle nuuti kosi'ii fi caffaa biyya lafa ti.14Ani akka ijoollee tiyya jaalatanteetitti isin gorsiisaaf malee, isin qaanessiisaaf tana barreessiisatti hin jiru.15Isin Kiristoosiin abbootii guddisaa kuma kudhan yoo qabaatanelle, Abbaa tokko callaa qaddan. Ani Oduu Gammadaa barsiisee karaa Kiristoosiitiin abbaa keessan te'eera.16Tanaaf fakkeenna kiyya akka fudhattanu isin kadhadha.17Sababa kanaaf ani ilma jaalatamaa kiyya, ka Kiristoosiin addatame Ximootewoos gara keessan erga. Inni karaa jiru'uu ka Kiristoosiin dhaggadhe, kama ani wolde'oota kiristaanaa addee maratti barsiisu isin yaadachiisa.18Isin keessaa gariin waan ani dhufee isin dhaggaa hin jirre seyanee, guddoo kooraneeran.19Yoo fedha Waaqaa teete ammoo, ani dhikoo tanattuu gara keessan dhufee, worri koorameeyyiin kun waan dubbatanu callaa adoo hin te'in hunna isaanille beekuu fedha.20Sababille Mootummaan Waaqaa waan dubbi'ii adoo hin te'in hunna Waaqaa ti.21Kam feetan? Ulee fudhadhee isinitti dhufa moo, yookiin ayyaana jaalalaatii fi qajeelumma'aatiin isinitti dhufa?