Qarqaarsa Kolbaa Waaqaatiif Guurame
1Amma marroo qarqaarsa kolbaa Waaqaa ilaalchisee, waan ani wolde'a kiristaana Galaatiya'aatii hime, isinille godha'a.2Ani yennaa dhufu beesee akka hin guurre, torbaan torbaaniinuu guyyaa dilbataa nami tokko tokkonuu, haguma galii ifiititti baasii addaan baasee keyuu ti.3Ani yennaa dhufu, worra isin filattaneef xalayaa geegessa'aa kennee, kennansa isin kennitane gara Yerusaalemii akka geessanuuf hin erga.4Akka ani dhaquuf barbaachisaa yoo teete ammoo, isaan na woliin hin dhaqan.Karoora Phawuloosii
5Ani karaa Meqedooniya'aatiin dhaqiisaaf waan hedeef, biyya Meqedooniya'aa keessa tareen duuba, gara keessan hin dhufa.6Qarqaarsa addee ani dhaqu maraaf naa te'u akka naaf gootanu, ani isin bira hin tura fa'a te'a. Ani ganna guutuulle isin bira turuu dande'a fa'a.7Amma yennaa taru isin dubbisuu hin barbaadu; yoo Goottaan jedhe, yennaa diqqoo dheertuu isin bira akka turu hin addadha.8Haga guyyaa jila Phenxeqosxe'eetitti ammoo, qachaa Efesoonii keessa hin tura.9Balbalti badhoon bu'aa qabeettiin naaf bananteerti. Worri ana mormu ammoo heddu'u.10Ximootewoos gara keessan yennaa dhufe, akka inni sodaa malee isin woliin tee'u akka gootanu hubadha'a; sababille inni akkuma kiyya hujii Gootta'aa hujaara.11Nami tokkolle isa hin tuffatin; ammoo akka inni nageyaan gara kiyya deebi'u isa gargaara'a. Deebi'iisa isaa obboleeyyan woliin eegiisatti jirra.12Marroo obboleessa keenna Apholoosiille, akka inni obboleeyyan dhibii woliin dhufee isin ilaaluuf, guddoo isa magannifadhe. Inni ammoo amma dhufiisa hin barbaadu; te'uu malee yoo itti tolte hin dhufa.Gorsaa Fi Nageya Muumme'ee
13Dammaqa'a; dhugeeffanna'aan jabaadha'aa dhaabbadha'a; jajjabaadha'aa, jabaadha'a.14Waan hujjanu mara jaalalaan huja'a.15Obboleeyyan tiyya! Isxifaanosii fi maatiin isaa lafa Akaayya'aa keessatti kiristaana jalqabaa akka te'anee fi dhugeeffattoota tajaajiliisaaf akka ifi kennane hin beettan.16Namoota akkasiitii fi worra isaan woliin hujaa dadhabanuuf akka ajajantanuuf isin kadhadha'a.17Dhutti Isxifaanosii, Fortunaaxosiitii fi Akaayqosisii guddoo na gammachiitteerti. Sababille waan isin na woliin as hin jiraatiniif, waan na irraa dhidhate naa guutaneeran.18Isaan gadhaa kiyyaa fi keessan gabbi tolchaneeran. Worra akkasii kana yaadadha'a.19Wolde'ooti kiristaanaa ka Asiyaa keessa jiranu nageya isiniif dhaaman; Aqiila'aa fi Phirsikaan, wolde'a kiristaanaa ka mana isaaniititti wolitti qabamu woliin maqaa Gootta'aatiin nageya isinii dhaaman.20Dhugeeffattooti asi jiranu duudiin nageya isinii dhaaman. Sunqata woyyichaan nageya wol fuudha'a.21Nageya kana ani Phawuloos harkuma kiyyaan isinii barreesse.22Ka Goottaa hin jaalanne yoo jiraate, ka abaarame te'uu ti! Goottaa keenna koottu!23Badhaadhi Goottaa keenna Yesuusii isin woliin jiraatu.24Jaalalli kiyya karaa Kiristoos Yesuusiitiin isin duudii woliin jiraatu. Ameen.