1 Worra Qorontoosii14gax_twf

Kennaa Raagaatii Fi Afaan Haareyaan Dubbatiisaa

1Jaalala hordofa'a; kennaa Ayyaana Woyyichaa, keessattuu raaga dubbatiisaa akka dhaggattanu jabaadha'aa barbaada'a.2Nami afaan haareeyaan dubbatu, waan inni dubbatu ka beeku waan hin jirreef, Waaqatti dubbata malee namootatti hin dubbatu; inni hunna Ayyaana Woyyichaatiin dhossaa dhuga'aa dubbata.3Nami raaga dubbatu, namoota ijaariisaaf, jabeessiisaa fi jajjabeessiisaa dubbata.4Nami afaan haareyaan dubbatu mataa ifii callaa ijaara; ka raaga dubbatu ammoo wolde'a kiristaanaa ijaara.5Isin duudiin afaan haareyaan akka dubbattanu hin jaaladha; ammoo san caalaa kennaa raaga dubbatiisaa akka qabaattanu jaaladha. Waan afaan haareyaan dubbatame san, akka wolde'i kiristaanaa ittiin ijaaramu nami tokko yoo hiike malee, nama afaan haareyaan dubbatu caalaa ka raaga dubbatutti caala.6Maarre obboleeyyan tiyya! Ani mudhii yookiin beekkumsa yookiin raaga yookiin barsiisa tokko adoo hin dubbatin, afaan haareya calla'aan dubbataa gara keessan yoo dhufe, maan isinii baya?7Suusullee yookiin kiraara meya lubbuu hin qanne irrattuu, qoonqoon afuufantu yookiin dhowantu sun qoonqoo adda addaa yoo hin qabaatin, qoonqoon isaan dhageessisanu ta attamii akka teete attamiin beekkanti ree?8Tultullaan afuufamee, qoonqoon isaalle qulloottee yoo beekkamuu dhadde, eennuttuu lolaaf qophowa ree?9Akkasuma, wonni isin afaan haareyaan dubbattanu ka hin beekkanne yoo te'e, nami waan isin dubbattane attamiin beekuu dande'a ree? Isin akka waan qilleensatti dubbattanuu teetan.10Biyya lafaa irratti afaan hedduun adda addaa jira; isaan keessaa hiikkaa ka dhabe hin jiru.11Ani hiikkaa afaan dubbatamuu san yoo beekuu dhabe ammoo, nama dubbatu biratti orma te'a; innille orma natti te'a.12Maarre isin kennaa Ayyaana Woyyichaa dhaggatiisaaf eega dharraatane, waan duuchii caalaa kennaa wolde'i kiristaanaa ittiin ijaaramu akka dhaggattanu jabaadha'aa barbaada'a.13Tanaaf nami afaan haareyaan dubbatu, waan dubbate san hiikuu akka dande'u daadimatuu qaba.14Ani afaan haareyaanyoo daadimadhe, ayyaanni kiyya hin daadimata; qalbiin tiyya ammoo womaa hin hujju.15Maan godhuu qaba? Ani ayyaana kiyyaan hin daadimadha; qalbii tiyyaalle'een ammoo hin daadimadha; ayyaanaan hin faarsa; qalbii tiyyalle'een ammoo hin faarsa.16Ati ayyaana keetiin yoo Waaqa galateeffattu, nami wonni ati jettu haareya itti teetee, hiikkaa dubbi'ii hin beekin, daadimannaa galataa ta ati dhikeessitutti, «Attam Ameen» jechuu dande'a ree?17Daadimannaan galataa ta ati dhikeessite dansaa teetulle, nami dhibiin ammoo ittiin hin jabaatu.18Ani isin duudii caalaa afaan haareyaan waan dubbadhuuf, Waaqa galateeffadha.19Te'uu malee wolde'a kiristaanaa keessatti, afaan hin beekkanneen jecha kuma kudhan dubbachuu irra, namoota dhibii barsiisiisaaf, jecha shan afaan beekkamuun dubbatuu jaaladha.20Obboleeyyan tiyya! Waan hantu'uuf daa'immaan te'a'a; yaada keessaniin ammoo worra guddatane te'aa malee, daa'immaan hin te'ina'a.21Barreeffama Woyyicha keessatti,«‹Ani karaa namoota afaan haareya dubbatanuutii fikaraa namoota afaan ormaa dubbatanuutiin,kolbaa tanatti hin dubbadha;tun teetulle kolbaan tiyya ana hin dhageettu› jedhaGoottaan» jedhantee barreenfanteerti.22Tanaaf afaan haareyaan dubbachuun beessisa worra hin dhugeeffanneef kenname malee, worra dhugeeffateef ka kennamee moti; raagi ammoo worra dhugeeffateef malee, worra hin dhugeeffanneefii moti.23Maarre wolde'i kiristaanaa marti wolitti qabamee, nami marti afaan haareyaan yoo dubbate, namooti hiikkaa dubbii sanii hin beenne yookiin worri hin dhugeeffatin yoo ol seenane isiniin, «Worri kun maraateera» hin jedhanuu ree?24Ammoo isin martinuu adoo raaga dubbatiisatti jirtanuu, nami hin dhugeeffatin yookiin nami dubbiin tun isaaf hin galle yoo ol seene, waan dhage'een cubbuu ifii hubata. Akkasuma dubbii dhage'u duudi'iin isatti muranti.25Dhossaan gadhaa isaa keessa jirtulle ifatti hin baati; innille addaan lafatti jigee, «Dhugumaan Waaqi odduu teessan jira» jedhaa Waaqaaf sagada.

Seera Waaqonfannaa Wolde'a Kiristaanaa

26Obboleeyyan tiyya! Yoona maan jenna ree? Yennaa wolitti qabantanu isin keessaa tokko faarsiisa, tokko barsiisiisa, tokko mudhii, tokko afaan haareyaan dubbatiisa, tokko waan dubbatame hiikiisa hin qabaata. Wonni kun duudiin ammoo, wolde'a kiristaanaa ijaariisaaf te'uu ti.27Worri afaan haareyaan dubbatu yoo jiraate, lama yookiin yoo heddate sad callaan, badoo bado'oon dubbatuu ti; nami tokko ammoo waan dubbatame san hiikuu ti.28Nami hiiku yoo jiraatuu dhabe, ka afaan haareyaan dubbatu sun, ifii fi Waaqa calla'atti dubbatuu malee, wolde'a kiristaanaa keessatti cadhisuu ti.29Raagoti lama yookiin sad te'anee dubbatanuu ti; worri dhibiin ammoo waan isaan jedhane qorqoruu ti.30Worra tee'ane keessaa nama dhibi'iif mudhiin yoo kennanteef ammoo, ka duraan dubbatiisatti jiru sun cadhisuu ti.31Nami duudiin akka baratuu fi jajjabaatu, tokko tokkoon keessan badoo bado'oon raaga dubbatuu dandeettan.32Ayyaanni raagotaa raagotaaf hin ajajama.33Sababille Waaqi Waaqa nageyaa ti malee, ka hoga'aatii moti. Akkuma wolde'a kiristaanaa duudii keessatti te'u,34dubartooti wolde'a Kiristaanaa keessatti cadhittuu ti. Akkuma Seerri Muuse'ee jedhutti, dubartooti akka ajajantu malee, akka dubbattuuf hin eeyyamanne.35Wonni tokko tokko ka isaan beekiisaa barbaadanu yoo jiraatte, abbuma manaa ifii manatti gaafatanuu ti; dubartiin takka wolde'a Kiristaanaa keessatti dubbachuun fokko'o.36Jechi Waaqaa isin irraa dhufee? Yookiin isin qofa geyee?37Nami tokko ani raaga'a yookiin kennaa ayyaanaa qaba ka jedhu yoo jiraate, ajaji ani barreesse kun ka Gootta'aa akka te'e beekuu ti.38Nami tana hin beenne ammoo, inninuu hin beekkamu.39Tanaaf obboleeyyan tiyya! Raaga dubbatiisaaf jabaadha'aa barbaada'a; afaan haareyaan dubbatiisalle hin dhooggina'a.40Wonni duudiin ammoo, karaa qajeela'aa fi seeraan te'uu ti.