1 Worra Qorontoosii12gax_twf

Kennansa Ayyaana Woyyichaa

1Obboleeyyan tiyya! Amma marroo kennansa Ayyaana Woyyichaa akka beettanu barbaada.2Isin duri yennaa Waaqatti hin dhugeeffatin, karaa irraa gortanee gara waaqota dharaa ka dubbatiisa hin dandeennee, oofamaa akka turtane hin beettan.3Tanaaf nami Ayyaana Waaqaatiin sooreffamee, Yesuus abaaru hin jiru; akkasuma Ayyaana Woyyichaan yoo sooreffame malee eennulle, «Yesuus Gootta'a» ka jedhu akka hin jirre akka beettanu barbaada.4Kennansi adda addaa jira; Ayyaanni Woyyichi ammoo tokkochuma.5Tajaajilli adda addaa jira; Goottaan ammoo tokkochuma.6Hujiin adda addaa jirti; waan mara nama duudii keessatti ka huju Waaqa tokkochuma.7Kennansi Ayyaanaa ka nama duudii keessatti mudhatu, bu'aa nama duudi'iitiif kenname.8Ayyaanni Woyyichi tokkoof dandeettii qaroomaan dubbatiisaa hin kenna; ka dhibi'iif Ayyaanni sunuu dandeettii beekkumsaan dubbatiisaa hin kenna.9Tokkoof Ayyaanni sunuu dhugeeffannaa hin kenna; ka dhibi'iif kennansa dhibee irraa fayyisiisaa hin kenna.10Tokkoof hunna bilbaasa hujiisaa, kaaniif hunna raaga dubbataa hin kenna; ka dhibi'iif dandeettii ittiin kennansa Ayyaana Woyyichaatii fi ayyaana hama'aa addaan baasiisaa, tokkoof dandeettii afaan haareya adda addaatiin dubbatiisaa, ka dhibi'iif dandeettii ittiin waan afaan adda addaatiin dubbatame addaan baasiisaa hin kenna.11Ayyaana tokkochuma sanitti tana duudii godha; Ayyaanni Woyyichi akka fedhetti nama tokko tokkoofuu kennansa addaa kenna.

Nafi Tokko Qooda Adda Addaa Qaba

12Nafi tokkochi qoodaadda addaa qaba; nafi tokkochi qooda hedduu qaba. Akkasuma Kiristoosille akka nafa tokkocha qooda hedduu qabuu ti.13Nuuti Yihudoota yoo teenelle, worra Giriikootaa yoo teenelle, garboolee yoo teenelle, worra bilisa yoo teenelle, nafa tokkocha akka teenuuf Ayyaana Woyyichaan cuuphanneerra; nuuti duudiinuu akka unnuuf Ayyaanni tokkochi nu'uuf kennameera.14Nafi qooda hedduu irraa hujame malee, qooda tokko callaa irraa hin hujanne.15Miilli harkaan, «Ani harka waan hin te'iniif, qooda nafaatii moti» yoo jedhe, qooda nafaa te'uun isaa oolchaa hin qabu.16Gurrille, «Ani ila waan hin te'iniif, qooda nafaatii moti» yoo jedhe, qooda nafaa te'uun isaa oolchaa hin qabu.17Nafi duudiin adoo ila te'e, sila maaniin woy dhage'a? Nafi duudiin adoo gurra te'e, sila maaniin foolee fuudha?18Waaqi ammoo, qooda nafa duudi'ii adda addaan akka ifii barbaadetti, addee addee isaatitti qopheesse.19Qoodi nafaa duudiin, qooda nafaa tokko callaa yoo te'e, nafi eessa jiraata laati?20Kanaaf akka amma jirutti, qoodi nafaa heddu'u; nafi ammoo tokkocha.21Maarre ilti harkaan, «Ati naaf hin barbaachittu» yookiin mataan miilaan, «Ati naaf hin barbaachittu» jechuu hin dande'u.22Qooda nafaa keessaa irra caalaa dadhabaa fakkaatanee ka mudhatanuuyyuu, guddoo barbaachisan;23qooda nafa keennaa keessaa ka ulfinna diqqaa qabanu fakkaatanee nu'utti mudhatanuuf, caalchinnee ulfinna kennina; qooda nafa keennaa ka fokkisiisanu fakkaatanee ka nu'utti mudhatanuuf ammoo, caalchinnee kabajjaa kenninee hin eeganna.24Qooda nafa keennaa ka ilatti mudhattuuf ammoo, wonni kun duudiin hin barbaachittu. Waaqi ammoo, qoodi nafaa tuffatamaan ulfinna irra caalu akka qabaatu wolitti qabeera.25Qooda nafaa wodhakkaa garaa garummaan adoo hin jiraatin, akka woliif yaadatanuuf inni tana godhe.26Qooda nafaa keessaa tokko yoo rakkate, ka hafanelle isa woliin rakkatan; isaan keessaa tokko ulfinna yoo dhaggate, ka hafanelle isuma san woliin gammadan.27Amma isin duudiin nafa Kiristoosii ti; tokko tokkoon keessanuu qooda nafa isaa ti.28Waaqi wolde'a kiristaanaa keessatti dursee ergantoota, itti aansee raagota, sadeessoo barsiisota, achiin duuba worra bilbaasa huju, isaanitti aansee worra kennansa dhibamaa fayyisiisaa qabu, worra kennansa namoota qarqaariisaa qabu, bulchitootaa fi worra afaan haareyaan dubbatanu kaaseera.29Duudiinuu ergantootaa ree? Duudiinuu raagotaa ree? Duudiinuu barsiisotaa ree? Duudiinuu bilbaasa hujanii ree?30Duudiinuu kennaa dhibamaa fayyisiisaa qabanii ree? Duudiinuu afaan haareyaan dubbatanii ree? Duudiinuu afaan haareyaan ka dubbatame hiikuu dande'anii ree?31Isin ammoo kennaa caaltu dhaggatiisaaf jabaadha'a. Anille karaa duudii irra caalu isinitti hin mudhisa.