1Akkuma ani Kiristoos fakkaadhu isinille na fakkaadha'a.
Waaqonfannaa Malte
2Waan duudi'iin yennaa maraa na qaabataa, barsiisa ani isin barsiise waan qabattaneef isin leellifadha.3Ammoo Kiristoos mataa dhiiraa, dhiirti mataa dubarti'ii, Waaqille mataa Kiristoosii akka te'e akka beettanu barbaada.4Dhiirti hagooggattee daadimattu yookiin raaga dubbattu ifi salphitti.5Akkasuma dubartiin mataa ifii hin hagooggatin daadimattu yookiin raaga dubbattu, dhiira dubartii irratti baallii qaddu salphitti. Dubartiin mataa ifii hin hagooggatin, akka mataa haadatteetitti laakkowanti.6Dubartiin mataa ifii ta hin hagoogganne yoo teete, rifeensa mataa ifii murattuu ti; rifeensa mata'aa muratiis yookiin haadatiis ka isii salphisu yoo te'e ammoo, mataa ifii hagooggattuu ti.7Dhiirti bifa Waaqaatii fi ulfinna Waaqaa ta mudhittu waan teeteef, mataa ifii hin hagooggatin. Dubartiin ammoo ulfinna dhiiraa mudhitti.8Sababille dubarti'ittuu dhiira irraa dhaggame malee, dhiirti dubartii irraa hin dhagganne.9Akkasuma dubarti'ittuu dhiiraaf dadante malee, dhiirti dubarti'iif hin dadanne.10Marroo kanaa fi sababa ergantoota Waaqaatiif, dubartiin hagoogguu beessisa baalli'ii teete san hagooggatuu ti.11Jireenna Gootta'aan qannuun dubartiin dhiira malee hin jiraattu; dhiirtille dubartii malee hin jiraattu.12Akkuma dubartiin dhiira irraa dhaggante, dhiirtille dubartii irraa dhalatte; wonni duudiin ammoo Waaqa irraa dhagganti.13Me isinuu mura'a; dubartiin adoo mataa ifii hin hagooggatin wolde'a kiristaanaa keessatti Waaqa daadimatuun waan malee?14Dhiirti rifeensa mataa ifii dheereffachuun salphinna akka te'e, aadaan le'ii namaatuu isin hin barsiittuu?15Dubartiin ammoo rifeensa dheeraa yoo qabaatte, isi'iif ulfinnaa motii ree? Rifeensi isi'iille akka ittiin ifi gollattuuf kenname.16Nama yaada kanaan moromuu barbaaduuf ammoo, nuuti yookiin wolde'ooti kiristaanaa ka Waaqaa, aadaa dhibii hin qannu.Irbaata Gootta'aa
17Yennaa waaqonfanna'aaf wolitti qabantanu, dansaa caalaa hantuu waan gootanuuf, barsiisa amma isinii kennuun isin hin leellifadhu.18Waan duudi'iin dura, wolde'i kiristaanaa keessan yennaa wolitti qabamu, gargar bayiisi odduu teessan akka jiru dhage'eera; wonni ani dhage'elle gamis dhugaa akka te'e hin dhugeeffadha.19Isin keessaa worri dhugaa irra jiru fowamee akka beekkamu, odduu teessanitti gargar bayiisi jiraatuu qaba.20Yennaa wolitti qabantanu Irbaati isin nyaattanu ka Gootta'aatii moti.21Sababille yennaa nyaattanu namuu kuun kaan adoo hin eegin qofuu nyaata. Akka kanaan kuun hin beelowa, ka dhibiin hin machowa.22Isin mana itti nyaattanuu fi untanu hin qaddanuu? Yookiin wolde'a kiristaanaa ka Waaqaa hin tuffattanii? Yookiin worra woy hin qanne qaanessitanii? Ani maan isiniin jedhu ree? Marroo waan kanaatiif isin leellifadhaa ree? Ani ijjumaa isin hin leellifadhu.23Barsiisi ani Goottaa irraa fudhadhee isiniif dabarsee kenne kana: Goottaan Yesuus halkan dabarfamee kenname xaltaa daabbo'oo fuudhee,24Waaqaaf galata galchee, cassee, «Kun foon kiyya, ka isiniif te'u; kana qaabbii tiyyaaf godhadha'a» jedhe.25Akkasuma Irbaataan duuba muduunuu fuudhee, «Muduunuun tun gondooroo haareya dhiiga kiyyaan teetu; yennaa isii untanu mara qaabbii tiyyaaf godhadha'a» jedhe.26Isin yennaa xaltaa daabbo'oo kana nyaattanuu fi muduunuu tana untanu mara, haga Goottaan deebi'ee dhufutti du'a isaa lalladdan.27Tanaaf eennulle akka hin malleen, daabboo Gootta'aa yoo nyaate, yookiin muduunuu Gootta'aa yoo une, foonii fi dhiiga Gootta'aa waan salphiseef itti gaafatama.28Maarre, eennulle daabboo tana adoo hin nyaatin, muduunuu tanalle adoo hin unin ifi qorqoruu qaba.29Eennulle foon Gootta'aa maan akka te'e adoo hin hubatin, foon Gootta'aa yoo nyaate, muduunuu Gootta'aalle yoo une yakkaamessa ifi godha.30Sababa kanaaf isin keessaa worri hedduun dadhabee, worri hedduun dhibamee, worri gariille du'e.31Adoo dursinee ifi qorqorreejiraanne, sila Waaqa duratti yakkaameyyii hin teenu.32Ammoo biyya lafaa woliin akka nu'utti hin muranne, Goottaan ammuma nu'utti muree nu adaba.33Tanaaf obboleeyyan tiyya! Irbaata Gootta'aatiif yennaa wolitti qabantanu wol eega'a.34Wolitti qabamuun keessan yakkaa ifitti mursiisiisaafakka hin teene, nami isin keessaa beelaye yoo jiraate mana ifiititti nyaatuu ti. Marroo waan dhibi'ii ani yennaa achi dhufu, qajeelfama isinii kenna.